Infoo Deskii ABO: Akeeka QBO Dabsuuf Yakka Hiriyaa Hin Qabne Wayyaaneen Dalagamu

Flag of the Oromo Liberation Front (OLF) Itali...

Flag of the Oromo Liberation Front (OLF) 

Qabsoon bilisummaa Oromoo wanneen hundee tahan kan irratti akeekkatee gaggeeffamu qaba. Akeeki fi kaayyoon Qabsoo Bilisummaa ummata Oromoo inni innikkaan ummata Oromoo biyya isaa irratti abbaa mirgaa fi biyyaa taasisuu dha. Akeeka kana bakkaan gahuuf qabsoon geggeeffamus sirna cunqursaa mootummaa Itophiyaa irratti malee ummata ykn saba kam iyyuu irratti hin xiyyeeffatu. Qabsoon kun gita saba kana keessaa bahee sirna cunqursaa diriirsu irratti xiyyeeffata malee saba giti kun keessaa madde irratti tasa hin xiyyeeffatu. Ummatni Oromoo mirga isaa uumamaan qabu deebifatee ummatoota ollaa isaa jiran wajjin wal kabajaa, nagaa fi hariiroo gaariin jiraachuu fedha.

Mootummaan Wayyaanee erga aangoo biyya Itophiyaa bulchuu dhuunfatee akeeka QBO dabsuun diinummaa ummatoota biyya Itophiyaa giddutti facaasuuf guyyaan rafee bule hin jiru. Qabsoo bilisummaa Oromoo ummatoota biratti jibbisiisuu fi mararfannoo dhorkachuuf shira wal irraa hin citne xaxaa as gahe. Dhaaba ABO akeeka isaan alatti dhaaba shororkeessaa dha jedhee mana marii isaa kessatti murteessee jira. Ummata Oromoo fi ummatoota ollaa Oromoo jiraatan walitti buusuun dhiigni akka dhangala’u, lubbuun akka dhabamu, qabeenyaan akka barbaadawuu marraa hedduu yaalee jira. Bakka itti milkaawes ni qaba. Shirri mootummaan Wayyaanee shiree fi shiraa jiruu himamee hin dhumu.

Akeeki barru kana shiroota mootummaan Wayyaanee dalage hundaa tarrisuu miti. Shiroota kana keessaa garuu naannoo mana barnootaa fi barattoota Oromoo irratti daba guddaa mootummaan kun dalagee fi dalagaa jiru ragaa qabatamaa wajjin dhiheessuu dha.

Mootummaan ummata nan bulcha jedhu sodaatu tokko yeroo hundumaa ummata san ija jibbaan ilaala. Yeroo hundaa sababa adda addaa uumee ummata sana hidhuu, ajjeessuu fi ukkaamsee dhabamsu irratti bobba’a. Mootummaan Wayyaanees akkasuma. Wayyaaneen gochaa akkasii kan irratti raawwataa jiru kan duraa ummata Oromoo ti. Hawaasa Oromoo keessaa ammoo kan inni akka hamaatti itti xiyyeeffate barattoota Oromoo irratti jechuu dandeenya.

Qondaalota mootummaa Wayyaaneen karoorfamee, tika wayyaaneen qindeeffamee yeroo irraa gara yerootti dabni hiriyaa hin qabne naannoo mana barnootaatti barattoota Oromoo irratti osoo wal irraa hin citne waggoota 10 oliif deemsifamaa har’a gahe. Wayyaaneen baratoota Oromoo jeequun, hidhuu, qaamaa hir’isuu, ukkaamsee dhabamsiisuu fi gabatee barnootaa irraa arihuu fi barattota saboota biroo wajjin walitti buusee jibbaa fi sodaa uumuu saganteeffatee hojjataa har’a gahe.

Amajjii 5, 2013 mooraa yunivarsitii Finfinnee Kiloo 4 keessatti jeequmsi ka’ee lubbuu barataa Oromoo dhabamsiisee, hedduu madeessee fi dhibbootaan mana hidhaatti gursise qaama shira Wayyaanee osoo wal irraa hin citne deemaa turee dha. Tahiinsi Amajjii 5, 2013 raawwate kun qaama karoora mootummaa wayyaanee tahuu isaa baroota 12n dabran keessatti mooraa yunivarsitii adda addaa keessatti waan tahaa ture yaadachuun gahaa dha.

