Xalayaa Oromummaa: Qabsaa’ota Oromoo maraaf

Getinet Dinkayehu Bitootessa 23, 2013

Duraan dursee, nagaan Obbolummaa, Oromummaa fi Sabboonummaa bakka jirtan maratti isin haa gayu.

Uummatni keenya uummatni Oromoo erga gabrummaa Habashaa jalatti kufee kaasee hanga har’aatitti jabana tokkorraa jabana biraatti, bara tokkorraa bara biraatti, mootommaa Habashaa tokkorraa kan biraatti yeroo dabru, qabeenyi isaa saamamaa, ijoolleen isaa hidhamaa, dararamaa fi ajjeefamaa, kuun biyyarraa baqachaa as gaye. Biyya dureettii Waaqni uumaadhaan kenneef; biyya waa hundaa qabdu fi hunduu hawwan Oromiyaa badhaatuu otuu qabuu, abbaa biyyaa fi abbaa qabeenyaa ta’uu dadhabee; nafxanyoonni biyya isaarra qubatan yeroo dhaa yerootti duroomaa yoo deeman, uummatni keenya garuu dhukkuba, beela fi gadadoo keessatti kufee; jireenya namaa gadii jiraachaa ture, jiras. Haalli uummatni keenya har’a kessa jiru ammoo yoomiyyuu caalaa baay’ee hamaa dha. Gabrummaa gaarii fi badaan jiraachuu baatullee, gabrummaan har’a uummatni keenya keessatti dararamaa jiru yoomiyyuu caalaa hamaa akka ta’e waan isin hundaa jalaa dhokatuu miti. Maaliif jedhaatii of gaafadhaa!!

Xalayaa kana keessatti waan tokko tokko yoon kaasu, seenaa isinitti himuufii miti; rakkoolee jiran kana hin beektan jedhee isiniif ibsuufiis miti; dhimma kana ni dagattan jedhee isin yaadachiisuufiis miti. Wanti biraa yoo hafe, yeroodhuma xalayaa kana dubbistan rakkoolee kana akka hubattani fi maal godhuu qabna? Maaltu mala? jettanii tokko tokkon akka of gaafattaniifi. Gabrummaa har’a uummtani Oromoo keessa jiru maaltu kan durirraa adda isa godha? Mee yaadadhaa, mee hubadhaa: Duri uummatni keenya biyya ofii keessatti cunqurfamaa, hacuucamaa, hidhamaa ajjeefamaa ture. Har’a garuu kun hunduu akkuma jiranitti ittifufaa; karaa biraatiin garuu i) qayee isaa keessa jiraachuu dadhabee lafa isaarraa buqqifamee rakkoolee gara garaatiif saaxilamaa jira; ii) lafti isaa inveestaroota nafxanyootaa fi warra biyya alaatti gurguramee; inni garuu gara magaalaatti baqachuuf dirqamee; achittillee jireenya harkarraa gara afaaniitti taatullee dhabee rakkachaa jira; iii) ijoolleen isaa kan boru warra ofiitiif akkasumas abdii biyyaa ta’uu danda’an akka baratanii barumsa isaanii hin xumurre mana barumsaarraa ari’amaa jiru…

Rakkooleen uummata keenyarra gayaa jiran kana qofaa miti; lakkaawamaniis kan dhumanii miti. Kan baay’ee nama gaddisiisu fi nama yaaddessu, biyya boru bilisoomsinee nagaa fi gammachuudhaan, badhaadhinaan keessa jiraanna jennee hawwinu, Oromiyaa badhaatuun badaa akka jirtu yaadannaa? Gabrummaan hamaan har’aa kun uummata keenyarratti qofaa otuu hin taane, biyya keenyarrattis balaa guddaa fidaa jira. Haroolee fi lageeleen keenya walumaagalatti naannoon biyya keenyaa summiidhaan badaa jiru. Yoo haalli amma jiru kun itti fufe, biyya jaalannu tanaa dhabuuf deemna. Rakkoon Oromiyaa keessa jiru kana qofaa miti. Uummatni keenya har’a amantii barbaadullee hordofuu dadhabee mirgi isaa sarbamaa jira. Rakkoolee lakkaawamanii hin dhumne!! Egaa kun hunduu mallattoo gabrummaa nafxanyaa haaraan Wayyaaneen nurratti feete dha; gabrummaa hammayyaa kan jaarraa 21ffaa ti. Yaa ilmaan Oromoo, kana hundaa callisneetuma ilaaluu qabnaa? Dhuguma malli dhabameetii, kan haalli kun bar-kurnee lamaa ol itti fufaa jiru? Waanuma godhuu dandeenyutu hin jirree?

