Barattooti Oromoo Yuuniversitii Madda Walaabuu Keessaa Ukkamfaman

Gurraandhala 05,2013 M.Walaabuu

BilisummaaGaafa Amajjii 29,2013 Baratootni Oromoo Mooraa Yuuniversity Maddaa Walaabuu irraa Humna poolisaa Federaalaa wayyaaneetiin ukkafamanii hanga har’aatti bakka bu’an hin beekamne.

Baratotni Oromoo Yuunivarsiitii Maddaa Walaabuu keessaatti dabbaalotaa Wayyaaneetiin hordofama ergaa tunii boodaa gaafa Amajjii 25, 2013 Bulchiinsaa Mooraa Yuunivarsiitii Maddaa Walaabuutiin isiin ilaalchaa diinummaa of keessaa qabduu jechuun dorsifamaa erga turanii boodaa gaafa Amajjii 29,2013 ammoo humna poolisaa Federaalaatiin ukkaafamanii essaa buteen isaanii illee kan hin beekamne ta’uu Qeerroon gabaaseera. Baratootni maqaan isaani

1ffaa Barataa Darajjee Baqqalaa Mummee barnotaa Qonnaa barataa waggaa 2ffaa,

2ffaa bartaa Guddataa Taarikuu Muummee barnotaa waggaa 2ffaa,

3ffaa Barataa Hambisaa Hayilee mummee barnotaa Turiiziimii waggaa 3ffaa, fi
4ffaa, Barataa Gammaachiis Hordofaa barataa waggaa 2ffaa kanneen
jedhamaan badii tokkoo malee barnotaa isaanii irraa humna poolisaa federaalaan qabamanii hanga ammaa essaa buuteen baratootaa kanaa kan hin beekamnee ta’uun gabaafamera. Kanaa malees sabboontotni baraatootni Oromoo heedduun humna tikaa Wayyaaneen mooraa Yuunivarssiitii sana keessaatti hordofamaa fi dorsiifamaa jiraachuu Gabaasni qeerroo irraa nu ga’ee

ibsee jira Qeerroon baratootni Oromoo Yuunivarsii Maddaa Walaabuu hidhaaf ukkaamsaan diinaa falmaa bilisummaa irraa duubatti nu deebiisuu hin danda’uu, gamtaan kaanee sagalee keenyaa dhageesifachuu qabna, teenyee hidhaa eeggaachuun gadhummaadha, diinaa nu hidhuuf nu ajjeessuuf, nu dararuuf nurraatti bobbaafamee tokkuummaan ni balaaleffaanna, Harka wal qabannee mirgaa keenyaaf ni falmannaa jechuun dhaammataan.

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 06/02/2013, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a comment