Garaagarummaa Bilisummaa Biyyaa fi Ummataa – Yaada Ifsa ADO Irratt Kenname

Ibsaa Guutama irraa** | Bitootessa 2013

Gidduu kana jaarmaan maqaa Oromoo maxanfate tokkommoo gadi baheera. Bara darbe 2012 jalqaba irratt akkasuma dhaabi bira maqaa Adda bilisummaa Oromoo utuu gad hin dhiisin daaya(vision) walfakkaataan gadi bahuun ni yaadatama. Ifsi lachannu qubqabsiis ambaa kennan illee waanuma barreessaa tokkoon qophawe fakkaata. Dhaabichi amma of mullise kun ummata Oromoon “Laamsha’iinsa qabsoon amma keessa seenne keessaa ba’uuf mul’ata haaraa, mala qabsoo haaraa kan si aangessu qabannee kaanee jirra. Akeeka si angessuuf karoorfanne kana dhugoomsuuf murannoodhaan daran qabsoo keenya haa finiinsi” jedhe. Kanneen isa duraa kan jedhan nammuu ni irraanfata jedhee yk ofumaa irraanfatee ta’a.

Yaadachiisuuf akeeka walfakkaataa kan qaban dhaabota Oromoo biyya keessatt ijaaraman jiru. Fakkeenyaaf sagantaa OPDO, OFDM fi OPCO kan jedhaman ilaaluu dha. Seenaa keessaas OBDN (Sochii Demkratawaa Saba Oromoo) jira. Hundinuu tokkummaa Ityoophiyaa keessatt mirga Oromoof qabsoofana jedhu, Akki isaan sanatt deeman adda ta’uu ni danda’a. Garaagarummaan qooqa babbaqsuun becca’anii dhiheessan itt gala akeekkatan hin jijjiiru. Sarettii qeeraa dhaqxee ariinaan baqattee bakka tokko erga geessee tiruu o’aa naaf ergaa jette dhaammate jedhan sana yaadachuu dha.

Tarii garaagara nu godha kan jedhan akaakuu funaansa walitti dhufee fi hogganoota saa ta’uu ni danda’a. Sanneen tokko tokkoon duubbee saanii quwachuun deebii ni kenna ta’a. Garuu amma sanaaf hin kaane. Aarrii fi xiiqiin adda addaa manii isa guddaa nama irraanfachiisuus ni danda’a. Sanas gamaggamuu hin dhaqnu. Amma akeekii ilmaan Oromoo kurnan afuurii oliif qabasaawaafii fi wareegama guddaa itt baasaa dhufan kan isaan himataniin fardaa fi lafa ta’uusaa agarsiisuu dha. Dhuma ifsa saanii keessatt “Garaagarummaa xixxiqqoo marii fi haasawaan furachuu danda’amu irratti humna keenna fixuu irraa of qusannee qabeenyaa fi yaada keenna tokkoomsinee akka injifannoon baanu ADOn waamicha isiniif godha.” jechuun dimshaashumatt dhaabota Oromoof waamicha godhanii jiru. Sun ABO dhugaas akka ilaaluuf kan barreeffame jedhama taanaan ummati Oromoo dursee dhugaa jiru hubachuu qaba. Jara kanaan akka dhiihessan kanatt garaagarummaa ABOn qabu guddaa fi akki inni isaanitt dhihaatu adda ta’a. Kanneen garaagarummaa akeekaa xixiqoo waliin qabaniin yk hin qabannen akka ittiin wali ilaalaniin tokko hin ta’u.

Akki ABOn ummata Oromoo itt ilaaluu, kaayyoon qabsoo sabaa inni itt amanu, malli furmaataaf inni dhiheessu waliigalati daayi saa kan saaniitiin adda adda. ABOn ummati Oromoo saba of danda’e biyya of danda’e kan koloneeffataa irra timjii addaa qabu, seenaan, aadaan, dudhaa fi afaaniin adda ta’uutt amana. Sana sagantaa saa bara 1976 irratt akeeka malbulchaa saa keessatt “Republika Demokraatawaa Oromiyaa” dhaabuu ta’u mirkaneessee jira. Bilisummaa ummataaf malee kan biyyaaf hin kaane jedhama taanaan kan barruun jiru kana haaluu ta’a. ABOn saboota biraa waliin tokkummaa malbulchaa walqixxummaa, fedhaa walii walii kabaju fi akeeka fedhaa bilisaan hidhata ummachuu irratt hundaawe uumuuf akka qabsaawu sagantaa sanuma, boqonnaa hariiroo alaa keessatt lafa kaa’eera. Imaammata akkasii kanneenuma amma jaarmaa haaraa hogganna jedhan waliin kan diriirfate waan ta’eef haaluun hin danda’amu. Hin jedhamneerra yaada jijjiirannee yoo jedhan boonsaa ta’a. Oromoon duubbee sirna demokratawaa Gadaa jedhamuu qaba. Kanaaf walqixummaa ilmoo nama fi nagaaf hawwu eenyu isa hin gorsu. Qaccee saa keessa waan jiru. Garuu mirga saa walabummaaf qabu dabarsee halagaatt galfata hin kennatu.