Erga Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) ijaaramee jalqabee hanga har’aatti haala jiru yoo hubatne, ilaalchi adda addaa yookaanis ayidoolojiin gara garaa ABO keessa turullee, qabsoo hanga bara 1991 godhametu injifannoolee hamma kana hin jedhamne galmeesse. Gama tokkoon diina waliin falmuudhaan qabsoo hadhaawaa godhaa; gama biraatiin ammoo uummata keenya dammaqsaa; walumaagalatti qabsoo karaa lamaa gaggeessaa injifannoolee gurguddoo sana argamsiisuun dhugumatti anaaf ajaa’iba. Kun hunduu laayyootti hin argamne. Dhiiga fi lafee ijoollee Oromoo qabsoo kana keessatti wareegamantu bu’aalee kana argamsiise. Haala bara 1991 booda uumame yoo ilaalle, dhugaa dubbachuudhaaf waan qabsoon tun dhaabbattee bakkuma sanatti hafte fakkaata. Akkana yoon jedhu ilmaan Oromoo, kan Oromiya keessatti diina hamma funyaaniitti hidhate wajjin falmii godhaa jiran qabsoo isaanii dagachuu fi xiqqeessuufii miti. Gootonni keenya, keessumaayuu dargaggootni Oromoo kufaa fi diina kuffisaa jiru.

Haa ta’u malee, bar-kurnee lamaan dabran kana keessatti injifannoolee maaltu galmaayan ykn jijjiiramni mul’ate maali jennee yoo gaafii kaasne, deebii gaafii kanaa isinumaafan dhiisa. Jijjiiramni mooraa keenya keessatti mula’te yoo jiraate, jaarmayootni fi gareeleen heddoomuu; humni Oromoo gara garatti faffaca’uu; diina dhiisanii walirratti duuluu,… fi kkf. Kun maaliif ta’uu danda’e jennee deebinee of gaafachuu qabna. Dhugaan lafarra jiru tokko, erga ABOn mootummaa ce’umsaa Itoophiyaa keessaa bayee; hogganootni isaas gara biyya alaa deemanii kaasee yoo ilaalle, qabsoonis isaanuma wajjin alatti baatee achumatti waan hafte fakkaatti. Warri biyyaa bahan kun qabsoo dhiisan ykn dhaaban jechuu kiyyaa miti. Qabsoon biyya alaa keessatti godhamaa jiru kun bifa maal qaba? Qabsoo akkamiitu gaggeessamaa jira? fi kkf kaasuun barbaachisaa dha. Uummatni Oromoo kan biyya keessa jiru, warri ala jiran keessumaayuu ABOn yoom humna cimaa ta’ee deebi’ee nuu dhufa jedhanii bara baraan eegaa jiru. Kana qofaa miti. Warri biyya keessa jiran maqaa ABOtiin balaa meeqatu isaanirra gayaa jira? Yoo uummatni keenya dararaman warri biyya alaa jirru maal godhaa jirra?

