Kutaa 1ffaa: Utaaltee muka yaabdee, Buutee mucaa ishee dhabde

Jiituu Sabaafi Lammii Moosisa | Unbarsiitii Finfinnee – Amajji 2013

Barri isaa duri. Dhugaa, soba, leenca, ibidda, bishaaniifi bofatu wajjin jiraataa ture. Garuu sobni hunda isaanii fixee kophaa waan hunda dhuunfatee jirachuuf karoora baafate. Akkaatuma kanaan bofa kophaatti waamee “… leenci yoo nuti waa arganne silaa nurraa fudhataa maal goonu?” jedheen. Bofnis “… isa anuu nan ajjeesa!’’ jedhanii akkuma jedheyyuu leenca hiddee ajjeese. Sobni du’a leencaa erga hubatee booda, ibidda kophaatti waamee “… waan gaarii tokko yoo arganne bofti nuurraa fudhata. Kanaan dura leencayyuu akkatti ajjeese silaa argitee Maaltu nu baasa?’’ jechuun mararteen gaafate. Abiddis akka aaruu ta’ee “… yemmuu inni marmartee fura keessa ciisuun walitti qabee isa guba.” Jedheen. Akkuma jedhes gubee ajjeese.

Sobni karoora isaa ittifufuun bishaan kophaati waamee “… ibiddi cimaa waan ta’eef hunduma keenyayyuu baleessuu waan danda’uuf akkamiin callifnee ilaalla?” jechuun mari’ateen. Bishaanis akkuma warra kaanii ariidhaan “… ani isaaf nan ta’a!” jedhee dhaadate. Akkuma jedhe sana itti dhangala’ee abidda balleessee ofiis daaraa keessatti bade. Dhuma irratti sobnifi dhugaan walitti hafan. Sobni diinni isaa inni hamaan hafuu erga hubatee booda fala biraa barbaacha eegale. Irriba dhabee erga yaadaa turee booda toftaa dhugaa ittiin balleessu baafate.

Tooftaa isaa garuumatti qabatee otoo waliin deemaa jiranii gaaftokko randa wayii jala gahan. Sobni guyyaa akka kanaa lamuu argachuu waan hindandeenyeef akeeka isaa raawwachuuf qophaa’e. Akkuma randa sana jala gahaniin “… asuma jala taa’i akkana ol goreen dhufaa!’’ jedhee gaaratti ol-bahe. Lafa isaaf mijatu erga gahee booda dhugaa of jalatti gadi ilaalee diina isaa kana achitti macalaqsee obbaafachuuf irraan gadee dhagaa itti gangalche. Akka yaadame ta’uu didee dhagaan ajeechaaf ergame yemmuu dhugaa bira gahu dhoqqee warqii ta’ee dhugaatti uwwifame. Sobni du’a dhugaa ilaaluuf yoo deebi’u dhugaan warqii uffatee arge. Aarii keessa isaa dhokfachaa “… Kana eessaa argatte?’’ jedhee gaafate. Dhugaanis “… Gubbuma kanaa konkolaatee dhufee na aguuge.” jedhee itti hime. “… isammaa anatuu dhagaa sitti gadi gangalchee booda warqii sii ta’ee, mee atis ol bahiitii akka narraa hingorretti dabaree kee dhagaa natti konkolachisi!’’ jedhee kadhate. Dhugaanis dabaree isaa gaaratti bahee sobatti dhagaa gangalche. Dhagaanis warqii ta’uu didee soba awwaale jedhama.

Haalli har’a sabni Oromoo keessatti argamu kan yoom caalayyuu qaanessaa ta’aa jira. Shira harka lafa jalaatiin qindaa’ee Oromoo fi Oromiyaa dhabamsiisuurratti hojjatamaa jiru dabalatee hojiiwwan fuulleetti hojjatamaa jiran hundi dhugaa kana mirkaneessu. Qe’een Oromoo buqqa’ee hambaaf qoodamaa jira; namguddoon saba kanaa qubsuma yeroollee dhabanii hadiyyootti hafan. Daa’imman sabichaa barnoota qaroomina addunyaa waliin tarkaanfatu akka hinarganne gochuun wixineen kaleessa saba kana moggaatti hambisuuf bahe isa dur caala hojiitti jira. Ka’imman Oromoo carraa hojii dhoowwatamanii akka warra saba isaanii ajjeessaa jiruuf ergaman halkanii guyyaa duula walirraa hincinnetu deemaa jira. Uummanni bilisaatti yaada isaa akka hinibsanne, madda walabaarraa odeeffannoo walabaa argatee dhugaa jiru akka hinakeekkanne gochuuf ammallee danqaa hamaatu jira. Caasaan tikaa qe’ee Oromoo keessatti diriiree nama shan hidhaa tokko keessatti galchuun tokkoon tokkoon dhala Oromoo hidhaa diinaa keessatti eegama. Oromoon akka saba tokkoo walgahee: aadaa, seenaa, afaaniifi mallattoolee eenyummaa isaa mul’isan akka hinguddifanne garaagarummaa sobaa uumanii walirraa fageessuuf yaalii heddutu ta’aa jira. Qabeenyaan biyya Oromoo qusannoofi of eeggannoo tokko malee, fedhii fi ayyama sabichaa malee halkanii guyyaa samaama. Ilmaan saba kanaa shira kana morman ykn. mormuu malan adamsamanii ajjeefamu; hidhaattii guuraamu; harka lafa jalaatiin jiruu hawaasummaafi diinagdee keessaa qoqqobamu, gariin ammo lubbuu oolfachuuf jecha biyyarraa godaanuu, gammoojjiifi galaana biyya ormaa keessatti bineensaan nyaatamu. Kunniin rakkoo Oromoon ittijiru keessaa hanga xiqqoodha. Gadi fageenyi isaa kana daran bal’aafi sukkanneessaadha.

