Iyya’a Dargaggoo Oromiyaaf

Ibsaa Guutamatiin ,Bitotessa 2013

Oromiyaan biyya abbooliin Oromoo yeroo hin yaadatamne kasee diina irra ittisaa, tokkummaa saanii cimfataa, seeraa ilmaan nama hunda walqixxummaan ilaaluun of bulchaa turan. Diinota saanii yeroo hedduu dabsataniiru, yeroon jalati kufanis ture. Duulli jaarraa kudha shanii kaasee godhame haala facaa jalaa of baasanii gumaawun jarmaa saanii cimfatanii biyya saanii itt deeffatan ture. Jaarraan shan itt haanan kan duulaaf bobba’anii walitt deebi’uu dadhaban ture. Kara karaan walitt deebi’u yoo yaalan ollaan meeshaa ibidda tufuu hidhateen hankaafamanii qabaa halagaa jala seenan. Kan bakka kufanitt akka hafan barbaadan sana akka hin yaadanne itt ori’uu. Suun seenaa saanii gootota kukumkuma itt dhaban waan ta’eef yoo irraanfatan lafeen saanii isaan warana. Onneen saanii ammallee ijoollee saanii keessatt hafeera. Kanaaf hamilee horanne, galata dhiiga gootawan kufanii sirriiqaa, gaabbituu gataa imaltuu keenya itt fufaa jirra.

Kolonummaa fashalsuuf yaaliin godhaman hedduu dha. Garuu jaatamoota keessa marii fi ijaarammii dargaggoo Oromoo kallattii hundaa walitt dhufaniin tolfaman kan caalaatt sabicha boonse mataa ol qabachiise. Addi Bilisummaa Oromoo hobbaatii gurmuu yeros uumameeti. Kaayyoo inni ittiin bobba’e kaayyoo saba saa, Demokratik Republik Oromiyaa ofiin bultu bilisa, kan ummati see nagaa fi gammachuun keessa jiratu gad dhaabuu dhaa. Jagnooti sun abbaan biyyummaa Oromoo kan hin biinxa’amne moo’ummaan saa kan gaaffii jala ooluu hin qabne ta’uu labsani. Kun mirga sabummaa hiree ofii ofin muteeffachuu addunyaan beeken dhugooma.

Kurnan afur darban keessa lubbuu hedduutu galafatame, qaama hedduutu naafate, qeyee hedduutu faca’ee, maatii hedduutu guraarame, qabeenya hedduutu barbadaawe. Wareegama dargaggoon sun baasanii fi miidhama ummata Oromoo irra gaheen jija gurguddaatu galmeeffame. Kan lubbuun hafan keessa mamiin kaayyoo utuu hin facaane caalaatu galmeeffama ture. Xiinxala sanaa seenaaf dhiisuu dha. Gaaffii belbelaan dargaggoo si’anaa fuldura jiru, amma maal yoo goone kaayyoo dhiigi sun hundi itt lola’e fiixaan baafna kan jedhu. Deebin saa jaaramaa cimfachuu, waan qabaniitt dudhama (commitment)qabaachuu dha. Sun dhaaba sabaa angaafichi akka jabaatu utubaa sibilaa ta’uufii danda’a. Dargaggoon yerosii kan akka tasaa wareegama irra hafan amma dulloomaa jiru. Rakkinni isaan bobbaase ammayyuu hin furamne. Caalaattuu, sabichi tuffatamaa, amanteef jeeqamaa, biyyattiin dureeyyii alaatt gurguramaa, ummati araddaa hiddi hannuura saa itt awwaalamee kan dur caalaa buqa’aa jira. Kana caalaa maaltu didhaa nama irra kaa’uu danda’aa? Didhaa sana baasuuf ciminaan ijaaramuu, ijaaramuu, ijaaramuu dha!!

