WAAYEE BOQOTA JAARRAA ABBAA GADAA fi Araaraa

Bitootessa 10, 2013

  1. Wayee J/ Jaarraa Abbaa Gadaa – Hawaasa Oromoo Barliin, Biyya Jarmanii irraa
  2. Dhaamsa Sooressa Jaarraa Abbaa Gadaa – Abdi Boruu
  3. Brief statement of Hawaasa Oromoo München fi Naannoo (HOMN) on the Passing Away of Jarraa Abbaa Gadaa
  4. Araara QC ABO SHG ABO

Ibsa baldh’inaan (Details)

1. Hawaasa Oromoo Barliin, Biyya Jarmanii irraa

Nuti, miseensonni hawaasa Oromoo Barliin yeroo boqota jagna Oromoo Jaarraa Abbaa Gadaa dhageenye, gadda nutti dhagayame kana jennee ibsuu hin dandeenyu. Awwaalcha isaa irratti qaamaan argamnee gadda keenya kana muldhisuu yoo dadhabneellee, gaafa 10.03.2013 walgeenyee: seenaa, hojii fi gocha gootaa fi hoggannaa Oromoo kanaa walii ibsuun, gadda keenya firoottan isaa, Oromoota jagnaa fi sabboonaa akkanaa dhabaniif, Waqni obsaa fi jabina isaaniif haa kennu, nuuf haa keennu jenna!

Jaarraa Abbaa Gadaa yeroo dargagummaa isaa, otoo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa jiruu, hacuccaa uummata isaa irra gahaa jiru warra dafee hubate keessaa tokko. Roorroo fi haccuuccaa uummata Oromoo irra gahaa jiru hubachuu qofa otoo hin taane, qabsoon diddaa gabrummaa, bifa jaarmayaa qabatee, Oromoon waloon tokko tahee akka ka’uuf sochii naannoo Balee keessatti Generaala Waaqoo Guutuu fa’iin gaggeeffamutti makamuun qooda guddaa irraa fudhatee ture. Waayee qabsoo saba Oromoo waggaalee shantamman dabran yoo haasofnu, maqaa Jaarraa Abbaa Gadaa otoo hin kaasiin bira dabruu hin dandeenyu. Jaarraa Abbaa Gadaa kan addaa waan isa godhu keessaa inni tokko, yeroo rakkoo fi dhibdeen galtellee yaada ganamaan ka’eef, gaafa qabsoo jalqabe irraa kaasee akeekaa fi kaayyoo ifaa, mildhataa fi qajeelaa qabaachaa ture. Dhaabbiin isaa kun Sabni Oromoo harqoota gabrummaa Habashaa jalaa bahee, biyya bilisaa fi walbaa tahe, kan uummanni Oromoo haqaa fi mirga guutuu qabaatee, sirna dimokiraatawaa taheen birmadummaan jiraatu Oromiyaa dhugoomsuuf ture. Sabni Oromoo haqa uumaan qabuuf, akka sobootaa fi uummatoota addunyaa irra jiran hundaa, gahee fi qooda sabummaa isaa daangaa tokko malee, akka biyyoota biraa miseensa UNO tahuun gumaacha guddina addunyaa keessatti qabu akka mirkaneefatuuf ture.

Haatahuu malee, akka hawwii isaatti qabsoon Oromoo galii isaa hin geenye. Tahus qabsoo Jaarraa fi qabsaawwan Oromoo kaan, bara dheeraa irratti dhama’aniin bu’aalee tokko tokko argatee jira. Gabroomfattoonni Oromoo jaalatanis jibbanis amma qabsoon Jaarraa fi jaalleewwan isaatiin bu’aalee tokko tokko argatee jira. Har’a Oromiyaan naannoo gaafa Afrikaa bira dabritee addunyaa irratti beekamtee argamti. Dhaloonni qubee kan miliyoona hedduun lakkaawaman: “Oromiyya, Oromiyaa, bilisummaa bilisummaa” jechaa gara fuulduraatti tarkaanfachaa jiru. Dhaloota diina-oollachiisu kana warra nuuf horan keessaa Jaarraa Abbaa Gadaa isa tokko. Qabsoo Jaarraa Abbaa Gadaa waggaalee 50 irratti daddhabaa ture kana, dhaloonni qubee kunii fi dhaloonni qubee duraa wal-tahanii, wal-dandayanii, tokkummaa Oromoo jabeessanii Oromiyaa walaboomtee fi uummata Oromoo bilisoome dhugoomsu qabu!

Har’aa yeroo kana barreessinu, jagna nu jalaa kufe kana imimmaaniin yaadachaa-ti. Ammoo, gadda nutti dhagahame kana warra isaa, firoottan isaa fi qabsaawota Oromoo maraaf dabarsina. Waaqni akka biyyeen isaatti salphattu, akka lubbuun isaa jannata seentu nuuf haa taasisu! Jaarraa Abbaa Gadaa keenya kufuus, qabsoon itti-fufa! Gabrummaan Habashaa ni kufa!

