Hojjettootni Magaala Finfinnee Kutaa Magaalaa Addis Katamaa Aanaa 7 Diddaa Kaasan‏

Muddee 02,2012 Finfinnee

Erga muummichi ministeeraa mootummaa abbaa irree Mallas Zeenaawwiin du’aan boqotee dhaabbati EPRDF Wayyaaneen guyyaa tokko illee nagaa argatee hin bulle.Diddaan hojjettoota irraa yeroodhaa gara yerootti itti dhiyaachaa kan dhufe yaaddoo jabaa keessa buusee jira.Gaaffiin mirgaa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroo) daran jabaachaa dhufuun mootummaa abbaa irree Wayyaaneetti yaaddoo jabaa tahee jira.

Gaaffiin mirgaa fi Bilisummaa hojjettoota Oromoo Magaala Finfinnee Kutaa magaalaa Addis Katamaa aanaa 07 keessatti wal gahii mootummaan Wayyaanee ololaaf waamte irratti ifaan gaafatame.Gaaffiileen

Ilmaan Oromoo baay’inaanis tahe qabeenyaan Uummata Itoophiyaa
dursanii osoo argamanii aangoon siyaasaa fi diinagdee akkasumas abbaa biyyummaa maaliif hin kennamu?
Hojjettoota mootummaa keessaa lammiileen Oromoo ija diinaan ilaalamuun sababa maalii akka ta’e beekamuu qaba?
Wal gahii mootummaa Wayyaaneen qophaa’u irratti hojjettootni Oromoo
maaliif lagatamu?
Qorannaan,Hojii irraa arii’uun,Miindaa dhorkannaan,Hidhaan sababa
Oromummaa qofaan maaliif hojjettoota Oromoo qofa mudata?
Kanneen jedhanii fi gaaffiilee marga sabaa fi sablammootaatti hidhatu heddumminaan kaasuun olola qondaalota Wayyaanee harkatti fashaleessuun gaaffii bilisummaa kaasanii jiran.

Dabballootni mootummaa Wayyaanee siyaasa mataa isaanii gaggeeffachuuf dhufan qaaniin deebi’uun gaaffii keessan gara Siivil Sarvisiitti dabarsina jechuun wal gahiin godhame diddaa fi gaaffiilee mirgaa jajjabduun golboobamee jira jechuun Qeerroon gabaasa.

Advertisements

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 02/12/2012, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s