Egaa, filmaati jiru qabsoo waggoolii 40 dura eegale jabeessanii itt fufuu yk harka kennatanii kan diinni namaa darbatuun salphina lulluuqqataa jiraachuu dha. Kaayyoo dargaggoon ganama jala bobba’anii dhuman dogoggoraa ture kan nuun jechuu barbadan jiruu. Jechi kun dhaloota haaraa karaa irraa ceessisuuf kan karoorfame. Diina akka utabaa jaanjarott fudhatanii sossosuu saaf abdii kutachuun jalummaa fudhachuun isaaniif ni liqimfama ta’a. Duddi saanii ba’aa hin daddhabu. Sabboonotaaf garuu sun salphina ilmoon namaa hafee kotte duudaanuu ni obsaaf hin jedhamne. Hanga yoonaa karaa kabajamaan gaaffiin Oromo itt deebi’u kan ABOn dhihesse irra wayyaa ta’e hin dhihanne. Dhugaan jiru want dhihataa jiran hundi kanneen shakalaan fashalan malee raajii addaa tolchu kan dandahan as hin baane. Daayi (vision) ummata Oromiyaa hiree saa irratt abbaa tahuuf bilisoomuu dha. Kan sanaan alaa fafa.

Oromiyaa irra fagaatanii kan jiraatan laalaan saa hanga kanneen gubataa jiranii itt hin dhagahamu taha. Nammi biyyaa guyyuu ildiimamaa, doorsifamaa, dhiitamaa, ajjeefamaa, ari’amaa, yoom natti dhufu jedhee birdhuun goolamaa jiraata. Kun haala galtuu fi gantuunillee jalaaa miliquu hin dandeenye. Alajiraachuun yoo hardha itt hin dhagahamne oolee bulee ijoolleen saanii jeequmsa eenyummaa jalaa bahuu hin dandahanii. Kanaaf waan danda’aniin dirmatanii qabsoo saba saanii jajjabeessuun duubbee ittiin boonan uumuufii danda’a. Qabsoon wal danda’isaa fi obsa gaafata. Dantaa ofiif durfannoo yoo kennine eessaanu hin ga’u. Ofirrumaa, of jaja fi of tuuluun farra qabsoo fi jireenya hawaasomaati. Miira basaasa diinaan jajjabeeffamusii.

Deemsa ofii keessatt cabsaa cabsaatt dhabbatanii of qoruun kanneen harkiftuu of duubaa hin qabnee carraa of sirreessuu kennuufii danda’a. Qabsoon gaagaa qabdi, kan ittiin of mullisan utuu hin ta’in kan golgaa jalaan itt lo’ani. Dilooti gurguddaan ofiinuu of mullisuu, hangasitt kan tahu ofuma keessatt qabatanii eeggachuu dha. Hoduu haleellaa laga hin ceeneen bitaa fi mirga baargsuun bu’aa saa irraa badin fidu caaluu danda’a. Nammi dhaaba tokkott miseensa ta’e heera fi seeraa saan bulun dirqii dhaa. Sana keessatt dirqamoota fi mirgooti miseensaa ni tarreeffamu. Kan dirqama bahataa jirutu mirga gaafachuu dandaha. Dirqama ofii tuqaa tokko illee bahachuu dhabuun rakkina gahuf guutummaatt itt gafatamuun jira. Sana dagachuu miti. Nageenyi, jireenyii fi sochiin dhaabaa waan miseensi humna, beekumsaa fi qabeenyaan gumaachu irratt hundaawa. Sabboonaan fedhaa fi ofiffummaa lafa kaa’ee wareegama barbaachisu baasuuf kan dhihaatu. “Tolus baduus dhaaba Kiyyaa” kan murteeffate malee kan komee guungumaa oolu miti.

Ganfa Afrikaa keessatt Oromoon wayyaba jedhama, sun jireenya isaa irratt maaf hin calaqisne? Gaaffi dargaggoo hundi of gaafachuu fi qorachuu qabani. Yeroo hundaa qama nuu alaa komachuu irra dura keessa ofii qorqoruu dha. Gara caaluu laafinni keessaa ka’a. Qaawwaa laafinni keessaa uumeen halagaan seenee cidii itt sutaa. Ilaalcha duubbee baadiyya keessaa of baasanii ballisanii naannaa guddaa hubachuu dadhabuun laafina keessaa tokko. Dargaggoon ABO qarruu sabichaa tahan kan gad bahan yeroo nammi of irraanfatee Oromoo ofiin jechuullee hin uggine. Yeroo hedduun “gaallaa” ofiin jechuu qaama godhatee fi kaan gosa fi amantee fa’iin of waamu ture. Duula of bara malbulchaa guddaa dargaggoo sanaan haalli sun jijjiirame. Garuu jaarmaan sababa adda addaan itt bahaa deemuu hin dandeenye. Gumaawanii gamtaan hin sosso’an taanaan abba tokkoota. Kanaaf bucuun ijaarame akka barbaadett isaan oofa. Of ijaaruu dhabuun sabi guddaan kun salphate bucuun itt rorriste malee raajiin biraa yk abaarsi hin jiru.