Hawaasa Oromoo Barliin, Biyya Jarmanii irraa

===============================================

2. Dhaamsa Sooressa Jaarraa Abbaa Gadaa

Abdii Boruutiin
Dhaadannoon “Qabsaa’an ni kufa, qabsoon itti fufa” jedhamu kun, waanuma barameef akkanatti dubbatama moo qabiyyee fi dhaamsi inni qabu ni hubatama laata? Kun dhugaa waliigalaa ti; qabsaa’aan dhufaatuma dabra. Tokko yoo kufe kan biraatu bakka isaa bu’a; qabsoon garuu hanga galii isaa gahutti ittuma fufa jechuu dha. Akka seenaan isaanii agarsiisutti, Sooressi Jaarraa Abbaa Gadaa ijoolummaa isaaniirraa jalqabanii hanga lubbuun isaanii baatutti, waan tokkotti amananii, waan tokkoof qawwee kaasanii, jiruu gaarii otuu hin hawwin, umurii isaanii guutuu qabsoorratti fixuudhaan boodarra duuti Waaqarraa dhuftu waan hin oolleef, qabsoo kana lammiilee Oromootti dabrsuudhaan dhaamsa lafa kaayyatanii addunyaa kanarraa deeman. Gootichi keenya Jaarraan maalitti amanan, maaliif qabsaa’aa turan? Gaafii kanaaf deebii gabaabaa kennuudhaaf, wanti isaan itti amanani fi qabsaa’afiis turan kaayyoo guddaa tokko dha. Innis sabni Oromoo bilisummaa fi abbaabiyyummaa humnaa dhabe sana deebisee akka argatu taasisuu dha.

Kaayyoon qabsaa’otni Oromoo kan biroos itti wareegamani fi wareegamaa jiranis kanarraa waan adda ta’u natti hin fakkaatu. Haa ta’u malee, tooftaafis ta’ee tarsiimoof jedhamee; yookaanis ammoo ayidoolojii adda addaa qabaachuudhaanis haa ta’u, har’a mooraa QBO keessatti yaada bifa lamaatu adeemaa jira. Yaadni lamaan kunis Oromiyaa walaba taate ijaaruu fi Itoophiyaa diimookraatessuudhaan bilisummaa Oromoo argamsiisuu kan jedhani dha. Yaadni inni lammataa kunuu karaalee adda addaatiin ibsamaa waan jiru fakkaata. Kuun Itioophiyaa diimookraatessuu jedhu; kuun federaalessuu jedhu; kuun ammoo karaa biraatiin tokkummaa Itoophiyaa jiraachisuu jedhu. Ilaalcha fi ibsa adda addaa kana akkasumas kaayyoo isaan qabatanii ka’an hundaa warruma akkanatti yaadaniif dhiisuudhaan; wanti har’a du’a goota keenyaa kanarratti mul’achaa jiru waan tokko nama hubachiisa. Innis mooraa keenya keessatti gadda uumame kanaaf akkamitti gamaa gamanaa akka waliif mirmatanii dha.

Kun ammoo Oromoon wal malee akka hin qabne; ilmaan haadhaa fi abbaa tokkoo; ilmaan lafee, foon fi dhiiga tokkoo; ilmaan saba tokkoo, yeroo gaddaa walbira dhaabbachuu akka danda’an agarsiisa. Gaafii guddaan asirratti ka’u garuu, waliif quuqamuun, waliif rifachuun, waliif mirmachuun, waliin gadduun kun hunduu hanga gaddi kun qabanaayutti turee; sana booda waanuma dur barame sanatti deebina moo carraa gaddaa kanatti fayyadamnee; egeree saba keenyaa yaadna laata? kan jedhu ta’a. Akkuman barreeffama kiyya isa kana duraa “Gaddii du’a Gooticha Jaarraa Abbaa Gadaatiin uumame QBOtiif carraa gaariitti jijjiiramuu qaba” jedhu keessatti ibse, akka ilaalcha fi hubannoo kiyyaatitti, ilmaan Oromoo akka waliigalaatti, qabsaa’otni Oromoo ammoo akka addaatti, karaa qaxxaamuraarra (cross road) akka jiran hubachuu qabu. Karaan tokko, tokkummaa dhugaa, tokkummaa Oromummaa kan humna cimaa fi abdachiisaa uumu ijaaranii; diina injifatanii; guutumaa guututti bilisummaa fi abbaabiyyummaa saba Oromoo mirakneessuu dha.

Karaan biraa ammoo, humna ofii abdachiisaa fi kan wabii ta’u otuu hin qabaatin ykn hin uumin; gara garatti hiramuudhaan ykn humna qaban gara garatti hiruudhaan; Itoophiyaa impaayara dulloomtuu diimookraatayuu hin dandeenye; projektii kanaan duras Oromootni meeqa itti galaafataman yaaluu; yoo kun ammas hin milkoofne seena badaa hojjetanii dabruu dha. Akkuman kanaa olitti ibse, Gootichi keenya Sooressi Jaarraa Abbaa Gadaa kaayyoo ifa ta’e tokko fi karaa qulqulluu ta’e qabatanii hanga lubbuun isaanii dabartutti qabsaa’anii boodarra dhaamsa lafa kaayanii deeman. Dhaamsi isaaniis “qabsoo narraa fuudhaa; kaayyoo ani fi qabsaa’otni itti wareegamaniif galiin gahaa…” kan jedhu dha. Egaa har’a karaa qaxxaamuraarra kan jirru yoo ta’e, dhaamsa isaanii kana fudhannee karaa kam deemuu akka qabnu murteessuu qabna jechuu dha. Gooticha keenyarraa wanti barachuu qabnu inni guddaan tokko akkamitti akka qabsaa’an qofaa otuu hin taane, kaayyoo tokkotti amanuu fi waan barbaadnu sana ni arganna jedhanii ofitti amanuu dha.

