WBOn ummata waliin diina haleele

Haasxaa WBO

Madda Oduu ABO/MOA | Gurraandhala 23, 2013

Gurraandhala 18, 2013 Baha Oromiyaa Ona Mi’eessoo magaalaa Mi’eessoo keessatti qabeenyan basaasa Wayyaanee kuusaa boba’aa SHELL gubame. Abbaan Kuusaa boba’aa kanaa Aabboo jedhamuun kan beekamu oggaa tahu yeroo dheeraaf kan ummata rakkisaa turee fi gorsa kennameef fudhatuu diduu irraa WBO qabeenya isaa irratti tarkaanfii kana fudhate.

Gama biraan guyyuma kana Gurraandhala 18, 2013 Ona Mi’eessoo bakka Bordoddee jedhamuttii ibidda Wayyaaneen qabsiifteen ummata Somaalee fi ummata Oromoo giddutti lola jabaa adeemsifameen gama lachuu miidhaan guddaan gahee jira. Lola kana keessatti humni Wayyaanee kan araara buusu fakkaatee Somaalee tumsuu irraa lola ummatni keenya diina kana of irraa ittisuuf adeemsiseen waraana diina irraa 5 ajjeefamee 9 madaa’uun beekameera. Humni WBO lola waraana diinaa waliin godhame kana keessatti ummata keenya waliin hiriiruun waliin lolee abdii fi gaachana ummataa tahuu mirkaneessee jira.

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 25/02/2013, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s