Ayyaana Irreecha Malkaa Ateetee Burraayyuu Irratti Sabboontoti Oromoo Alaabaa ABO Uffattan Jedhchuun Yakkaman

FinfinneeMootummaan Wayyaanees gaaffii mirgaa uummatni gaafatu karaa nagaa deebisuu irra hidha,ajjeesa,biyya irraa fi hojii irraa ariia.Birraa baranaa ammo mootummaa EPRDF kan mudate waan addaa taheera.Ilmaan Oromoo Ayyaana irreechaa irratti Alaabaa ABO qabachuun sirna bulchiisa Wayyaanee balaaleffachaa dhaadannoo garaa garaa dhageessisan.Ayyaana irreechaa buraayyuutti Onkoloolessa 14/2012 gaggeeffame irrattis qeerroon waraqaalee dhaadannoo garaa garaa maxxansuun uummata Oromoo dammaqsaa fi mirga isaaf akka dhaabbatu taasisuu irratti qooda guddaa kennee jira.Waraqaaleen dhaadannoo

1. Wayyaaneen sagalee cunqurfamtootaa fi ummata haqa qabuu dhagahuuf qophii waan hin taaneef bulchiinsi isaa yerootti dhumachuu qabu dha.

2. Qeerroon qabsoo karaa nagaa mirga argachuuf jalqabe aarsaa kamuu baasee Oromiyaa ni bilisoomsa

3. Qeerroon irbuu uummata irraa fuudhe galmaan ni gaha

4. ABO gaachana ilmaan Oromooti

5. Lama duuun salphina

Kanneen jedhan maxxanfamanii jiran.Mootummaan wayyaanees gocha Qeerroo kanaankan baarage ilmaan Oromoo ayyaana irreechaa kana irratti argaman isin miseensota ABOti jechuun namoota 25 ol mana hidhaatti ukkaamsee jira.Ilmaan Oromoo nagaa mana hdihaatti ukkaamsaman garii keessaa hammi tokko maqaan

Lakk Maqaa Godina Aanaa Hojii
1 Mootummaa Hamsaaluu Waaqjiraa Finfinnee Gullallee Hojii dhabaa
2 Ashannaafii Sambataa Finfinnee Buraayyuu Barataa yuunivarsiitii Finfinnee
3 Biqilaa Taaddalaa Jiraataa Shawaa lixaa Wal maraa Ogummaa fi teeknikaan kan eebbifame
4 Girmaa Isheetuu Shawaa kaabaa Garba gurraachaa Barataa kutaa 10

Kanneen jedhaman addattti mana hidhaa Wayyaanee Maaikelaawwii keessatti darbamanii jiraachuun beekame.

Advertisements

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 15/10/2012, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s