Wanti biyya alaatti godhamaa jiru faallaa hawwii uummata bal’aa Oromoo ti. Uummatni keenya kan inni hawwu fi eegaas jiru, jaarmayootni isaaf qabsoofna jedhan waliigalanii, tokkummaa ijaaranii, humna uumanii gabrummaa jalaa akka isa baasanii dha. Jaarmayootni fi qabsaa’otni keenya kan biyya alaa jiran maal godhaa jiru? Hawwii uummata bal’aa kanaa guutuu dagatanii ykn yaamicha isaatiif owwaachuu dhiisanii; humna Oromoo uumuurra gara gara wal hiruu; walirratti duuluu; wal arrabsuu; wal abaaruu; wal dura dhaabbachuu; wal laaffisuu filatanii; mooraa keenyas tasgabbii fi nagaa dhoowwaa (dhoorkaa) akka jiran abbaa fedhe jalaayuu waan dhokatuu miti. Mee ilaalaa, jaaramyoota ykn gareelee ykn murnoota Oromoo meeqatu jiru? Akka haala yerootti, tooftaalee gara garaa yaaduun; karaalee adda addaas yaaluun waanuma adeemsa siyaasaa fi qabsoo keessa jiruu dha. Haa ta’u malee, kaayyoo ganama manaa bahaniif otuu hin jijjiirin; isa kana galiidhaan gayuuf  tooftaa fi tarsiimoo adda addaatti fayyadamanii qabsaa’uun otuu danda’amuu; waldhabbii dhuunfaatiin ykn xiiqiidhaaf jedhanii humna Oromoo gara garatti hiruu fi laaffisuun qabsoo kana eessanuu gayuu hin dandeenye, hin danda’us.

Mee rakkoon mooraa keenya keessa jiru rakkoo kaayyoo ti haa jennu. Yoo akkan ta’e ammoo har’a kaayyoon qabsoo Oromoo mooraa keenya keessatti yoomiyyuu caalaa ifa ta’ee bakkee lamatti bayee jira – Itoophiyaa diimookraatessuu fi Oromiyaa walaboomsuu. Jaarmayoota Oromoo yoo ilaalle ammoo otuma kaayyoo lamaan kana keessaa kaayyoo walfakkaataa ykn tokko qabanuu garuu ammallee bakkee hedduutti hiramanii jiru. Fakkeenyaaf gama tokkoon ABO QC, ABO Shanee Gumii, KY ABO, GQM ABO fi THBO (ULFO) …kaayyoo tokko waan qaban fakkaatu. Gama biraatiin ammoo ABO murni G/ Kamaal Galchuutiin hogganamuu fi warra yeroo ammaa WMO jedhanii tarii jaarmayaa haaraa? ijaaruuf deeman yoo ilaalle, isaanis kaayyoo walfakkaataa waan qaban natti fakkaatu. Maarree, erga hunduu karaa ofii filatanii, akka walfakkeenya kaayyoo  isaaniitti maaliif walitti hin baqne ykn tokkummaa kaayyoo hin uumne? Erga waan isaan barbaadan ykn galiin isaan hawwan tokko ta’ee, maaltu tokkoomuu isaan dhoowwe? Xiiqii dur walirraa qabantu sababa ta’e moo gaafii aangootu isaan rakkisaa? Moo iccitii biraatu duuba jira?

Humna mooraa Oromoo jabeessuu fi cimsuu kan danda’u silaa tokkummaa hundaa hammatu ture. Haa ta’u malee, jaarmayootni Oromoo hunduu bakkee tokkotti dhufanii tokkummaa hundaa hammatu ijaaruun rakkisaa yoo ta’e, kaayyoo itti amanan qabatanii bakkee lamaan kanatti tokkummaa kaayyoo ijaaruun maaliif rakkisaa ta’a? Hanga yoomiitti gara garatti hiramanii walumarratti duuluudhaan humna Oromoo laaffisu? Bu’aan isaanis ta’ee uummatni Oromoo haala uumame kanarraa argatu maali? Akkan ofii kiyyaa hubadhutti, rakkoon mooraa keenyaa suuta suuta gaafii aangoo ta’aa waan deemu natti fakkaata. Qabsaa’aan kaayyoo tokkotti amanu fi isa kanas galii hawwamu tokkotti geessuuf kutatee ka’e, hanga xumuraatti qabsaa’a malee duubatti hin deebi’u; asii fi achi hin jedhu. Kanaaf ammoo qabsaa’ota keenya kan qabsoo kana keessatti wareegaman akka fakkeenyaatti fudhachuu dha. Kan fagoo dhiisnee kanuma dhiyoo kanaatuu yoo ilaalle, Gooticha keenya Jaarraa Abbaa Gadaa kaasuu ni dandeenya.