Koloneeffataan yero Oromiyaa qabate godinaa gosa fi qommoo gargar baasutt caase. Fakkeenyaaf Macca yoo fudhannee godinoota afuritt ciree. Gosaa fi qomoon sun irra hin geenye hin jiru. Hardha sana fa’iin wal ciiga’uu yaalla. Diinnis dunyaa fi tahitaa gumjaasisuun obbolaa wali gansiisaa jira. Qabsoon bilisummaa kan qabsaawoti dantaa biyya saaniif lubbuu saanii kennuuf dhihatan malee kan bu’aa ofiif irratt wal caccabsan miti. Kaabaa dhufee Kibbaa, Bahaa dhufee Gidduu fi Lixaa, diina qoomee du’uuf hiriire. Akka jirtu wallaala taha malee du’a walitt hin hinaafanii. Sana gochaa akka jiru hubanne hin fakkaatu. Qabsaawaan yaada irratt wal sukkuuma malee murneessaaf bakka hin qabu. Kan sana godhan qabsaawota dhugaa utuu hin ta’in “laga marqaa jennaan beerri boojjitoo gurtee yaate” isa dur jedhamu sanaa. Akka guddinni dilormaa (population) kun dhimma itt baasu dargaggoon itt yaaduu qabu.

Dargaggoon si’anaa, hariiroo gandaa fi amanteen, qabsoo malbulchaa waliin qabuuf hubannoo waloo qabaachuutu irra eegama. Yaada qaban diriira irra kaa’anii garaa qulqulluun mari’achuu qabu. Farreen walqixxummaa fi obbolummaa qabsoo bilisummaa sadarkaa lammafaatt gad dhiibuf fedhaa murnaa fuldruatt dhiibu yaalaa jiru. Sun kufaatii salphaatt keessaa ol hin ka’amnett geessuu danda’aa. Bara guddina teknolojii fi duula gabaa bilisaan addunyaan ganda tokko taati jedhamu kana yoo itt damaqne malee eenyummaanuu baduuf deemna. Yeroo akkasii yaada duubatt hafaa murnummaan mataa walcabsina taanaan garbummaa keessaa bahuun hin jiru. Biyyi murnoota hedduu qabu, sana walii kabajaa fedhaa waloo irratti tokkummaan xiyyeeffatu malee wal balleessa. Hololli amantee fi ganda irratt hundaawe kan juujuu fi keettoo diinaa, bilisummaa Oromoo laashessuuf qophaawe. Kanaaf maqaa gandaa fi amanteen kan nama gamaaggamuu barbaadu farra Oromummaati. Jarattii Harargee, jarattii Arsii, jarattii Shawaa, jarattii Wallagaa kkf jedhanii afuura xiraawaa namatt baafatan hundi farra tokkummaa Oromootii. Utuu baafatanii hin fixin funyaan qabatanii irra garagaluun dirqama sabboonotaati.

Nammi ganda saa fi amantee saa leellisuu hin qabu hin jedhamu. Leelloon sun jaalala saba saatiin kan dorgomu utuu hin ta’in kan deggeruun ta’uu qaba jechuu dha. Mirgi ganda fi amantee ofii kan eegamuu danda’u biyya walaba taate keessatt. Sabooti sababa kamiinu fedhaa biyya ofii walitt dhiisan hin jiran. Kana seenaa addunyaa keessatt hubachuu ni dandeenya. Amantee tokko utuu qabanii dhiiga walii lolaasaa jiraatani. Kan keenyas sanaan ala hin ta’u. Nuti hunda dura Oromoo dha. Oromummaan kufne, Oromummaan ka’uuf wuxxifataa jirra. Mirgootii nuti qabsaawaa jirruuf, mirga ilmoo namummaa addunyaan beekame. Akka saba tokkoott biyyaa fi qabeenya keenya irratt abbaa tahun mirga keenya jenna. Sana dhugoomsee bilisummaa, walqixumaa fi gammachuun jireenya ummataatt iggiti gochuuf ABOn dhaabbate. Biyya keenyaa ala kan amantee walfakkaataa hin qabne Waaqeffataa qofa. Jara sanaan quunnamtiin uumnu tokkummaa keenya kan fallessu ta’uu hin qabu. Biyya kabajamaa yoo qabanne halagaan amanttootaa fi mirgoota qabnu nuu kabajaa. Quuqama amantee keessa gugachuun garagarummaa koloneeffataa waliin qabnu irra nu ilaalchisuu kan yaalaa jiran ni agarra. Kan halagaan bukeessaa jiru hubatanii bu’aa keenyaaf akka tolfannu dargaggoon irratt mari’achuun ni barbaachisaa.