Har’a akeekni keenya rakkoo tarreessuu miti. Rakkoo kanaaf furmaata barbaaduudha. Furmaataaf ammoo raajii addaa uumuun dirqama hinta’u. Garuu gatii baasuu gaafata. Gatiin nuti baasaa jirru maaliif maalirratti akka ta’e hubachuun manii keenya sirreeffachuu qabna. Har’a Oromoon hunduu gatii baasaa jira jechuun nidanda’ama. Garaagarummaan jiru, inni tokko ulfina saba isaa bakkatti deebisuuf gatii baasa. Maaliifi maalirratti akka gatii baasaa jiru beeka. Bu’aafi miidhaa dhufu dursee tilmaamee ittideema. Of otoo hintaanee faayidaa sabaaf dursa keenna. Isaan gariin gola ormaa ijaaruudhaaf gatii baasaa oolu. Gatiin isaan har’a baasan bor maal fidee akka dhufu hinbeekan. Beekanis karaatti of deebisuuf seexaa dhabanii karaa gidduutti danqamanii nama danqu. Muul’anniifi Sanaaf jecha ofiis ulfina hinqaban, sabaafis ulfina hinta’an. Ormaaf gaatii baasaa jiraatu. Gatiin isaan baasaa jiran deebi’ee isaanuma salphisa. Diina isaaniifis ta’ee, saba isaaniif hintolle jabeessanii dhaabuutti ofii kufanii hafu. Diinni yeroof ittifayadamee darabatee gata. Hedduun isaanii bakka hintaanetti darbamanii argaa jirra. Lama dhabduu. Seenaarraa barachuu yookin ammoo jiruu isaaniirraa hubachuu dadhabaniiti malee miidhamni isaanitti caala. Diinni Oromoof dhufe Oromoo isa kamiifuu toluu hindanda’u. Tolees hinbeeku. Kanaaf kabajaa saba ofii caalchifatanii faayidaa diinarraa dhufu laagachuutu wayya. Gaafa akkas gochuu danda’an qalbii sabaa keessa jiraatu. Sabni tokko yoomuu jiraataadha. Jalqabaafi xumura hinqabu. Kaleessas tureera, har’as jira, boris nijiraata. Sabni tokko akkuma oolmaa isaatti dhaloota hundaafuu madaallii qaba. Madaalliin qalbii sabaatiin haltokko murame seenaa saba sanaa keessatti hafa. Kanaaf yookan akka ulfaatanitti yookaa ammo akka salphatanitti yaadatamaa hafu. Namuu salphina hinfedhu. Kanaaf madaallii akkasiirratti of sirreeffachuutu hunda caala. “Utaaltee muka yaabdee, Buutee mucaa ishee dhabde.” Isa jedhan akka hintaane, kun dhaamsa warra karaarraa maqeef qabnu keessaa tokko.

Walii galatti, Gatiin nuti har’a baasaa jirru ulfina kana keessatti kan nu deebisu yaakan ammo ulfina kana keessatti kan nu tiksu ta’uu qaba. Gatiin nuti baafnu gatii diina keenya nurraa buqqisu, nuufis saba keenyaafis ulfina fidu ta’uu qaba. Gatii biyya keenya ittiin dhuunfaannee ulfinaafi kabajaa saba keenyaa ittiin deeffannu ta’uu qaba. Oromoofi Oromiyaan dhaloota akkanaa barbaada. Lafa ulfinaatii barbaadamanii dhibuu Waaqayyo diroo keenyaan haabaqatu. Kabajamoo ilmaan aayyaa, dubbiin “ duri …” jennee jalqabne har’as nu waliin jira. Otoo akka warra dhagaa nutti gangalchuutii har’a hingeenyu ture. Dhagaan sobaa dhugaa hinkuffisuutii warri dhagaa nutti gangalchan ofumumaafuu awwaalamaa jiraachuu argine. Ammaaf jarjaraan galata galfachuuf ariifachuu baannus warra sobaan dhugaa awwaaluuf yaalaniifi akkasumas akeeka walfakkaatu qabatanii nutti qaaxxisanif dhaamsa qabna. “Dhugaan keenya hanga’ee muul’achaa jira. Dhagaan isin gangalchitan isinumattuu garagalee awwaala keessan yoo ta’u argaa jirra. Warra gochaa kanarratti cichanii hafan ofirraa godaansisuuf, akkasumas akeeka isaanii waliin alaalatti hambisuuf dhaloonni seexaafi murannoo haaraa qabu toora waldhaansootti ce’uu firattis diinattis fuulleetti dubbachuu feena. Kanaaf diddaan barattoonni Oromoo yeroo adda addaatti gabrummaarratti agarsiisaa jiran fakkeenya mirkanaa ta’a. Warra dirqama kana hubatanii ulfina saba isaanii bakkatti deebisuuf waakkii tokko malee gatii hanga hinqabne baasaa jiran guddaa dinqisiifanna. (ittifufa)

Advertisements

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 27/01/2013, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s