Murannoo ykn kutannoo fi ofitti amantaan yoo jiraate, haalli addunyaa kanaallee yoo jijjiramaa deeme; turrus bakkee barbaadnu sana gayuun keenya waan oolu hin ta’u jechuu dha. Kun amala goota fi qabsaa’aa dhugaa ti. Gootichi keenya Jaarraa Abbaa Gadaa otuu lubbuun isaanii hin bayin dura yoo dhaammatan, ijoolee kiyya adaraa hin jenne; dhaamsi isaanii dhaamsa Oromummaa ti; dhaamsa lammummaa ti. Qabsoo narraa fuudhaa yoo jedhan, maqaa kiyya yaamaa jiraadhaa jechuu isaanii tii miti. Kana seenaanuu bara baraan yaama. Yaamichi isaanii qabsoo ani jalqabe fi kaayyoo ani ka’eef galiin gayaa dha. Kan baay’ee nama dinqu dulluma keessattillee qawee qabatanii boson Oromiyaa keessatti wareegamuu barbaaduu isaanii ti. Kanaaf, qabsaa’otni hafan fi dhalootni har’aa qabsoo tana biyya keessatti deebisuu fi bakkee diinni keenya lammiilee keenya ajjeesaa jiru sanatti humnoota diinaa barbadeessanii bilisummaa fi abbaabiyyummaa saba Oromoo mirkaneessuu dha. Filannoon biraa hin jiru.

Kun akkamitti milkaayuu danda’a? Sadarkaan duraa kaayyoo ifa ta’e lafa kaayyachuu; isa kanas galii hawwamutti ni geessina jedhanii humna, qabeenya, beekumsa fi dandeettii qabanitti amnuu, ofitti amanu fi kutannoo qabaachuu dha. Kanaaf akka fakkeenyaattii gooticha keenya kana yaadachuu dha. Sadarkaan itti aanu tokkummaa dhugaa tokkummaa Oromummaa uumuu dha. Tokkummaa yoon jedhu ammoo tokkummaa waraqaarraa otuu hin taane tokkummaa humna jabaa uumuu danda’u; humni ammoo humna injifannoo argamsiisee jijjiirama tokko mul’isu ta’uu qaba. Yoo jijjiiramni tokko mul’ate uummatni bal’aan hamilee horatee nama duuba hiriira. Yoo uummatni bal’aan sossa’ee nama duuba hiriire ammoo, humni diinaa kamiiyyuu kana dura dhaabbachuu hin danda’u. Akkanatti walitti hidhamee deemuu qaba. Tokkummaa faarsuun qofaa bu’aa hin qabu. Tokkummaan hojiidhaan mul’achuu qaba. Hunda caalaa ammoo waayee tokkummaa ijaaruurratti yeroo dheeraan baduu hin qabu.

Dhimmi tokko hammuma lafarra harkifamaa deemu fi turu hamilee uummataa hir’isaa deema. Wanti dubbatamu, wanti yaadamu fi karoorfatamu dafee hojiirra ooluu qaba. Yeroo ammaa, ji’oota dabran kana keessa afuura gaariitu mooraa QBO keessatti hubatamaa jira. Wanti jalqabame fi gammachuudhaan simatame kun dafee hojiidhaan mul’achuu baannan; adeemsi tokkummaa kun yeroo gabaabaa keessatti xumuramuu baannan qilleensa badaatu mooraa keenya keessa galuu danda’a. Yeroo ammaa yeroo gootichi keenya addunyaa kanarraa boqotani fi dhaamsa lafa kaayanii deeman kana, yoomiyyuu caalaa kaayyoo qulqulluu qabaachuu fi isa kanas galiin gayuuf; humna mooraa ofii cimsuun dirqama Oromummaa akka ta’u hunduu hubachuu qabu. Ilmaan Oromoo keessumaayuu qabsaa’otni Oromoo kaayyoo tokko jalaatti ijaaramanii humna Oromoo jabaa uumuun yeroon isaa amma dha.

Galatoomaa!

Abdii Boruu: aboruu@gmail.com

================================================

3. Brief statement of Hawaasa Oromoo München fi Naannoo (HOMN) on the Passing Away of Jarraa Abbaa Gadaa

We, members of Oromo community in Munich and surrounding areas, Germany, are deeply saddened with the death of one of the great Oromo liberation leaders, Jaarraa Abbaa Gadaa. He was fighting for the realisation of an Independent Republic of Oromiyaa throughout his life time. We believe that, his death is not only a great loss for his people but also a loss for all freedom loving peoples in the region.
Jaarraa was our inspirational liberation hero. When it comes to the liberation of his people, he was a man of determination, a charismatic and visionary leader, driven with an uncompromising stand. He left behind a legacy of true Oromo heroism and unflinching qualities of determination. Though, Jaarraa Abbaa Gadaa is not with us today, the spirit of his heroic struggle and the clear message he left behind will be sources of our inspirational struggle in realising the goal he struggled to see in his life.

Lastly, we express our deepest sorrow and condolence to his family members, relatives and friends. May his soul rest in peace! May Waaqa help all Oromos to stand together and win the common cause that they share together as a nation!

March 9, 2013 Munich, Hawaasa Oromoo München fi Naannoo (HOMN), Germany

===================================================

4. Araara QC ABO SHG ABO

“ Kaayyoo Ganamaa”

Seensa:

Barruun kun cuunfaatti akkaataa gartuulee ABO amma “ni araaramne” jedhan ittii walii isaanii fi gartulee biraallee keessumeessaa turanii fi jiran, akkasumas aadaan QBO ittiin hogganan maalirra akka dhaalame gabaabsee dhiheessa. Kana malees araarri murnoota ABO gidduutti amma baanamu karaa SHG tartiiba kan hineegne tahuu isaa ragaan dhiheessaa, xumurri araarichas olola yeroo qofaaf tahee jeequmsa ofkeessatti dhalchuun isaa akka hinoolle tilmaama.

