WALII GALAN, ALAA GALAN !!!!

Y.G(2005)     |    Muddee 25, 2012

“Walii galan, alaa galan!!” Mammaaksii kun Ijoollee kaasee hanga Maanguddootti, beekaa hanga wallaalaatti, Firaa hanga halagaatti hiikkaa ifa ta’e akka laatuuf hin shakku.Mana keessa Nagaan dhibnaan , tarkaafiin jalqabaa mana keessaa ba’uudha.bakka yaada itti cabsatan barbaaddatu. Yoo Biyya keessaa roorroonis ta’uu waan biraan ba’an , alaa galuuf yoo xiqqaate, sammuu ofiin walii galuutu murteessaa ta’a. Mammaaksi kun hiikkaa tokkollee odoo hin laanneefii ykn ibsa tokkollee osoo hin barbaanneefi hiikkaa qulqulluu qaba.

Kun Biyya alaa kan jiruf  qofaa miti kan mammaakamee . Kan Biyya isaa keessa taa’ee , Biyya isaaf keessummaa ta’es ni dabalata. kan eessayyuu jiru , Mana isaa keessatti deebi’ee nagaan jiraachuuf , walii galuun barbaachisaa ta’uu akka hiikkaa isaa tokkoffaatti yoo fudhanne, walii galuu keessaan humna qabaachuu fi kan hin galtu nuun jedhu illee ittin injifachuu akka dandeenyu nu akeeka. Faallaa kanaa yoo yaaduun barbaachises, Mana ofitti akka hin deebineef walii galuun akka nu irra hin jiraanne diinni nu irratti hojjachuu akka danda’u ilaaluu dandeenya.

Alaa galuun murtiidha. Ega murtii ta’ee , walii galuun waan murame jechuudha. Walii galuun ega baraachisaa ta’e ammoo , waan walii nu galchu irratti hojjachuun murteessaadha, waan wal-nu taasisu irra ga’uuf ammo , waan wal nu taasisu irratti walii galuun hundee ta’a. kana jechuun yoo kan ummata keenyaaf jennee wal dhabnu taane, ummata keenyaaf jennee waan wal nu taasisu adda baafannee , irratti hojjannee alaa galuun dirqii ta’a. waggaa 15 dura , Maanguddoo Booranaa Umamaan hayyooman, waan naaf ibsan asi irratti haa kaasu. Maanguddoon kun barnoota tokkollee hin qaban. Garuu beekumsa nama wal taasisee alaa nama galchu hedduu beekan.

Maanguddoon  umuriin badhaadhan waliin, waan Maatii horachuu irratti odoo haasofnuu, Maatii qabbana qabu umuuf , Abbaan warraa fi Haatii warraa murteessaa ta’uu naa himanii, “UmamaanNamni ,dhirris ta’u dhalaan Umamaan dhibba. Umamni nama tokko akka 100 guutudha. Namoonni Umamaan dhibba ta’an kunnin, wayita Maatii horachuuf gaaddisa tokkottii dhufan , waan dhisani fi waan waliin qabaachuu qaban ni qabu.Namni tokko 100 yennaa jennu , qaama isaa odoo hin taane, qalbii jechuu kooti. Kun mirga umamaa guutuu qabaachuu isaa argisiisa. Qalbiin dhiiraa ykn dhalaa tokko amala umamaa 100 ta’e kana bakka lamatti qooddata. Kunis 50 amala dhunfaa yennaa ta’u, 50 ammoo amala waloo nama waliin isa/ishee jiraachisu dhunfaatti qabu. Egaa dhiiraa fi dhalaan Mana tokko dhaabbachuu barbaadan , amala umamaa 100,100 qabatanii mana tokko yo seenan, 200n mana sana guban . gubachuu jibba keessaa baqatan . wal gubuu jibba walirraa fagaatan. Kanaaf , mana tokkotti yennaa galuuf murteeffatan, Amala dhunfaa harka 50 sana dhiisanii, amala waloon isaan jiraachisu 50+50 walitti buusanii 100n jiraachuu qaban. Yeroo kana Abbaa warraa fi haati warraa qaama tokko ta’uu mirkaneessu ” jedhan.