Biyyi keenya qabeenya guddaa qabdi. Diinni qabatee nageenya naannaa, fayyaa ummataa fi egeree dhaloota itt haanuuf utuu hin yaadin gara laafina tokko malee findigee qisaasuutt jira. Irraa buufatanii dhimma itt bahuun bilisummaa dhiheessuu ni danda’a. Sun kutannoo fi wareegama guddaa gaafata. Hunda caalaa onnee barbaachisa. Du’a hin oolle yoo dhufte utuu hin romm’in ija itt baasaa jala dhaabbachuun badiisa irra lammii baraara. Of irratt hirkannoon jedhamu sanaan dhufa. Dhaloonni ummata ofii fi qabeenya biyya saa qabsoof oolchuu hin dandeenye igruu hin gahu. Kadhaa fi baalchaan bilisoomuun hin jiru. Sanaaf of humneessuun jaarmaa qilleensi hin galle fedhaa. ABOn akka jirutt nagaa hin fakkaatu. Daddaaqxuu fi keettoon halagaa kan afuura itt baafatte fakaata. Kanaaf faloo bahanii of qulqulleessuun dirqii ta’a. Dhalooti soolla’aa jiru hamma danda’u hojjetee asiin gahee jira. Dhaaba saanii tokkomsuuf carraaqni dhiheenya godhan boonsaa dha. Itt birmannaan dargagoo egeree qabsoo abdachiisaa.

Haalli qabsoon Oromoo keessa darbe, kan jalaa ka’aniin Baallii walitt dabarsuu hin mijjeessine ta’a. Rakkina turee fi haala itt jiramu hubatanii fala barbaaduu irratt qooda fudhachuu malee qubaa walitt qabuun booree baqachuu akka hin taane eeggachuu dha. Hamajaajii fi keettoon diina hogganoota hambaa du’aa, kaayyoo ganamaatt cichaa jiran ciqun dibuu yaalu. Hogganooti kun miseensota ABOn kanneen kurnan afur dura “Oromiyaan haa jiraatuu”, “Oromiyaan ni bilisomti” jedhanii dhaadachuun diina baragsiisan keessa turan. Dhaadannoo sun itt fufa jireenya empayeraa dorsise. Empayerri kan diigamu yoo ummatooti walaboman qofa. Yoo inni diigame malee qajeeltuu, bilisummaa, walqixxummaa fi demokrasiin hin dhufani. Kan sana diiguu dandahan sabboonota kaayyoo taliila tokko jala hiriiranii fi namoota nagaa fi demokraasii jallatani. Oromoon lata eenyuuyyuu miti. Minilik kan empayeritt ijaare illee “Mootii Itiyoophiyaa fi biyyoota Gaallaa” ofiin jedhe malee jara humnaan qabaten Itiyoophiyaa dha hin jenne.

Namooti qaba halagaa jala taa’uu dhanna godhatan “Eenyutu eenyu irra fottoqa” jedhanii dhaadatu. “Nuti jirma malee dame miti” jedhu. Rimsammi qaammi tokko tokkummaa yk waldaa keessa jiru irraa dacha’ee ofiin dhaabbachuu “secession” jechuun fottoquu jechuu miti. Sana kan jedhan isaan waan diinni afaan kaa’e xibarani. Kan ofii kan biraa keessaa ni dachaafatu malee hin fottoqsani. Kanaaf qooqa “Englishiin secession” jedhamuu afaan Oromoon furan wal gitu dacha’uu malee fottoquu miti. Rimsama dogoggoraa kanaan halagaa waliin dhoofsisuu afarsu.