Akki ABOn mirga hiree murteeffanaa itt ilaalus kan jaraan adda. ABOn mirga kana, jijjiiramuu dhiisuu maqaa empayeraa irratt akka hundaawutt hin fudhatu. Wayyaaneetu yaada jijjiirrachuu dide malee uumaan empayeraa jijjiiramee ture kan isaan jechuu barbaadanis hin fudhatu. Empayerri Habashaan ijaarame kan jijjiiramu gaafa ummatooti inni irratt ijaarame walabooman qofaa malee “Republika Ummataa Demokraatawaa, Republika Federaala Demokraatawaa” koloneeffataan ofiin jedheef miti. Akka amma barruun dhiheeffatett jaarmaa haaraan kun mirga Oromoo haalee empayerri utuu hin diigamin federeeshina ijaaruu abbala. “Federeeshina, confedereeshina” yk biyyoota ofiin buloo ijaaruun erga Oromoon mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu mirkaneeffatee booda kan ilaalamu ta’uu amana.

ABOn Oromoon anatu isinii beeka jedhee hin beeku. Carraa bilisummaan kan barbaaddan murteeffachuu argachuu qabdu jedha. Sabboonoti namootuma faallaa kanaaf qabsofna jedhaniin dammaqsiifamanii wareegama isa dhumaa walakkaa jaarraaf baasaa hardha gahani. Kaan harkaa fi miilla dhabuun naafatanii, dhukkuba jireenya guutuu fayyuu hin dandeenyes keessa jiru. Hardha walabummaaf utuu hin ta’in nuuf dhumtanii, nuuf naafattanii hammatii isin argamsiifatan qabannee mirga diinaa fi kan biroof dura qabsoofna jedhaa jiru. Hardha wayyabi gootota Oromoo lafeen saanii bakki itt kufee fi maqaan saanii illee hin beekamu. Ka’anii Ayyaana ofii irraa hamaa faccisuu waan hin dandeenyeef sun qooda jaallewwan saanii kaayyoo isaan itt kufanitt cichaa jiranii fi dhaloota bilisa baasoo haaraa ta’a.

Jaarmaa haaraan kun, boqonnaa haaraa qabsoo Oromoo keessatt saaqa haa hajedhan malee akka gubbaatt dhoofnee waan haaraa utuu hin ta’in irra deddeebi’ame kan nuffisiise. Sababoota qabsoon Oromoo itt laasha’e keessaa isaan qulqulluu mitii. Tiksa saanii jalatt daddaaquu eegale. Sun jechuun beekaa akka bitintiru itt dhiisan jechuu dha. Sagantaa malbulchaa hojii irra olchauuf jallewwan du’anii fi jiran waliin kakatan jiraatuyyuu walabummaa Oromiyaaf qabsoofne hin beeknu ammas sanaaf hin qabsoofnu jedhuu. Isaaniif ummati Oromoo olloota saa irraa addumaa hin qabu. Hunduu nambiyyummaa hin qaban, gabbaarota jedhu. Kanaaf hundi saanii nambiyyaa walqixxee akka ta’an qabsoofna malee Oromoof addati wanti godhamu hin jiru jedhu. Nuti hundaaf malee Oromoo qofaaf hin qabsoofnu jedhanii ifatt kaa’anii jiru, “… haqaa orma biraa, keessattuu kan ollaa, dagatanii kan ofii qofaaf qabsaawuun faayidaa waaraa hin argamsiisu. … qabsoon hiree murteeffannaa isaatiif Oromoon geggeessu kan haqa namootaa fi saboota hundaaf falmuudhaaf isa dandeessisu akka ta’utti hiikaa haaraya kenninaaf.” jechuun akkuma koloneeffatoo kan tumaa addunyaa irra jiru busheessuuf kakataa jiru. Mirgi hiree murteeffannaa kan seeraan beekame. Seera kan jijjiiru qaama baase malee malbulcheessoo fedhaa ofiin machaawan miti.