Maanguddonni keenya waan qorannon hammayyaa hin booressine akkasii of harkaa qaban. Nuuti garuu beekumsa hammaayyn kan qaroomne nutti fakkaannee kan harkaa qabnu gannee kan nuuf hin taane waliin joonjofnee waggaatti maatiin meeqa diigamuu dhaga’aa fi dubbisaa jiraanna. Walii galanii alaa galuufis, hubannoon akkasii murteessaa ta’uun wal nama hin gaafachuusu. Yaadi kiyya har’aa  , yaadi lama dhaaba tokko keessa jiraachuun miidhaa amma har’aatti argine nu hubachiisuu fi walii galuu keenyaaf , warra suduudaan dhimmichi isaan ilaallatu qofaa odoo hin taane, warra Namoota ykn qaamoota isaan ilaallatuun duuba kan jirru hundi keenya milkaa’uu walii galanii , alaa galuuf hojjachuun dirqama keenya akka ta’e hubachiisuufi.

Har’a Mooraan qabsoo Oromoo waan Ummati hawwu ykn barbaadu hojjachuuf, rakkoolee jiranif furmaata kan jedhan adeemsisaa jiraachuu hunda keenyatu qalbii qaba. Sochiin gama kamiinu haa ta’uu gaggeeffamaa jiru yoo fiixa ba’e Oromootu itti aara galfata. Yoo milkaa’uu didees Ummatuma keenyatu ittiin gubata. diinni Biyya keessaa isa gugubaa jirus akka jabaatu taasifna. Kanaaf sochii kana gama hundaan dura dhaabbachuuf yaaluun , ykn humnoota siyaasaa oromoo giddutti wal dorgommii bu’aa hin qabne dhalchuuf deemuun , tarii dhala oromoo kan ta’e irraa kan eegamu natti hin fakkaatu.

Shakkii qaban ykn waan gaggeffamaa jiru sirreessuun waanuma jiraati . ta’uu qabas. Kun tokkon tokko keenya irraa kan eegamuudha. Garuu dogoggorri keenya kaleessaa akka irra hin deebi’amu fi wal dhabnee akka alaa hin galleef diinni kan nu irratti hojjatu dagachuun barbaachisaa natti hin fakkaatu. Kaleessa kan adda ba’ee har’a walitti deebi’uun waan umamaati . adeemsatu kana uuma . siyaasaaf ammo aadaadha. Ilaalchi kaleessa wal hidhee wal takaalaa jiraate mee akkas goone haa yaalluun , walii taane ,alaa galuu keenyaaf karaa eegaluu keenya kan mul’isuudha. Waan hundaaf yeroo laachuun barbaachisaadha. Siyaasa keessatti mitii, jireenya dhunfaa keessattu wanni galgala tokkotti jijjiiramee bu’aa argamsiisu hin jiru. Kanaaf yeroo haa laannuf. Waan Ummatichaaf ni ta’a jedhanii eegalan haa dhaggeeffannu . Ummata keessas haa seenu. Hojiidhaanis haa ilaalaman. Maaliif ariifannee , waan reefuu daandii eegalaa jiruu fi daandii dheeraa deeme asi ga’e wal dorgomsiisuuf maaliif ariifanna. Yoo xiqqaate, warri isaan dhaga’aa fi argaa jirru, inumaa mataan lama fakkaatee deemaa jiru, bakka itti wal arguu danda’u akka jiru hubannee maaliif wal busheessuu irraa hin dhaabbanuu ?? keessattu warri Biyyaa alaa jiraattan, dhugaa jiru itti argisiftanii , yoo isaan walii galan malee alaa galuu akka hin dandeenye maaliif hin hubachiftan? Ummati Biyya keessaa abiddaan waadamaa jiruuf furmaata barbaachuu moo, baruma baraan waanuma xixiqqoof wal dura dhaabbatamee jiraachuutu fala nuuf ta’a ?