Qabaa halagaa jala taa’anii kan dura waliin dhoofsisan waa’ee isa jalaaa bahuuti malee waa’ee gamtaa isa waliin qabaachuu miti. Kan walqixxee hin taanee, isa waliin sodaa malee balchummaan waa’ee gamtaa dhoofsisuu hin danda’u. Haala sanaan dhoofsisuun kan danda’amu akka itt harka kennatan qofaa. ABOn bilisummaa gaafachuu akka badiitt kan ilaalan hedduun miidhama Oromoo irratt takkaa koloneeffataa balaaleffatanii hin beekani. Waggaa dhibbaa ol sana akka waan tolaatt ilaalaa bahan. Oromoon ilmoo nama ta’u, laalaan cunqursaa akka itt dhagahamuu fi fedhi birmadummaa kan waliin dhalatan ta’uu ni irraanfatu. Cunqursaan, cunqurfamaa birmadummaas qabeenyas ni mulqe. Kan diinaan qabame qabeenya saa fi mirga birmadummaan jiraachuuf faccisaa yoo du’e salphina malee want itt hafu hin jiru.

Dargaggoon ABO bu’uursan dhaloota yero Tokkummaan Afrikaa (Pan Africanism) hundaan hawwama tureetii. Tokkummaan Afrikaa ummata gurraacha kan hamilee kennuu fi misa Afrikaa fi nagaa addunyaaf akka gumaachu kan amanani. Ummati Afrikaa yaayyoo (kaartaa) koloneeffataan uumeen gargar faca’anii caasaman. Furmaati isaa hidda handhuuraa koloneefataan walitt hidhamte kutanii kan ummatootaa walitt fufuu dha. Sanaaf ummatooti sagalee walaba qabaachuutu irra jira. Walabummaan Oromiyaa sana dhugoomsa malee ummatoota kan addaan fageessu miti. Tokkummaan ummatootaa kan uumamuu danda’u ummatoota bilisa ta’aniin. Kanaaf dura bilisa ta’uu malee filmaati biraa hin jiru. ABOn dhaalmaa duubbee demokraatawaa ta’e qabaachuun satoo guddaa dha. Walqixxummaatt kanneen amananiif fedhaan waliin hiriiru kan barbaadan wajjin gamtaa uummachuun akka dandahamu jalqabaa ka’ee hubachiisaa ture. Qabaa diinaa jala taa’anii garuu sun hin yaadamu. Sana jalaa bahuufis mirga sabootaa, hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachu kan fudhatan waliin qabsoo qindeeffachuu ni danda’ama. ABOn gamataa ummatoota gidduutt ta’uuf rifaasuu (allerjii) akka hin qabaanne dur beeksise.

Sochiin malbulchaa Oromoo jalqabumaa bakka lamatt banka’e. Kanneen bilisummaa gaafatanii fi kanneen Itiyoophiyaan akka demokratoftu gaafatani. Mooraan bilisummaa ilaalcha sabummaan gaggeeffama. Kallachi qabsoo kanaa sabboonota Oromoo turan. Mooraan demokraasii ilaalcha qabsoo gitaan gaggeeffamaa. Yoo qabsoon gitaa injifannoon bahuu rakkina sabootaa fi sabummootaaf furmaata argamsiisuu danda’a jedha. Kallachi qabsoo saanii gurguddoo Nafxanyaa turan. Dhaabota Nafxanyaa sana keessa Oromoo hedduutu ture. Yeroof maqaa Oromoon dhaabota maxxannee tokko tokko hayyamaniifii turan. Booda garuu akka hin taanett of keessaa qulqulleessan. Fayyaatt Oromoo kan amanan hin fakkaatu.

Oromoo galtuun illee demokratummaa dhanna ofii keessa qaba. Gurguddoon Habashaa dhagahuu malee waa’ee demokrasii shakaluu kan abjootee beeku hin fakkaatu. Mootummoota jaarraa kudha salgaffaa kaasee jiran yoo ilaalle hundi foloso ummata ofiif illee gara laafina hin qabne turan. Angoo kan nagaan walitti dabrsan hin jiran. Hundi humnaan dhufanii salphinaan gaggeeffaman. Sun ummati saanii qajeeltuu fi jireenya demokrsii hin jaallatu jechuu miti. Ummati hundi bilisummaa ni fedhaa. Hamtuu isaan keessaa baatef roorrisi barsiifata hin gaddhiifne tahe. Jijjiramuuf qabsoo hadhaawaa bara hedduu isaan barbaachisu hin hafu. Utuu kana beekanii Oromoon empayera Itiyoophiyaa demokratessina jedhanii kakachaa jiran jiru. Waan hin danda’amne kan lafa kaa’an ummata ofii daguuf malee dhuguma milkiin baana jedhanii miti. Jarri akkasii murna adda addaatt haa hiraman malee itt galli saanii tokkuma. Kan tokko maqoo golgaa jalatt akka qabamu barbaadu, kaan waan barbaadu qullaa dhaabee mullise.