Bara Dargii miseensoti ABO dhiphoo jedhaman hadheeffamaa guraaramaa hidhamaa, ajjeefamaa turani. Jarri kunis hardha ilaalcha dabbaloota ABOn dhiphoo jedhuuf holola qopheeffataa kan jiran fakkaata. Akka jedhanitt “…ejjennaa humnoota mirga hiree murteeffannaatiif hiika biyya walaba dhugoomuu qofatti dhiphisan irraahis ni maqa.” Jarri kun ilaalcha saanii cimfachuuf waan wal hin fakkanee walitt butuu fedhu. Ummatooti humnaan walitt qabaman ilaalchi bulchootaa demokratawaa haa ta’uu abbaa hirraawaa, walabummaa ofii gaafachuun kan hafu miti. Fakeenaaf “…Federalummaa-demokraasii-maleessa hojii irra oolcuudhaaf carraaqqiin Yugoslavia duraanii keessatti kajeelamee dhiiga hedduu dhangalaasuudhaan akka hoonga gahe oggaa yaaddannu imaammatni Wayyaanees haala fakkaataatti geessuudhaaf akka malu sodaanna.” jedhu.

Erga Marshaal Tiitoon du’e Yugoslavia sabooti jalatt gumaawan dura taa’ummaa wal jijjiiranii gaggeessu turan. Garuu sun emapayerummaa Serbiyaa irratt jijjirama hin fidne. Kan garaagarummaa fidu abba tokkoota hogganan utuu hin ta’in jijjiirama caasaa waliigaltee ummatootaa qabu. Kanaaf gaaffiin walabummaa sabaa dhiiga dhangalaasise. Wayyaaneen kan hin demokraatofneef qabsaawoti Tigraayi jara kanaa gaditt demokratawoo ta’uu dhabuun utuu hin ta’in empayera irratt mataa ta’uu dha. Sunimmoo bu’aa saanii waan eeguuf diiguu hin feene. Empayerri diigamu malee demokratummaan akka hin jirre mirkaneessa. Nagaan diiguun yoo didame dhiiga lolaasuun hin hafu. Nambiyyumaa Itiyoophiyaa utuu hin walabummaa Oromiyaatu nagaa fi araara buusaa. Oromoo haaraan kun empayera maqaa jijjiirraan mirgii ummatootaa “ofkaasaan”(automatic) jijjiirama kan jedhan fakkaata. Demookratummaan koloneeffataa bulchaa fedha ummatootii walabummaaf qaban akka hin dhaabne, waan Catalina, Quebec, Scotland fi Wales itt jiran ilaaluun ni gaha.

ABOn 2001 gargar cabuuf jarri amma “mullata haaraa” qabna jedhan harka keessaa qabu. Ergasiis murni jijjiirama jedhamu Shanee Gumiitt finciluu keessaattis akkasumaa. General Kamaal Galchuus dhiddhiibban bakka jiruun kan gahan isaanumaa. Sun ABO lamshessuuf mala dhaawatan dhahamen as gahe. ABOn dhiigaa fi lafee gootota Oromoon waan ijaarameef akka isaan yaadanitt hundee hin buqqaane. Sagantaa isaan qabatanii bahan haaraa miti. Kanaaf malli ittiin dura dhaabbatan haaraan dhahamuu hin gaafatu. Ilmoon nama hundi kan itt amanu abba tokkummaan haata’u waldaa ijaarratee itt bobba’uun mirga hin mulqamne. Kanaaf isaanis karaa fedhan deemuun mirga saaniiti. Iyyannoo nambiyyaa (citizen) Itiyoophiyaa ta’uuf dhiheeffatan jarri hayyamnaaniif gaafachuunis itt galuunis mirga saaniiti. Qabsoon ummata Oromoo fi kanneen walabummaa saaf qabsaawan akka hin jirrett halaakun daangaa darbuu ta’a. Ummati maqaa saatiin kan qabsawan garaa garummaan saanii maal akka ta’e baruu qaba. Gaaffiin maaliif tokkummaan hin socha’an jedhu beekumsa sanan deebii argachuu danda’a. Kanneen kaayyoo tokko jalatt hiriiran garagarummaa xixiqoo qaban walhubannoon irra cehuu dandahu. Garagarummaan saanii guddaa kan ta’e karaa karaa saanii akeeka saanii fiixaan baasuuf carraaquu malee ammaaf furmaati biraa hin mullatu. Garuu bulee dhugaa jiru kan hubate of sirreessuu ni danda’a ta’a.

* Yaadii kanaa olitt dhihaate akka miseensa ABO turoo tokkoott malee dhaabicha bakka bu’ee kan dhihate miti. Oromiyaa bilisi haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Advertisements

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 01/04/2013, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s