Ergan waayee gootota keenyaa kaase, mee waanan dhiyoo kana konfaransii Waldaa Qorannoo Oromoo (OSA) irratti viidiyoodhaan arge tokkon akka fakkeenyaatti dhiyeessa. Gootni Oromoo Aaddee Urjii Dhaabaa waan keessa dabartee as geesse yoo haasoftu, gama tokkoon imimmaan kiyya qabuun dadhabe. Gara biraatiin garuu waan ishiin dubbatte tokko qalbii kiyya na harkise. “Booyuu otuu hin taane, waan booyicha fidu hanbisuu dha” jette. Warri konfaransii sanarra turanis akkamitti garaan isaan badee akka booyan ni mul’ata. Yeroo dabres, yeroo Aaddee Asili Oromoo haasoftus akkasuma uummatni imimmaan gadinaqe. Sunis guyyuma sana malee, booda hirraanfatamee hafe. Kan aaddee Urjiis akkasuma ta’uuf deema ta’a. Konfaransii Aaddee Urjiin irratti haasofte sanarratti, manguddoonni ka’anii aariidhaan akkamitti akka dubbatani fi “Adaraa Waaqaa….” jechuu dhaan yaamicha tokkummaas akka dabarsan ni argama. Yaamichi kun dhagayamuu ykn dhagayamuu baachuu isaa waan arguuf deemnu dha. Kan dubartootni keenya keessa dabranii as gayan kunillee nutti hin mul’atuu? Dubartootni gootonni kan akka Aaddee Urjii Dhaabaa meeqatu wareegaman? Gootota meeqatu bosona fi gaara Oromiyaa keessatti kufan? Meeqatu kufaas jiru?

Gara xumura xalayaa kiyyaatti deemuudhaaf, ani jaarmayoota (gareelee) Oromoo fi qabsaa’ota Oromoo kan biyya alaa jiraniif dhaamsa xiqqoo dabarsuun barbaada. Biyyatti deebitanii qabsaa’uun yoo isin sodaachise ykn rakkisaa ta’e; uummata Oromoo kan biyya keessa jiruu fi nu dhaqqabinuu laataa jedhanii isin eegaa jiran bira gayuu kan hin dandeenye yoo taatan; yoo dhuguma uummata kanaaf dhaabbanna kan jettan ta’e, waan tokko godhuu akka dirqama Oromummaatti fudhachuu qabdu. Xinnaatee yoo xinnaate, warri biyya keessa jiran, qabsaa’otni Oromoo ala jiran tokkooman jedhanii caalaatti akka hamilee argatan, gara garatti fafacaatanii hafuu dhaabaatii akka kaayyoo qabdanii fi itti amantanitti tokuummaa kaayyoo uumaa. Otuu humna ofii hin jabeessin, otuu humna sodaachisaa hin qabaatin, diinatti (Habashaatti) kaachuu fi tumsa isaanii barbaaduun eessanuu isin hin gayu. Booddeen isaa kufaatii ta’a malee bu’aa ni fida jedhee ani ofii kiyya hin amanu. Yoo humni Oromoo jabaatee, cimee fi sodaachisaa ta’e booda tumsa alaa barbaaduun nama hin sodaachisu. Gaafa sana ormatu tumsa nurraa barbaada malee, nuyi tumsa barbaaduu hin deemnu.