Baroota kana keessatti tuqaan ka’insa jeequmsa baratoota Oromoo irratti raawwatee wal fakkaata. Qorqalbii baratoota Oromoo ni tuqa jedhanii kan karoorsanitti dhimma bahu. Tahe jedhanii seenaa saba Oromoo dabsanii fi arrabsanii barsiisu. Maqaa Oromoon ittin of waamu beekaa dhiisanii maqaa arrabaa fi tuffiin waamanii baratoota Oromoo dheekkamsiisu. T-shirt barruu ummata Oromoo xiqqeessuu fi haddeessu of irraa qabu qopheessanii uffatanii argamu. Yeroo baratooti Oromoo mirga heera biyyichaa irratti hundaa’ani mirgi saba Oromoo akka kabajamuu fi warri gochaa farra ummataa tahe dalagan seeratti haa dhihaatan jedhanii gaafatan, carraan baratoota Oromoo reebamuu, hidhamuu, qaamaa hir’achuu, ajjeefamuu fi gabatee barnootaa irraa arihatamuu tahe. Kun yakka seenaan dhiifama hin gooneef ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiruu dha. Ragaaf akka tahu bara 2000 irraa kaasee mooraa yunivarsitiilee Finfinnee, Haramayaa, Bahir-dar, Jimmaa, Adaamaa fi Arbaa-mici keessatti baratoota Oromoo irra gahe gabaabsinee dhiheessina.

Muddee 21, 2000 Yniversitii Finfinnee
Barsiisaa dhalootaan Tigiree ta’ee Geetachoo jedhamu beekaa kutaa barnootaa keessatti akka nama barruu qorannoo dhiheessutti seenaa Oromoo xiqessuu fi arrabsu “barsiise”. Yeroo kanatti baratooti Oromoo ibsa barsiisaa kana dura yoo dhabatnaan battalumatti humni nageenyaa dhufee baratoota Oromoo 10 ukkamsuun mooraa keessa qabee fuudhee deeme.

Baratooti qabaman kun bakka buteen isanii dhabamnaan baratooti Oromoo walitti qabamuun bulchiinsa yniversitichaa nama Wolde Gerima jedhamu gaafatan. Waan mooraa yuniversitii keessatti tahe osoo beekuu an quba hin qabu jedhee deebise. Bulchiinsa yunvarsitichaa irraa deebiin dhibamnaan baratooti University Finfinee mooraa hundaa walitti qabamuun wajjira humna poolisa mooraa yunveristii keessa maadheefatetti dhaquun haala ijoollee kurnan dhabamtee irratti ibsa gaafatan. Gaaffii seeraa baratooti Oromoo gaafataniif deebiin kenname humna addaa itti waamuun reebuu fi qaama miidhuu tahe. Barattoota guyyaa kana miidhaan irra gahe maqaa isaanii tarrisuun ni danda’ama.

Barattooti 1000 ol ta’an hidhaman keessaa baratoota fincilaaf qindeessitu jedhamuun addatti 18 ammoo Ma’ikelawwiitti geeffamuun miidhaa fi dararaa hamaan isaan irra gahaa ture seenaan ni yaadata.

Guraandhala, 2006, Yuniversitii Bahir-dar fi Gondor
Mootummaan Wayyanee lukkeelee isaa leenjii addaa kennuufiin yunvarsitoota Bahirdarii fi Gondor keessa galchuun akka isaan Oromoo arrabsanii fi hamilee issanii xuqan godhee. Barattooti Oromo moora yuniversiitii Bahirdarii fi Gondar warri Oromoo arrabsanii fi xiqeessan seeraan hagafataman jedhanii iyyata dhiiheessan. Barattooti Oromo karaa seeraan mirgii fi kabaajan ummata Oromoo haa eegamu jedhanii gaaffii gaafatan. Jibbaa fi shakkii barattoota saboota kaanii giddutti uumuuf akka bartooti lammii Amaraa ilmaan Oromoo achi jiran arrabsanii fi hiraarsan taasifame. Magalaalee kana keessa Afaan Oromoo dubbataa deemuun yakka ta’uunn labsame. Akka kanaan baratooti Oromoo hedduun reebamaa fi hiraarfamaa turan. Kan nama gaddisiisu barattooti dhalotaan Amaara tahan shira Wayyaanee kanaaf ulee tahuu isaani ti.