“Kaayyoo ganamaa”

Erga bara 1999 eegalee mooraan QBO ABOn hogganamu yoo xiqqaate marroo sadii waa`ilaa fi masaanuu tti wal-moggaasuun, gartuun wal-ijaaree, wal-irraa bahuun, “ABO sirriin ana” jechuun karaa marsaalee internetaa fi lafa irrattis wal-dura otuu dhaabbatuu argaa turre, jirras. Gartuuleen adda bahuun akka masaanuutti waliin cigaadanii sababoota dharaa yaa tahu dhugaa wa-lirratti funaanuun “qabsoo “ wal-irratti gegeysifame kanaan haga ammaatti ka cimee milkaawee tarkaanfii takka gara fuula duraatti siquun ummaata Oromoo har`a gadadoo guddaa jala jiruuf abdii keeyissatti hore takkallee hinjiru. Kan arkamaa jiru garuu bu`aalee QBO haga ammaatti galmeesse ofitti maxxansanii macaaqoo gartuu ofii qofaa taasifachuufi masaanuu isaaniimmoo akka farra qabsootti irratti ololuudha. Haalli kunis qabsoo bilisuumaa oromoo sakalaa jira malee akka inni faayidaa hinfidiniif waan irraa baranii hojii isaani tana xiinxalanii sirreefachuuf mala dhahaa jiranis hinfakaatu. Kunis kan maddu aadaa bara 1974 ABOn oggaa duraa keessatti ijaarame sana akka qaamaa waan taheef fooyyesuun rakkina itti fakaateeti..

Kana jechuun sagantaama siyaasaa ABO yeroo duraa bara 1974 wixinee, bara 1976 ragaasise sana haala yeroo waliin wal-simsiisanii ittiin masakamuurra , QC “ Kaayyoo ganamaa” jechuun osoo itti goguu fi ,SHG immoo Kaayyoo ABO osoo inni guyyuu cabsuu arguun takkas madda jeequmsa ABO keessaa rakkinuma kaayyoo sanaa fi heera isaa irratti rarra`e tahuu hubachuuf nama hinrakkisu. Osoo kun tahuu baatee dhaabileen siyaasa Oromoo maqaa fi kaayyoo gara garaa qabatanii akkas hinheddumatan ture.

Aadaa qabsoo sirna Kommunism irraa dhaalame

ABOn aadaa sirna Kommunism baroota bu`ureefamuu isaa keessa dhaalee fi irratti ijaaramee sana jijjiiree haala yeroo ammaan tanaa waliin ilaalee fooyyesuu fi aadaa dimokraasiin bakka buusuuf osoo inni carraaquu argamaa hinjiru, waan itti yaadaa jirus hinfakaatu. Bara sirna komunism sana keeyssa jaarmiyaan ykn paartiin yaada karaa qabsoo kabiraan dhiyeessu keessumeesuun hinturre. Dhaaba takkaa ala kabiraan yoo dhalate akka masaanuuti ilaaluun wal-balleesuu qofaa akka hiikaatti fudhataama ture. Akkas jechuun “Ideology“ takka malee ka biraan bakka hinqabu, ilaa fi ilaameen bakka hinargatu jechuudha. Akka fakeenyaatti Paartileen siyaasaa yeroo duraa biyya Rashiyaa keessatti ijaaraman ,Bolsheevikii fi Menshevik akka kanaatti ilaa fi ilaameen garaa garummaa isaanii hiikkachuu dadhabuun ykn wal-dandahuun sirna ijaaruuf deeman sana, sirna komunnismi, bakaan gahuurra dhiigaan wal-dura dhaabbatan. Itophiyaa keessattis EPRP fi Meison illee aadaa kana dhaaluun osoo „strategy“ takka qabanii (tokkummaa Itophiyaa) wal-dandahanii sirna dimokraasiin walfalmaa waliin dalaguurra aadaa sirna sana keessatti dhaalanin wal-fixan. Dargiinis jaarmolee siyaasaa baroottan sana uumaman mara bifuma kanaan lafarraa haxaawee abbaa irrummaa isaa gadi dhaabe.

EPLFs tahan TPLF jaarmolee baroottan sana keessa dhalatan waan tahaniif aadaa kanarraa of-bilisoomsuu hindandeenne. Aadaa akkasiitin kan TPLF jaarmota akka TLF, EPRP, EDU rukutee . Qabsoo hidhannoo jaarmolee akka ABO fi EPLF waliin tahuunis erga mootummaa Dargii kuffisee booda masaraa Minlik seentee akkuma Dargii aadaa komunism fudhatee dhufte sanaan jaarmolee akka ABO faa ofbiraa rukutuun diktaatara tahuu ishee mirkaneesite.

EPLFs gartuu akka ELF ofcinaa rukutee Dargii loluun erga biyya isaa qabatee maayessa sirna dimokrasii ijaaruu waan hinfeeneef mormitoota isaallee bakka dhorkachuun biyya isaa walaboomsee ummata isaa garuu bilisummaa sabaa dhorkatee jira. Kana jechuun sirna kolonii Itophiyaa jalaatii biyya isaa walaboomse malee ummati isaa ammayyuu hinbilisoomne jechuudha.
ABOs sirnuma akkasii keessatti waan dhalateef rakkoo keessa isaatti dhalatus tahe isaa ala dhalatu mara daandii itti hiikan (mariin, ilaa fi ilaameen) otuu hintaane, karuma warri akka fakeenyaati eeraman kun itti hiikan hordofa. Humna qabsoo inni qabu keessumaa SHG “olola qofaa“ waan taheef sanumatti xiyyeefata. Aadaa fi safuu oromoollee waan dagate fakaata. Olola inni rakkoo hara`aa keessa darbuuf jedhee darbatu bor akka deebi`ee isa miidhullee tilmaamuu hanaqata. Kan hedduu nama ajaa`ibu har`a hojii guddaan keessumaa karaa HD SHG deemaa jiru naannoo naanoo irratti ijaaruu , nama namairratti ijaaruu, miseensa miseensatti hamachuu, gartuu fi aanteen wal-.tumsuudha.