Tokkummaa uumuurratti waayeen taayitaa ykn aangoo kan isin sodaachisu yoo ta’e, qabsaa’aa tokko kan bakkee olaanaa kennisiisuuf dandeettii, beekumsa, kutannoo fi murannoo isaa waan ta’uuf, kana uummata ykn miseensotatu arguu fi madaaluu danda’u. Kanaaf, kora hundaa hammatu qopheessuudhaan isa kanarratti kan wayyabni itti amanu bakkee isaaf ta’u argachuu danda’a. Wal sodaatanii essayuu gahuun hin danda’amu. Warri hanga har’aatti yeroo dheeraadhaaf jaarmayoota hogganaa turani fi jiranis, akka seera fi sirna Gadaatti dhaloota ittiaanuuf bakkee gadidhiisuun jijjiiramni akka mul’atu taasisa. Kunis jaarmayoota Oromoo keessatti aadaa ta’uu qaba. Afaaniin waayee sirna Gadaa haasa’aa karaa biraatiin garuu faallaa kanaa dalaguun, gara abbaa irrummaatti nama geessuu danda’a. Kuni ammoo egeree keenyaaf gaarii hin ta’u. Karaa biraatiin ammoo, uummata mari’achiisuun ykn uummata waliin marii godhuun barbaachisaa ta’ullee, walgayii gaggeessuudhaan, kora xiqqaa kora guddaa jechuudhaan, yeroo dheeraa balleessuurra daddaffiidhaan xinnaatullee hojiidhaan waan tokko mul’isuun uummatatti abdii hora. Yoo akkan hin taane, amantaa uummatni isinirraa qabu hir’achaa deema.

Dhumarratti, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti, waan tokko hubachuu qabna. Tooftaa fi tarsiimoof jedhamees haa ta’u; hammuma fedhan nuti diimookraatota ofiin haa jedhan; otuu humna Oromoo sodaachisaa hin qabaatin ykn hin uumin, Habashoota amannee isaan wajjin hojjennee ykn tumsa ijaarree; uummata Oromoo gabrummaa keessaa baasna jechuun anaaf abjuu dha. Karaan kun yeroo baay’ee akka yaalamee ture seenaatu ragaa ta’a. Bu’aan inni fide hin jiru. Projektii hin milkoofne yaaluun booddeen isaa kisaaraa fi kufaatii ta’a malee uummata Oromootiif bu’aa hin argamsiisu. Jaalannus jibbinus dhugaa kanatti amanuu qabna. Waan barbaadnu tokko argachuu kan dandeenyu yoo humna cimaa fi abdachiisaa, sodaachisaa qabaanne qofaa dha. Humni akkanaa ammoo tokkummaa dhugaarraa madda. Tokkummaa humnoota Oromoo qofaatu injifannootti nu geessuu danda’a jechuu dha.

Karaa galii QBOtiinis yoo ilaalle, kan uummata keenyaaf wabii ta’uu danda’u guutumaa guututti bilisummaa fi abbaabiyyummaa uummata Oromoo mirkaneessuudhaa ala furmaatni biraa natti hin mul’atu. Kanaaf, qabsoo keenya galii kanaan gahuuf, tokkummaa qabsaa’ota Oromoo, kan hundaa hammatu ijaaruun yoomiyyuu caalaa yeroon isaa amma dha. Gootota galii kana argamsiisuuf jedhanii wareegaman yaadadhaa. Dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaye fi dhangala’aa jiru; lafee ilmaan Oromoo qabsoo kana keessatti caccabe yaadadhaa. Lammiilee keenya kan mana hidhaa keessatti dararamaa jiran; kan biyya alaattillee dararama kana jalaa bayuu hin danda’in hundaa yaadadhaa. Uummata irraa dhalattan, kan isin guddisee sadarkaa kanaan isin gaye yaadadhaa. Oromoon wal malee akka hin qabne hubadhaa. Hiree keenya numatu murteeffata malee oromi kana akka nuuf hin goone beekaa. Dhugaa kanaaf jedhaatii haal-duree tokko malee tokkoomaa.

Galatoomaa!

Advertisements

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 24/03/2013, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s