Hagayyaa 2006, Yuniversitii Haramayaa
Mooraa yuniversitii kana keessatti baratooti Tigree T-shirt barruu maqaa Oromoo xureessuu fi Oromoo arrabsu(Gaallaa) maxxanfate qopheessuun uffatanii moora keessa deddeeman. Baratooti Oromoo barattooti gochaa maqaa Oromoo xureessanii fi xiqqeessan dalagan kun akka seeraan gaafataman gaaffii dhiheessan. Deebiin kennameef humna addaa (Agazii) jedhamu mooraa yunbarsitichaa seenuun baratoota Oromoo hedduu reebuun miidhaa ulfaataa irraan gahuu ture. Mirgaa fi kabajaa ummata isaanii tiksiisuuf gaaffii gaafataniif reebamuu duwwaa osoo hin taane gabatee barnoota irraa arihaman. Haalli bakka kanaatti uumame yuniversitiilee Adaamaa fi Jimmaa keessatti babal’achuu isaatiin baratooti Oromoo hedduun hiraarfamanii barnoota irraa arihaman. Haala kanaan Yuniversitii Haramaayaa irraa baratooti 42 ol, Yuniversitii Adamaa irraaa 20 ol, akkasumas Yuniversitii Jimmaa irraa 23 barnoota irraaa arihaman. Maqaa bartoota yeroo kan arihamanii dhiheessun ni danda’ama.

Bitootesssa 2009 Yuniversitii Bahir-Dar
Yeroo lammaffaaf Yuniversitii Bahir-dar keessatti baratoota Oromoo irratti hokkora dhalchan. Tikni Waayyaanee barataa fakkeessaa lukkee isaa mooraa keessa galchuun maqaan Oromoo ‘Gaallaa’ dha malee jechuun akka Oromoon ummata gadi aantii ta’etti akka dubbatan taasisan. Baratooti Oromoo heera mootummaa biyyattii fii seera biyyattii keessatti ummati kamuu kabajuun dirqama bakka jedhametti akkamiin Oromoon akka sabaatti arrabssama, kun seeraan haa ilaalamu jedhani gaafatanii jennaan deebiin isaa reebichaa fi hiraarsa ta’e. Baratootni 80 ol ta’an mana hidhaatti guuramanii humna Agaazii jedhamuun gara jabeenyaan reebamani qaamaa hir’atan.

Caamsaa 2010 Yuniversitii Finfinnee
Baratootni ilmaan Tigray of fakkeessanii tika mootummaa tahan mooraa Universitii seenuun barattoota Oromoo tuffachuu fi arrabsuu jalqaban. Yeroo kana barattooti Oromoo kabajaa isanii fi ummata isaanii tikfatuuf haalli kun seera biyyattiin qabamee akka furmaata argatu bulchiinsa yunveristichaa gaafatan. Yeroo kanatti deebiin isaaniif kenname humna addaa Agazii itti waamuun baratoota Oromoo gara laafina tokko malee reebuun miidhaa qaamaa fi qorqalbii guddaa irraan gahu ture. Haala yeroo kana uumameen baratootni hidhamanii fi miidhaan isaan irra gahe seenaaf maqaa isaanii tarrisuun ni danda’ama.

Ebla 2011 Yuniversitii Mizan-Teeppii
Bifa baka birootti taheen haala wal fakkaattuun baratooti dhalootaan Tigree tahan dirqama itti kenname kan baratoota Oromoo rukuchisu raawwachuuf jecha tuffii fi arraba guddaan Oromoo waamaan. Bartootni Oromoo yaada tuffii fi arraba ilmaan Tigirootaa kana dura dhaabbannaan humna addaa Wayyaneen tumaman. Miidhaan guddaan irra gahee. Baratooti hedduun tajaajila fayyaa waan dhabaniif kan haga ammatti reebicha Agaziin irraan gaheen dararamaa jiran jiru. Yeroo kanatti keessattuu baratooti haala hamaa kana baqatanii dheessuun lafa dhaloota isaniitti galuuf yaalii godhan illee qabamuun gara dabarfamanii bakka hin beeknetti hidhaman. Kan haga ammaa bakka buuteen isanii illee hin beekamne ni jiru. Baay’inni baratoota yeroo kana balaa kanaaf saaxilaman baratoota hunda yunbarsiitii sana keessatti ramadaman jechuun ni dandahama. Haalli kun yunvarsitoota Haramayyaa, Arbaa mincii fi Wallaggaatti cehuun bartoota Oromoo hedduun miidhamaniiru.