Nama huabtee ilaaleef, Hundeessitoonni qabsoo kanaa walitti deemuu egaluun waan nu sodaachisu tokko cabsuu arguu danda’a. warri har’a walitti dhufe , Ilaalchatu gama tokko jiraafidha. Warri ilaalcha biraa qabu ammo gama tokkotti goraa jiraachuu argina . kaleessa maaliif walitti hin deebine jechuun ni danda’ama. Har’a yoo ta’woo rakkoo maalii qaba ?  kun waan addunyaan keessa jirtu irraa addummaa maalii qaba ? rakkoon gidduu isaanii gandummaa fi Amatii odoo ta’eewoo ? kan nama sodachiisu kanadha. Yoo adda ba’anis balaa buusanii , yennaa walitti deebi’aniis shakkiin balaa buusuun eenyun fayyada. ? Ummata keenyaaf furmaati kana jedhanii dhiheessuuf , Ameerikaa ykn Aworoppaa dhaqnee barachuu nu barbaachisaa ? maal ta’uu keenya dagachuu keenyaan malee daandii biyyoonni guddannee jedhanii lallaban kana, waggaa 200 fi 300 oliin dura abbootiin keenya ni beeku. Kana wallaallee , alaa galuuf , walii galuu dadhabuu keenyatti eenyun illee komachuu dura, har’allee maal hojjachaa akka jirru xiinxaluu qabna .

Hundeessitoonni , waliin dhaabbachuun isaanii waan hin hafne, kun ammo olee kan buluu miti. Odoo hin jaallanee walii isaaniin alatti eenyu illee akka hin qabne yeroon ijaan argan fagoo hin taatu. Sababaa inni guddaan Ummati (addatti kan biyya keessaa) isaan dursee jiraachuu isaati. Inni lammadaa, haala diinoota keenyaati . kun haqa. Kana mikaneffachuun yoo barbaachise, dhaloota har’aa Biyya keessaa kan itti jiru gaafachuun karaadha.

Wal irratti hololuun barbaachisaa miti ! yennaa jennu , yaadi akkasii dansaa ta’uu walitti himuun hin barbaachisu. Holola wal irratti oofuu isaanii dhalootatti odeessuun of tilmaamsiisuu hin ta’uu . wanni biyya alaa biyya keessatti tamsa’uu kana qofaa irratti xiyyeffachuun dhaloota har’aan of tuffachiisuu hin ta’uu ? yaada namaa qeeqaa ofii achii keessa gangalachuun furmaataa ?

Mee fakkeenya tokko qofaa haa kaafnu. “waltajjiin marii warra qabsoo keessaa abdii kutate ba’ee ofitti deebise ” yennaa jennu, maaliif abdii kutatan ? Itoophiyaa dimokiraatofte warra uuman dhabuudhaan abdii kutatanii ? yoo kun ta’e , abdi kutachuu miti . asi irratti kaasuu hin barbaadu .yoo kan qabsoo furgaasu dhabnee jedhu ta’e, qabsoo furga’uuf jedhuf maalif yeroo hin laannuf ? yeroo gabaabaa keessatti akkasi godhe ! jechuun kun warra karaa jalqabeef iyyuu gaari natti hin fakkaatu . warri waggaa 4 dura baatii ja’a qofaa nu kennaa !! kan jedhanis jiru . garuu har’a waggaa 4 taree jira.

Konfiransiin araarri mirkanaa’a yoo ta’es, arguuf teenyaa maaliif jarjarra ? warri walitti dhufe kun qalbii kana yaadu dhabu jennee maaliif salphifna ? inumaayyuu humnoonni kun  jabiina isaanii kan itti mirkaneeffatan keessa seenu isaanitu natti mul’ata . walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Ummataa fuulleenis haa gaafatamuu , borodhaanis haa gaafatamu, waa tokko afarsuu irra warra waan umamee jiru kana akkamiin kan keenya taasifna ? jennee maaliif irratti hin hojjannu.? Seenaa dhaaba kanaa bara hedduu keessa teenye ykn moggaa dhaabbanne xiinxalaa jiraachuun , waan bu’aa qabu humnoota kanatti argisisuuf moo , ittin wal dukkanessufii ? yaada dhunfaa tokko dhiheessuun dansaa ta’us, dhalooti har’aa maal nu irraa barata ? jedhanii yaadu feesisa.yaada ijaaraa hedduu dubbisanii isaan of masakuun dansaadha.