Ilaalcha demokrasii akkasiin kan ka’an eenyufaatu waan deggeran fakkaata yoo jenne, Baqattoota 1992 keessa dhufa ABOn guddaa buufatanii amma barattiin deebitee dhuftii abjootan, yakkaan barbaadamna jedhanii of ciicachuun golgaa barbaadan, kanneen “investor” ta’anii hori cubbuun Oromoo buqqisuu irratt halagaa tumsanii dhaabicha keessa gugannee faloo baana jedhan, ergamsa diinan mooraa qabsoo haphisuu kan dhufan, kaayyoon utuu hin ta’in wal beekuu fi gandaan kan walduukaa yaa’an, kaayyoo ganama dhagahuu hin feenu kan jedha, cillaanfattuu, yoo gooti kuffisee kufu qabsoo bilisummaa diina waliin haddheessaa mooraa saa o’isaa, hambaa funaana batee tufamnaan as deebite, dallantuu hongaatu fallaa keesaa furuuf qabsaawuurra keessaa baqatte, kan maaliifuu dudhama hin qabne gaagaa malee bu’aa tuuluu fetu, kan adda ta’uu hariiroo ummatoota gidduu fi qabsoo qajeeltuuf godhamuu hin beeknee, carra gaadduu bor hin beeknee of hin beeknee kan hurrise hunda waliin girristu yaada qeeqaa hin qabne.

ABO ilaallan akka isaan barbaadan kaayyoo ganamaa ganuu hin dandeenye. Kanaaf akka dinnicha gubaa lafaan dhahanii irraa garagalanii. Dhodhommoqoo dha; kam irraayyuu garagaluufis rakkina hin qabani. Kanaaf dargaggoon haala naannaa jiru hunda qorataa deemuun dhumargaa (horizon) saanii ballisa. Waan halle irra gulufuu miti. Gadi fageessanii quwachuu dha. Iyyaatiin aangoo akka ta’e irraanfachuu miti. Seenaa fi mala qabsoota addunyaa keessatt deemaa turanii fi deemaa jiran bu’a ofiif qorachuu dha. Of barsiisuun yaa’a wal irra hin citne. Kan barbaachisu itt baasanii maqoo ofii eeggachuu fi kan ofii alaa argachuun dirqama of baraaruuti. Beekumsi qabsaawaa teknoolojii waliin guddachuu qaba. Jaallewwan gidduutt wal amanuu fi garaa walii laafuun barbaachisaa dha. Qabsoo mijjeessuu qofaaf utuu hin ta’in miira qabsaawaa irra eegamus. Dhaabis miseesota kanaan leejjifatuu qaba. Dhaabi ibidda keessa illee bahuu qaba yoo ta’e rakkina miseensaf hin geenye dhaaba guutuu dha jedhamu hin qabu.

Hunda caalaa kaayyoo saba ofii bakkaan ga’uuf kutannoo fi dudhama qilleensi hin raasne qabaachuu dha. Sun jaarma cimaa waliin raajii hojjechuu danda’a. Jaarmaa cimaan miseensota namusa jabaa akka sibiila qaban, gochii saa hundi miseensota saaf keessaanlaalii kan ta’e, maqoon dhaabaa damaqinaan kan eegamu, rakkinni keessaa yoo dhalate akka itt furatu dursee kan qopheeffate, masaka saatiif qormaataa fi quwannoo walirraa hin citne kan gaggeeffatu, hamaa irra of eeguuf yoomiyyuu qophee kan ta’e fi heera dhaabaa mamii fi faanfana malee hojiirra oolchuuf hoggansa murteessoo tahan kan qabu jechuu dha. Kana argamsiisuuf gufuu kan nutt ta’u yoo jiraate qabsoon sirreeffanna malee kaayyoo keenya ganne faallaa saa hin filanu