Hogganooti ABO amma jiran waluumaa gala haala dhaabichi keessatti bu`ureefame sana keessa of-fooyyesuu dadhabuun maalirraa akka madde hubachuun nama hinrakkisu. Muuxxannoo haga ammaatti SHG ABO irraa agarre irraa yaada qeeqaa qaama hooganaas tahee qondaala ykn miseensi tokko irraa itta dhihaatu fuudhee sirnaan keesummeesuu osoo hintaane abbaa yaada isaa “critical “ tahee dhiheesse itti duuluu, arihuu, golee galchuu fi qophxeesuu, akkasumas caasaa “inactive” tahe tolchanii itti ramaduu, ykns diina keessaa jedhanii moggaasuu malee yaadi dhihaatee kun hagam madaalii fuudha jedhanii ilaaluun hinaadefamne. Kun hirr`ina qofaa otuu hintaane farra sirna dimokraasiiti. Aadaa ofitti haasawanii of-dhageefachuu, aadaa namoota yaada biraa dhiheessan keessumeessuu dadhabuu, geengoo ykn” circle” ofii keessa bahanii nama waliin dialogue gochuu dadhabuuni fi kaayyoo oromummaara taayitaa ofii jaallachuun amntaa ofirratti dhabuurraa ka burqe jedheen fudha.

Foxoqiinsa bara 2001hidhatee hubannoo miseensotaa

Egaa haalota akkasiitu Jaarmaa ABO diddiigaa ture, jiras. Osoo aadaan akkasii hinjiru tahee foxoqiinsi bara 2001 kan uumama QC ti geeyse hindhalatu ture. Political debate ykn falammii siyaasaa wal-gidduuti deemsisaa haga yaadni takka mo`utti waliin deemuun ni dandayama ture. Wal-diddaan erga dhalatee addaan bahanii boodallee wal-qusachuu fi eger-boriifi QBO f yaaduun gonkumaa hinturre.

Kanas kan mirkaneessu bara 2001 akkuma QC uumameen ABOn amma SHG ofiin jedhu walgahii takka biyya alaa kana keeyssatti gegyeefame irratti bakka bu`aa Asmaraa irraa erguun oguu miseensotaa fi degertootaaf dhimma foxoqiinsa sana ilaalchisee ibsa kennu “ QC-xannacha ykn Cancer qabsoo bilisummaa Oromooti” jedhee, kanaafis sababoota inni kenne keessaa hagi tokko: murtee ABOn dabarsu, tarkaanfii lolaa inni geggeesuuf saganteefatu, iccitii inni qabu hunduu otuu oolee hinbulin biiroo Malasaa gaha” jedhan. “Woraana keenya karaa dirree kibbaa fi bahaa otuu itti iyyannuu J/Galasaan beekaa nu harkatti ficcisiise “; badiilee tahan kanaas kan godhan warra QC jechuun nu amansiisan. Amma erga QC nu keessaa bahee mooraan QBO ni qulqulaahe, qabsoon keenyas ni shafisti jedhanii nutti ololan. Kanaafis degersa nu gaafatan.

Nutis hogganni keenya nu kijiba, ka jedhu waan hinyaadneef, aadaan walamantaa fi jaalalli qabsoo waan nu keeyssa jirtuuf yaada kana jala guganne. “Gochaan QCs” dhuguma diinaaf dalagu jennee waan hogganoota keenya amanneef nu aarsee, xiiqii keessa nu galchuun akka itti duullu nu taasise. Namootaa fi hiriyoota akka gaaritti wal-jaallannu, waliinillee haala baayyee dabarsine, sadarkaa waliin hooduutti geenye. Beekaa fi wallaalaa osoo adda hinbaasin afaan isaaniirraa hoduu fuunee maqaa xureesuuti kaane. Fkn. J/Dhugaasaa Bakakkoo oolmaan isaa Embasy Itophiyaa ,Kenya jiruudha” jedhanii nuu dhaaman. Nutis ajaa`iba jenne fudhanne. Warri ololi akkasi irratti dalagame keessaa gariin isaanii amma beekumsaa fi muuyxannoo qaban fudhatanii, afaan isaanii cufatanii manatti galan. Kun SHGf mo`icha, qabsoo Oromoof garuu kufaatiidha. Nutis afaan isaanii irraa fuunee erga QC arihamee hogganni ABO ni qulqulaahe, qabsoon keenyas ni finiinte jennee degersas laatnee, warra qaama cehumsaatti ilkaan ciniinnannee, hidhii xuuxnnee “ gantootaa” ittiin jennee.

Ololli kana fakaatu kun har`a warra Waltajjii Marii Oromoo irratti duulamaa hinjiru ree?. Irraa baranneerra?. Deebii isaa marsaalee interneetaa irraa haa ilaallu.

