“Operation (Duula) Gammachuu Abdii” jedhamuun WBOn Injifannoo Galmeessise

WBO (Madda Oduu ABO/MOA/Amajjii 14,2013) Bilisummaa Oromoo(WBO) Baha Oromiyaa, Hararge Dhihaa keessa sosso’u Amajjii 2, 2013 Ona Bookee bakka Burqaa Diimtuu jedhamutti humna diinaa sochii irra ture haxxeen haleelee loltoota 8 irraa ajjeesuun 5 madeesse. Kana malees humni addaa WBO humna diinaa karaa guddaa Finfinnee geessu irratti paatrooliif bobba’e Bordoddee fi Awaash giddhuutti haxxeen rukutee diina irraa 6 battalumatti ajjeefame. Makiinaan ittiin sosso’aa turanis guutummaatti barbadeeffamte. Tarkaanfii Amajjii 5, 2013 WBOn fudhate kanaan humni diinaa haleelame humna addaa moggaafamee kan hojii sakkattaaf leenjifame tahuun beekameera.

Gama biraan WBOn tarkaanfii fudhatu itti fufuun Amajjii 8, 2013 Hararge Dhihaa Ona Mi’essoo magaalaa Mi’eessoo bakka Buttujjii jedhamee beekamutti qondaalota diinaa bashannanaa turan haleelee diina irraa 7 ajjeesuun 5 madeessee jira. Diinni tarkaanfii WBOn fudhate kana ijaa bahuuf ummata nagaa naannoo sana jiraatu 100 olitti herregamu hidhee dararaa akka jiru beekameera. Tarkaanfiileen Baha Oromoyaa irraan fudhataman kanneenis Operation(Duula)Gammachuu Abdii jedhamuun kan beekamu tahuu ajajni Godinaa Bahaa hubachiiseera.

Advertisements

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 15/01/2013, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s