Ayyaana Irreechaa Malkaa Ateetee,Buraayyuu Irratti Ammas Yommuu Yommuu Sabboontoti Oromoo 25 ol Hidhaman.

Ayyaanni Irreechaa Malkaa Hateetee (Burraayyuu) Onkoloolessa 14,2012 haala Oromoon haamlee cimaa fi dhaamsota warraaqsaa itti dabarfateen kabajame. Sabboontoti Oromoo adaa fi eenyummaa isaaniin boonan hamma 500,000 ta’an malkaa ateetee Burryyaatti argamanii yeroo kabajatanitti,mootummaan Wayyaanee humna waraanaa fi poolisaa bobbaasuun Oromoota hedduu qabee hidhaa akka ture fi lafa ayyaanaa osoo hin gahiin magaalota adda addaa irraa akka duubatti deebisaa ture ifa galaa dha,addatti lixa Shawaa irraa kanneen ayyaanichaaf deeman naannoo Gafarsaa jedhamutti konkolaataa irraa buusuun gara dhufanitti akka deebi’an taasisanii jiru.

Saboontoti kanneen karaa adda addaan bakka ayaanichaatti argaman keessaa ammoo warraaqsa gaggeessitan wallee Oromoo kakakaasuu walliftanii ummata akka sirbu taasiftaniittu jedhuun namoota 25 ol akka hidhamanii jiran gabaasi nu gahe addeessa. Maqaa fi bakka itti Oromoonni kun hidhaman gabaasa fuula duraatti dhiheessina.

Akka KQWUO akka gabaasetti odeessa dargaggoonni (Qeerroon) Oromoo ammas Bilisummaa fi Walabummmaa dhaaf kutannoo duubatti deebii hin qabne calaqqisiisuudhaan haamlee fi miira xiiqii kan Harsadiitti agarsiisaa turan haras irra deebiin mirkaneessaniiru!!! Haalli sirbaa fi dhiichisaan dhaamsa QBO dabarfachuu kun bara kana bifa adda taeen iddoo hundatti babalatee itti fufuun kun cinqii guddaa kan isaanitti uume Wayyaaneen haras tarkaanfii dargaggoota Oromoo hidhuu itti fuftee jirti.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Advertisements

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 15/10/2012, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s