Kun gaga`amaa fi madaa hin fayyineedha. Har`a QC fi SHG ni araaramne ogaa jedhan karaa tokko gammachuun nuti yaa dhagahamu malee irra guddaa isaa aarii fi xiiqii biraatu nu qaba. Innis SHG tu gantootatti “QC “ araarame moo QC ttu gantummaa keessaa bahe moo; SHG tu dura nu sobe ka jedhutu aarii fi xiiqii nutti fida. Kana malees QC yeroo himatu “SHG tu kaayyoo gane “ jedha, akka waan kaayyoo sun ,” Kaayyoo ganama “ jijjiiramuu hinqabu jedhamee tumamee jiruti. SHG s karaa isaa QC tu heera dhaabaa cabsa jechuun waql-himannaan ture sun akkamiin akka gudunfame Jaruma lachanuuf dhiisuu wayya.

Kanarraa oggaa kaanu egaa balleesaan haga ammaati tahe , lubbuun namaa galaafatame, gaga`amni qabssoora gahe, duulli maqa balleesii akka ammaati tahamaa ture kun ifatti QC fi SHG mediyaatti bahanii dhiifama gaafachuu qabu, tti gaafatama isaas fudhachuu qabu. Qabsoo oromoos tahe qabsaawotni oromoo dirree shaakala gartuu tahuu hinqaban. Nutillee sobaan akka meeshaatti nutti fayyadamuu dogogora hamaadha.

Karaa biraa SHG duula maqaa kabiraa balleesuu kan inni itti dhimma bahuuf karaan bilisummaa ana malee hinjiruuti, dhaabni oromoos ana malee jiraachuuf mirga hinqabu, jechuun qabsicha akka monoploiitti qabatuun duula ykn projektii ittiin galii sassaabbachuu geggeesuudha. Akkuma TPLF haala adunyaa keessatti uumame tokko dhimma itti bahuun gargaarsa alaa ittiin gaafattu SHG s rakkoo yeroo gara garaa QBO keessatti uumamu “Projektii fund raising” godhee itti fayadamaa ture, jiras.

Haalli jeequmsa dura bara uumama QC ti geese Projektii fund raising 1ffaa SH G jennee fudhachuu nidandeenya.

Biyya ambaa keessattis warri amma aadaa akkasiin xaxamanii bitaa fi mirga ilaaluun cubbuu itti fakaatee akkuma “faradoo gaarii harkiftuu” fi “dibbee Asmaraati rukutamuun” Amerikaa, Austraalia, Awurophaa keessa sirban bareefama kana ogaa dubbisan osoo dhugaa tahuu isaa garaan isaanii beekuu kan kana barreesse “ fareen araaraati, WMO ti, QC dha ykn KY , ykns Wayyaaneedha “jechuu akka hinoollee yaada kana irratti kennamurraa ni agartu jedheen tilmaama.

Egaa karaa QCs ogaa bu`ureefame kaasee hojii tarsimaawaa inni godhatee namootaa fi “ SHG” irratti olola barreesuu malee lafa irratti waa ijaaruu fi qabsicha bifa jaarmaan jajjabeessee deemsisuun fooyawiinsa agarsiisee caaluuf tattaafi hingoone. Yerooma hundumaa “ Kaayyoo ganamaa” jechuun dhaaddachuu qofaadha akka waan isaan qofaa isaanii kaayyoo ganama kana qopheessanitti. Ololoota miseensota ykn hogganoota QC barreefaman keessaa kan baayyee nama ajaa`ibu namooti bara durii hog-baru baratan aadaadhuma bara saboonumaa oromoo yeroo sirna komunism dhaalan sana keessa ofjijjiiruu dadhabuu ni agarra. Olola ykn propogandaa miiraan guutamanii dhugaa irratti kan hinhundaahin , waan qabatamaa lafarra jiru kan hincalaqifne, jibba ykn hinaaffaa namootra irratti qaban hundee godhachuun jechoota mimiidhagoo fi tartiiba gaariin oggaa baarreesanii suuraa ofii isaanii waliin marsaalee gara garaa irratti maxxansiisan baayee nama qaanessa. Namoota deemsa qabsoo bilisummaa oromoo fi ijaarsa sirna dimokraasii keessatti muuxxannoo biyyoota gara garaa irraa qorachuun karaa nu baasu nuu dhiheessan jennee yaadnutu “hujjummoo ololi miiraan guutame “ keessa yaa`u tahanii ogaa agarru ,sadrkaa barumsa isaan qaban, muuxxannoo gara garaa isaan qabaachaa turan waliin ogaa ilaallu hedduu nu yaaddessa.

Madda ololaa QC kan ture keessaa warri ijoon SHG kora sabaa geggeesuu dide “kaayoo ganamaa “ ganan, ka jedhufaa waan tureef hogganoota SHG carraan kun projektii ololaa fi qarshii funaanuu”2ffaa” ka biraa tahee argameef. SHGs haala kanaa irra aanuuf qarshii “kora sobaa” ittiin geggeesan qindeeffatte. Kora sobaa kanas geggeesuun aangoo ishee mirkaneefate .Korri oggas geggeefamnes kunis waanuma dursee xumurametu maqaaf namooti achi irratti argamuun mirkaneessuu tahee darbe. Kora sobaa kanan jedheefis namooti garii otuu korichi hincalqabamin dursanii gahee hojii isaaniyyuu baruu isaaniitu kana nama jechisiisa. Korri kunis bara 2004 Erteraatti geggeefame maqaa ABO hinjijjiirre. Maqaa dhaabichaa SHG jedhees hinmoggaafne. Kan inni godhe “Korichi maqaaf GS Filatee; GS moo SHG of-keessaa filte.”

