Loltooti Wayyaanee Yeroo Oromoota Hidhuuf Ayyaana Irreecha Burraayyuu Keessaa Bobba’anitti Bakka Qubsumaa fi Dunkaana Loltuu Keessatti Ammoo Alaabaa fi Barruuleeen Warraaqsaa Heddumminaan Maxxanfaman

Onkoloolessa 16,2012 Finfinnee

Onkoloolessa 14,2012 Oromoota malkaa Ateetee Burraayyuu  irratti ayyaana Irreechaa kabajachuuf bahan hedduun isaanii qabsoo guddaan lafa irreechaa gahanii kabajachuu dandayan,gariin ammoo reebichaa fi darara poolisa Wayyaanee jalaa miliquun ayyanicha kabajachuuf yeroo bakka malkaa Ateetee gahanitti  yakka tokko malee humna Waraanaa fi Poolisa Wayyaaneen qabamanii mana hidhaa hin beekamiinitti geeffaman.Hanga ammaatti sabboontota 25 ol qabaman keessaan kan maqaan beekaman 6 qofatu mana hidhaa Ma’ikalaawwii itti akka darbaman beekame,yakki isaanii alaabaa ABO uffachuu fi wallee warraaqsaa fi gootaa wallifatan jechuun akka himataman beekamuu dandayamee jira.

Gochaalee Wayyaaneen ummata Oromoo irraan gahaa jiranii fi sochiilee warraaqsaa Qeerroon deemsisu video n waraabamee heddumminaan jiraatu illee sababaa Networkiin dadhabaa ta’eef akka barbaachisutti karaa marsaalee ummata keenyaan dhaqabsiisuu hin dandeenye.

Ammatti video n gabaabaa kun kan muldhisu waraanni Wayyaanee dargaggoota Oromoo harka hidhee yeroo hidhaatti geessuu fi kaan ammoo harkaa fi millla hidhuun lafa isaan ta’an itti dhiidhiitaa akka jiran muldhisa.

Kanuma waliin yeroo loltooti Wayyaanee Oromoota qabanii hidhaatti guuraa jiranitti humni Qeerroo Bilisummaa ammoo mooraa waraanni Wayyaanee qubatee ykn buufatee jiru cabsee seenuun alaabaa ABO fi dhadannoo gara garaa dunkaana waraanaa irratti fannisuu fi maxxansuun mooricha dirree qabsoo gochuun injifannoo guddaa galmeessee jira.Haala kanas videon kun ni muldhisa. Barruuleen warraaqsaa haala lafa Oromoo samamaa jiruu fi mirgi Oromoo sarbamaa jiru akkasumas kaayyoo bilisummaa fi walabbummaa keenyaa eenyu illee nu mulquu akka hin dandeenye kan muldhisu barruuleen heddumminaan ummataaf raabasamanii jiru. Ummannis kana argatee wallee ykn sirboota warraaqsaan gammachuu fi diddaa isaa muldhifachaa turuu Qeerroon naannicha irraa gabaasa.

Malkaa Ateetee Burraayyu

You do not have sufficient freedom levels to view this video.

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 19/10/2012, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s