Ani abdii kan naaf kennu, waan fedheenu humni kaleessa adda ba’e ,har’a walitti deebi’uu isaa odoo hin taane, Ummatan dhaabbadheef jedhan, keessattu dhalootii har’aa funyaan diinaa jala ta’aanii seenaa galmeesisaa jiran, achi ol “lakkii tokko ta’aa” jedhanii dhaamsa ergachuu isaaniti. Jaallannus jibbinus qabsoon oromoo haalli kamuu umamu, waggoota 50n dhufaniif waan gala ta’u guduunfanne jirraa. waan har’a bade boruu srreesse galma barbaannu nu geesisu horannee jirraa !kun ammo hanqinni jiraatu, warruma har’a adda babaafne wal dura dhaabuuf yaallu kanatu galmeesise. Kun haqa !!!!!!!!! Dhaamsi dhaloota har’aa kun, warra har’a nu irraa fagoo jiru jennee yaannufis akka dhihaatu hin shakkiinaa ,Obbolaan walitti deebi’anis, “dhalooti har’aa waan nu gaafachaa jiruuf deebi laannee” jedhanii ibsa baafachuun isaanii , wal dhaggeeffachuun jabaachuu nutti argisiisa, Kanaaf , waan ta’aa jiru kana jajjabeessun barbaachisaadha. Gama qalbiin keenya keessa jiru deggaruuf jecha , Oromummaan walii gallee, alaa galuu keenya gufachiisu hin qabu.waggaa dheeraa dura Amatiin wal qooduun umamee ture. Waggaa hedduu dura. Isaan asitti hin argamne. Gandaan wal qooduun 2008 hojii irra ooleera. Gareen haala akkasiitti dahate yaaleera. Innis har’a hin jiru. Dhiheenya kanaa asitti sun hundi hafee ilaalchaan  wal gurmeessun furmaata jedhamee jira. Kana booda kan dhufu hin jiru. Waan jiru hundumaa ilaallee jirra. Kana irraa barannee dhaloota itti aanu rakkoo nu quunname irraa baraaruun hojii keenya hangafaa ta’uu qaba.

Inni Kaayyon cabe jedhus , Kaayyoo wal fakkaataa qabaachutti walii quufaniiru. Inni seerri cabe jedhus, ragaa waliin yeroo isaatti itti deebi’uuf walii fudhatanii, rakkoo ummata qabee jirutti xiyyeeffannaa jedhamu caalaa maaltu jira ? shakkiin araara kana irraa qabnu , humni kun waliitti dhufuu hin qabu ! jechuu irraati moo,walii galuu hin danda’an ! kan jedhu irraati ? ani holola wal irratti oofu kan jedhu kun na Hin quubsu . humni akka haaraatti of gurmeesse maqaa baafachuuf hin jarjarres ta’uu , kan maqaa qabu yeroof wal irratti dubbachun waan jiraati. Keenya safuu iyyuu qaba. Kan addunyaa irratti wal salphisuu fi wal ajjeesu jiraa mitii ? sirni gadaa barnoota hammayyaan hin boorofne, kana sirritti nu kaa’ee jira. Argaa dhageettin hedduu irra baranne, maaltu nu hollachiisaree ? sadarkaan amma irra jirru, murtiin ummata harka jiraachuu qofaadha. Isaan haa dhaggeeffannu.

Waan amma jiru, ummata hawwachuudha. Kana keessa wal gufachuun jiraachuu ni mala. Kana cinaatti dhifne , kan isaaniin walitti butee , AJANDAA OROMOO IRRATTI  EJJANNOO TOKKO AKKA QABAATAN ISAAN HAA DHIIBNU. ILAALCHI KUN WAAN HIN HAFNEDHA. HALAGAA DURA AKKAATAA WALOON DHAABBACHUU DANDA’AN IRRATTI ISAAN HAA AKEEKNU! WAAN HUNDARRA YEROO HAA LANNUF. HOJIIDHAANIS HAA QORATAMAN. adeemsa eegalame kanatti akkaataa dhimma itti baanu irratti haa hojjannu. Keessa ofii jabeessuuf Qeeqa ijaaraa irratti haa bobbaanu. Galata wal dhabsiisuun kufaatii jalqabaati. Walii galanii , alaa galuufis gufuudha !!!!!!

Advertisements

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 25/12/2012, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s