Maqaa SHGn araara geggeessuu

Egaa warra hinbeekneef SHG jechuun koree hojii raawwachiiftuu ABO jechuudha malee dhaaba kamiyyuu miti. Dhaaba kamiinis bakka hinbu`u. Garuu har`a dhimma araaraa irratti ogaa agaru SHG ABO fi QC ABO tu araarame ogaa jedhan gaafilee hedduu namatti kaasa. Innis QC ABO dhaaba waan taheef akka dhaabaati maqaa isaa kanaan waan beekamuuf maqaa kana qabatee araaramuu isaa agarsiisa. SHG ABO garuu koree hojii raawwachiiftuu malee dhaaba waan hintaaneef qofaatti koreen kun akkamitti maqaaa ABO akka jijjiirtee araara geggeesuuti seente takkaa ifaa miti. Aangoollee itti hinqabdu.

Akka kanatti GS ABO immoo ganaa ykn si`achi araaricha qofaatti geggeessee sanatti fufuun araarichi tartiibaan miseensota bira gaha jechuudha. Ajaa`iba. Akka kootti SHG araaricha fudhachuuf jecha maqaa ABO lagate ,dhaabbacha gadi xiqqeessee, aangoo kora sabaa mulqee,maqaa sirnaa inni ittiin beekamu jijjiire , heeraa fi seera dhaabichaa cabsee waan taheef walgaafachuuf ni dirqamna. Koreen seeraa fi tohaanno ABO illee kana irratti itti gaafatamummaa ishee bahuu qabdi jedheen ilaala.

Kunis haga irraa beekutti akka nama miseensa tokkooti yeroo itti ABOn Dawud Ibsaan geggeefamu “Legaly” maqaa isaa SHG jedhee of-mogaase, sadarkaa biyyaatis , tahe adunyaa mara irratti tokkoyyuu hinjiru. Kanaaf deemsi kun faallaa sirna jaarmaa fi heera ABOti jedheen fudha. Yoo yeroo itii maqaan kun bifa kanaan mogaafame jira jettanimmoo raga naa dhiheessuu dandeessu. QC ABO yoo ilaalle garuu maqaa kana qabatee bu`ureefame maqaa kanaanis warra kaan irraa adaa baha; isaanis araaratti dhihaate waan taheef kan isaa sirna.

Foxxoqiinsa bara 2008

Haaluma deemsa qabsoo Oromoo amma SHG ofiin jedhaniin geggeefamu kana ogaa boodatti deebinee ilaallu yeroo miliishota wayyaanee qabsoo bilisummaa oromoo fi kan saboota biraa woraanaa turan keessaa hidhata lafa jalaan ABO waliin uumataniin “ akka nutti himametti “of-ijaaranii cabsachuun tuutaan gaafa Eritrea seenan HD ABO biyya alaa Amerikaa bobbaa jiru irraa gidduutti kutee isaaniin simachuuf bakka isaan qubatan dhaquun “ Baga nagaan dhuftan, kan dhuftanis mana keessan , qabsoon kunis kan keessan” jechuun haasawaa inni godheef media irraa agarre. Marsaaleen internet , SHG leellisan marti weeduun bar asana isaan weeddisan waanuma Gen. Kamal Galchuu faa qofaa tahe.

Dhufaatii milishota Wayyaanee kun ammas SHG madda ololaa fi carraa projektii ittiin galii sasaabatan ”3ffaa”,tahe. Innis amma WBO gara woraana cimaatti jijjiirra, Generaalota arganne, human leenjii fi dandeettii guddaa qubu arganne waan taheef ijaarsi WBO illee ayinaan waan jijjiiramuuf degersa barbaanna jechuun ololii Projektii qarshii walitti qabuu sadafaan kun geggeefame, milkaawes. Hojii irratti garuu kan argame faallaa dha. Ololli bara sanaaas maqaa warra cabsatee dhufe kanaa faarsuu qofaa tahe. Chapterri qabsoo bara sanaa kanumaan cufame jechuudha.”qabso”.

Miliishoti Wayyaanee qabsoo SHG hogganamutti dabalaman kunis qabsicha akka otuu isaan biyya jiranii itti himame tahee hinagarre. Ogaa dhufanii qaamaan hoogganicha laafinaisaa ilaalan, waan ABO dura biyya keessatti bifa iccitiin itti himamaa tureefi isa isaan amma ijaan argan waaqaa fi lafa tahuu isaa ogaa hubatan warra ilaalcha addaa achi keessaa qabu waliin wal-tahuun dhaabicha jijjiiruuf carraaqii eegalan. Kunis foxoqiinsa bara 2008ti geese.

Akkuma aadeffame ololi karaa lachanuu walirratti aggaammate salphaa hinturre. Nutis degertooti SHG milishota waggaa guutuu faarsaa turre, amma immoo “chaapterri faarsuu xumurateera, kan amma itti aanu chaaptera balaaleffanaa waan taheef balaalefadhaa” nuun jedhan. Nutoo silaa akka “Farda gaarii harkiftuu bitaa fi mirga hinilaallu” waan taheef ammas duula sasarkaa lamafaati ceeene. Ibsa ejjennoo irratti baasaa nuun jedhan ., ni baasne. Qabsoo kana jiraachisuuf qarshiin nu degeruu qabdu nuun jedhan. Projerktii qarshii funaaansaa 4ffaa tahe jechuudha. Isa kaleessa gootota keenya jedhanii nu faarsisaa fi sirba illee maqaa isaaniin nu faarfachiisaa turan hara immoo “gantoota” jedhaa arabsaa nuun jiedhan. Nutis “ eessa abbaa keenyaa dhaqnaree” akkuma isaan nuun jedhan jenne. Kan mo`e garuu hinagarre. Qabsoon bara sana keesaa fi alatti wal-gaaduu fi walirratti duuluu qofaa tahee chaaptera isaa cufate. Isa HD kaleessa baga nagaan dhuftan qabsoon kun kan keessan ittiin jedhan har`immoo warra itophiyaanist ittiin jedhaa jedhan.” Ammaan booda eenyuun amanna.”