Amajjii 5, 2013 Yuniversitii Finfinnee
Jeequmsi dheengadda Yuniversitii Finfinnee mooraa Kilo 4 keessatti eegalees warreen darban kana irraa adda miti. Humna tikaa Wayyaneen qindeefamee barruun ‘Gaallaan ummata gadhee dha” jedhu naannoo Cafteeriyaa baratootaa, kooridarii fi dormitarii keessatti maxxanfame. Barattoonni Oromoo barruu arrabsoo kana arganii karaa nagaa taheen gabaasan. Humni poolisaa bakka kanatti argame warra yakka kana dalage qabee seeratti dhiheessuu osoo hin taane barruu san haqee ragaa balleessuu irratti xiyyeeffate. Barattoonni Oromoo mormii dhageessisan. Akeeki barattoota Oromoo rukutuu waan taheef battalumatti humni diinaa silaa iyyuu qophaawee jiru moora seenuun baratoota Oromoo gara laafina tokko malee reebuun walitti qabee mana hidhaatti naqe. Reebicha irraa kan ka’e barataan Oromoo tokko du’uun mirkanaawee jira. Baratooti reebaman hedduun du’aa fi jireenya gidduu jiru.

Cunfaatti haalli ta’e kun sababoota sadii gurguddaa irraa madda. Inni duraa, Wayyaneen yeroo hedduu Fincilli ummataa natti ka’u mala kan jedhu yeroo yaadu bartooti qindoominaan akka fincila isanii hin deemsifneef dursee fashalsuu kan jedhuu dha. Sodaa fi jibbinsa irraa tarkaanfiin kun qindaawa. Inni lammaffaan, bartooti saboota biro bartoota Oromoo waliin akka hin taane addaan tiksuu fi madaalli humnaa kun akka to’annoo isaa irra hin darbine eeguuf rawwatama. Kan sadaffaa, sirna mootummaa Oromoo gadi xiqqeessee of jalatti bulchuu dhaalan tikfachuu fi qorqalbiin Oromoo of jalatti bitanii tursuu kan jedhu dha.

Waggootii 12f bifa sagantaawee fi qindaaween mooraa yuniversitiilee adda addaa keessatti shirri mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo irratti raawataa har’a gahe akeeki isaa: 1) Barattoota Oromoo jeequun akka hin baranne dhorkuu, 2) akeeka qabsoon bilisummaa Oromoo dabsuun jibbamsa ummatootaa irratti kan hundaawe fakkeessuu, 3) Sabboonummaa Oromoo didhuu fi tuqanii ilaaluun hamilee barattootaa fi ummata Oromoo cabsuuf yaaluu, 4) Ofumaa jeequmsa uumuun barattoota Oromoo keessaa warra sochii mirgaa ummata isaanii qindeessu jedhanii shakkan rukutuu fi dhabamsiisuu tahee mul’ata.

Gochaan ijibbaataa fi abdii kutannaa mootummaa Wayyaanee kun tasa galii isaa gahuu hin danda’u. Sabboonummaan Oromoo kanaan hin kolaafamu. Akeeki saboota kaanii wajjin Oromoo walitti buusuuf dhama’amus bakka hin gahu. Dhaamsi keenya warri beekaas tahe osoo hin beekin gochaa Wayyaanee kana bira dhaabbatan dafanii akka gochaa kana irraa of dhaaban hubachiisuu dha.. Akeeki qabsoo bilisummaa Oromoo sirna mootummaa irratti kan xiyyeeffatee dha malee jibbaa fi haaloo bahuu saba kamuu irratti kan akeekkate akka hin taane irraa deddeebinee hubachiifna. Ummata Oromoo ummatota kaan biratti jibbisiisuuf yaaliin Wayyaaneen raawátu kan fashaluu danda’u warri akeeka QBO osoo hin hubatin gochaa Wayyaanee tumsaa jirtan yoo irraa dhaabbatan duwwaa dha. Kana irra darbee gochaa fokkisaa mootummaa kanaaf tumsuu irraa balaa fuula duratti ummtoota gidduutti dhalatuuf ummatni Oromoos tahe Qabsoon Bilisummaa Oromoo gaafatamaa akka hin taane hubachiifna. Gaafatama kan fudhatan mootummicha imaammata ajaawaa kana itti fufinsaan gaggeessuu fi kanneen tumsa isaaf ummata Oromoo fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti duulan taha. Mootummaa Wayyaanee kan ummatoota biyyichaa hundaa miidhaa fi saamaa jiru irratti xiyyeeffachuun gamnummaa dha. Gaaffii yerootis.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Infoo Deeskii ABO

Amajjii 09, 2013

Advertisements

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 10/01/2013, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s