Dargaggoon ammaa booreen dargaggoo darbanii irra jira. Sana bahachuuf sochii bilisummaa keessatt qooda fudhatanii kutannoo qabsaawuu dha. Kutannoon ejjennoo ititaa gaafata. Qabsaawaan akeeka bilchaataa qabu yoo hammaate barcuma duubaa fudhata malee gamaa gamanatt hin utaalu. Akeeka utuu hin ganin fulduratt nama tarkaanfachisa taanaan kennanii waa fudhachuun akka. Malbulchaan gamna ta’uu agarsiisa. Kan ofirra qaarsisee fagoo ilaaluutu sana danda’a. Dargaggoon dubbisuu, quwachuu, qorachum fi irratt waliin mari’achuu miira godhachuun hedduu gargaara. Hariiroon malbulchaa warraa kaasee hanga biyyaatt uumamu kan Oromiyaa caasaa hundaa olitt ilaaluu fi Oromummaa gabbisu tahu qaba. Hariiroon kamuu kan Oromummaa gadi qabu utuu hin ta’in kan baasee muldhisu ta’uutu eegama.

Gaafa Oromiyaan walaba baate fedhi ummataa hundi akka achi keessatt kabajamuf gochuu ni danda’ama. Walabummaan baannu akka kolonoota walabooman jedhame irraa agarrett faajjii balaliisu qofa miti. Ummati birmadummaa saa mirkaneeffatee seera hunda walqixxeett bulchu labsachuun biyya nagaa fi gammachuun keessa jiraatu argamsiisuu dha. Sun Oromiyaa halgaan hin bulle ofiin bultu walaba qofa keessatt danda’ama. Oromiyaan walaba taate mudaa hagamiiyyuu haaqabaattuu halagaan mo’amuu irra hin wayyuu laata? Hamaan ofii yoo xinnate safuu cabsuun hamaa qabdu beeka. Fira haa ta’u halagaa cunqursaan cunqursaa waan ta’eef Habashummaan bilisummaaf qabsaawuun adda addummaa hin qabu kan jedhan jiru. Cunqursaan cunqursaa tahun dhuguma garu jechichi Oromiyaan gaaffi mirgaa adda ta’e hin qabdu jechuu hin ta’u? Yaacii sodaatanii hirriba malee hin bulan jedhama. Sodaan gurguddoo Oromoo boriif qabnu qabaa diina jalatt hafuu nu hin filachiisuu. Tolus baduus biyya qabaachuun qananii halagaa hunda caalaa. Kan empayericha mararfatanii fi sana alatt of hin se’anneef adda addumaa hin qabu ta’a.

Oromoon kamu yaada barbaadan jalatt hiriiruun mirga saaniiti. Yoo safuu dudhaaf harka fi afaan walitt hin dabare rakkina hin qabu. Hanga yoonaa hedduutu akka simbirattii “cuckoo” jedhanii mandhee ABO keessatt hanqaaqee quucarse. Sun dadhabina sabboonotaati malee ofirraa qola’aa kan tokko isaan irratt godhu isaanis waan gochuu hin dandeenyeef hin ture. Akka dhaabaatt garagarummaa walii eeganii socho’uun sirrii dha. Haa tahu malee harka lafa jalaatin walitt luuxanii galuun seenaa sochootaa keessatt beekamaa dha. Kanaaf daallichatu of dagata.

Jaarsi akka firoota saa durii fi dargagoo, ari’ee diina qabu, dheessee jalaaa ba’uu hin danda’u ta’aa. Garuu sana gochuu kan danda’an qubee seerfaanii (grammar) itt amanuun gorsu hin dadhabu. Sun komputara duubas karaarra deemaas ni danda’ama. Kanaaf sanaan gowwaa yk walhinbeeknee qofatu walkomata. Karaa dandeenyuu fi nutt tolee hundaan hanga sammuu yaadu qabnutt beekumsaa fi muuxannoo qabnu irraa kaanee dargaggoo keenya dhamsa dabarsuu hin dhaabnu. Yeroon kun kan Gadaa haaraati, yaada fedhan hordofuu mirga qabu. Qoodi keenya haada angofootan walitt fuftu akka hin cinne gochuu dha. Sansakkaan Baallii walitt dabarsuun yoo hin mijjoofneyyuu dirqama yeroo saanii bahachuu sun hin dhorgu. Dhaaba maqaqabeessa dhiigaa fi lafee jagnootaan ijaarame jagnatu utubee kaayyoo kufaniif fiixaan baasa. Jagna fi gamna kan taatan waan qabdaniin itt birmadhaa. Dargaggoo keenya Waaqi Ayyaana akaakilee saanii jabina fi beekumsa haakennuuf jenna. Oromiyaan haa jiraattu! Viva Oromiyaa!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Advertisements

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 08/03/2013, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s