Sana booda dhimmi araaraa calqabame. Qabsoo keessatti kan yaadaan wal-dhabee, wal-falmee fixachuu dadhabnaan qawwee walitti galagalchee wal ajjeese, walirratti olole, araaramee tokko tahee hinbeeku. Garuu, haaloti gara garaa ogaa dirqan , haala keessa darban irraa barachuun kan deebi`anii tumsa waliin uumatan ni jiru.

Dhimmi araaraa SHG ( ammas naa hubadhaa, ABO miti SHG ti malee ) KY waliin ogaa calqaban xiyyeefannoon qabsoo bara sanas dhimma kana tahe. Araaramne jedhan. Qabsoon bara kanaa kanúmaan xumurame.Degersa nu gaafatan. Madda ololaaa fi projektii qarshii sasabuu 5ffaa tahe. Hogganooti ykns miseensoti GS ABOs waan ittiin gadi bahanii Hurufa ykn “Field “ bara sanaa dhaqanii miseensotatti waa dubbatan argatan. Haa tahu garuu araarri akeekame takka ture ni gufate jedhame. Chaapterri “ Qabsoo” bara sanaa kanumaan xumurame.

Qabsoo SHG bara 2012 ti asii.

Haalota itti SHG QBO kana qabee jiru kun namoota hedduuj yaaddoo jala waan galchee jiruu fi aadaan sila kaasaa ture waan hogganicha xaxee jiruuf akka inni keessaa fooyahuu hindandeenye gaafa baran hoogana SHG kana jalaa ofbaasuuf namooti garii murteefatan. Kunis “ erga aadaa hoggansa qabsoo SHG jijjiiruu hindandeenye laaqama isaaf gumaachuu hinqabnu “ jechuun ture.

Haali miseensoti fi qondaaloti hogganoota garii dabalatanii dhaabicha keessa gadi dhiisuu kun “ Chapter qabsoo “ kabiraa SHGf bane. SHG hojii guyyuu inni akka qabsooti qabatee jiru “olola” waan taheef itti taa`e. Kitaaba itti qopheessan. Gamaaggama jedhanii. Maqaa dura QCf kennan galmee arrabsoo fi ololaa keessaa barbaaduun amma immoo warra dhaaba keessaa ofbaasetti maxxansan. “ Xannacha qabsoo bilisummaa Oromoo “ ka jedhu. Erga abanlufaa dhaaba kana keessaa bahanii amma qabsoon keenya ni qulquloofte jedhan. Projektii “qabsoo” kabiraa argatan jechuudha..Namootaa maqaa dhahuun akkuma bara QC, KY ammas olola raadiyoonii fi marsaaleee gara garaan itti fufan. “Hinbarihu seetee manatti —– bariinaan qaanofte” jedhu mitiiree?

Har´a kunoo ogaa ilaalu “qabsoo” tahee marsaaleen interneetii hundumtuu walgahii araaraafi wal-hubannoo ka jedhuun alaabaa ABOn miidhagaa jira. “Alaabicha silaa rabumatu itii fuudhee”. Lafa irratti garuu yoo ilaalle miseensotas tahe oromoo ka biroon araara kana gaafilee gara garaan qorachuu malee deemsicha kan garaa guutee degeraa jiru hinjiru. Sababiin isaa muuxxannoo haga ammaatti geggeessaa qabsoo SHG jala baratamne irraa wanti amanamu tokkollee waan hinjireefi. Walgahiileen haga amaatti Holand, Garmanii, UK, Amerikaa fi bakoota gariiti geggeefaman “Afoosha “ ganda tokkoo fakkaachuu caalaa gammachuun kan harka walitti rukutuu otuu hintaane shakkii fi gaafiin wal-dura dhaabbachuu tahee argaa jirra.

Hogganni SHG garuu waan walgahicchi maddisiisee fi maddisiisuuf deemu,hirmaatota walgahichaa fi yaaddoo dhihaaatan otuu hintaane akkuma amaka isaanii maqaama ABOn walgahii biyyoota gara garaatti geggeefamu qofaan mirqaanu. Hogganooti ABO miseensoti GS biyya ambaa jiranillee kan waan qabatanii yeroo ammaa namatti gadi bahan dhaban amma kunoo maqaa araara kanaan “ qabsoo” fi sagantaa gara fuula duraaf projektii qarshii sasaabuu 6ffaa karoorfamee bakkaan gahuuf waltajiilee gara garaa irratti suuraa isaanii nu daawwachiisaa jiru.

Mormii fi sirna dhaabaa cabeee maqaa jijjiirame kun akkasumas murtee kora sabaan ala kaayyoo dhaabaa marroo lama jijjiiruu isaatiif SHG jeequmsa jalaa hinbahu. Xumura irratti egaa amma kan araara kanatti jiru dhaaba QC-ABO fi SHG ABO qofaa waan tahaniif GS ABO fi miseensotiin ABO immoo yoom araara QC waliin akka calqaban eegna. SHG maqaa dhaabaa osoo hintaane kan koree hojii raawwachiiftuu ABO ti.

ABJUU GAARII ISINIIF YAA TAHU
Ichima Baqqoo.irraa

Advertisements

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 10/03/2013, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s