Sabboonummaan Oromoo maali? Eenyutu Sabboonaa ykn Sabboontuu dha?

Abdii Boruutiin*

Yeroo baay’ee yoo dubbatamu ykn barreeffamu, sabboonummaan Oromoo guddachaa akka dhufe agarsiisa. Dhugaa dhas; galanni qabsoo bilisummaa Oromootiif akkasumas gootota keenya kan qabsoo kana keessatti wareegamaniif haa ta’u, Sabboonummaan Oromoo dhugumatti guddachaa dhufee jira. Keessumaayuu erga bara 1991 jijjiiramni hamma kan hin jedhamne argame booda, guddinni Sabboonummaa Oromoo sadarkaa ol aanaarra gahaa akka jiru hubatama. Haa ta’u malee, dhugumatti hiikni sabboonummaa hunda keenyaafuu galee jiraa? Namni tokko ani sabboonaa dha ykn sabboontuu dha yookaanis ammoo abalu sabboonaa/sabboontuu dha yoo jedhu, sabboonummaa maaliin madaaleti akkana jedhaa? Gara Sabboonummaa Oromootti otuu hin cehin dura, jecha sabboonummaa jedhu hiika isaa ilaaluun barbaachisaa dha. Jechi “sabboonummaa” jedhu Afaan Ingliziitiin “nationalism” jechuu yoo ta’u, hiikni isaa akka armaan gadii ti.

Afaan Ingiliziitiin, akka “The Free Online Dictionary”n hiikutti, nationalism:

1)  Devotion to the interests or culture of one’s nation; loyalty to one’s country; patriotism
2)  The belief that nations will benefit from acting independently rather than collectively, emphasizing national rather than international goals
3)  Aspirations for national independence in a country under foreign domination

Dogoggoruu malullee, isaan kana Afaan Oromootti hiikuu yoon yaalu, akkana ta’a:

1)  Fedhii ykn aadaa saba ofiitiif of kennanii hojjechuu; biyya ofii jaalachuu fi isaafis wareegamuuf qophii ta’uu
2)  Sabootni yoo walaba ta’an caalaatti bu’aa argacguu akka danda’an amantaa qabaachuu; kaayyoo dunyaalessaa caalaa kan sabaatti (biyyoolessaatti) xiyyeeffachuu
3)  Jajjabeessuu kaayyoo walabummaa sabaa, kan gabroonfataa alaatiin weeraraman ykn qabaman

Hiikni Sabboonummaa Oromoos (Oromo nationalism) kan asitti kennaman kanaa ala hin ta’u. Ani akkan ofii kiyyaa hubadhutti ykn akka naaf galutti, Sabboonummaa Oromoo jechuun gabaabumatti qabxiilee armaan olitti kennaman kanatti dabalachuudhaan, fedhii saba Oromoo eeguu; seenaa, aadaa fi Afaan Oromoo jaalachuu fi ittiin boonuu; eenyummaa ofii (Oromummaa) jaalachuu fi kabajuu; isa kanaafis dursa (priority) kennuu fi kkf dha. Obboo IBSAA GUUTAMAA barreeffama isaanii tokko keessatti, Sabboonummaa akkana jedhanii ibsanii turan: “Sabboonummaan onnnee Oromummaan guute malee barumsa yk leenjisa addaa hin gaafatu.” Dhugaa dha, Sabboonummaan Oromoo bilchina, guddina fi dagaagina Oromummaarraa madda malee, kan barumsarraa ykn leenjii keessaa argamuu miti. Otuu kan barumsarraa ykn leenjiirraa argamu ta’ee, diinni fi alagaanuu silaa Sabboonummaa Oromoo barachuu ni danda’an. Haa ta’u malee, onnee Oromummaan guutame qabaachuu hin danda’an; kun eenyummaarraa waan madduufi. Eenyummaa ammoo abbaan fedheeyyuu bituus gurguruus hin danda’u.

Egaa, gaafii kanaa olitti ka’etti deebi’uudhaaf, warri nuti sabboontota ofiin jedhan ykn abalu sabboonaa/sabboontuu dha jedhan hiika kana hubatanii jiruu laata? Asirratti ani nan shakka; hiikni Sabboonummaa Oromoo kun hunduma birattuu waan hubatamu natti hin fakkaatu jechuu kooti. Shakkiin kiyya maalirraa akka madde ibsuun yaala. Fakkeenya salphaa ta’e tokko mee Afaan Oromoo haa fudhannu. Afaan Oromoo hundee Oromummaa ti. Akkuma kanaa olitti ibsame, Oromummaan ammoo hundee Sabboonummaa Oromoo ti. Afaan Oromoo Afaan haadha fi abbaa keenyaa, kan ittiin dhalannee fi guddanne, kan ilkaan itti buqqifanne waan ta’eef, isa kana jaalachuun, isaaf dursa kennuun, akka inni guddatu tattaaffachuun fedhii keenya (Oromootaa) qofaa otuu hin taane dirqama lammummaallee ta’uu qaba ture. Yoo fedhii fi dirqama kana qabaanne fi hojiidhaan agarsiisne, nuti Sabboontota ofiin jechuu dandeenya.

Akkan yeroo tokko tokko arguu fi hubadhutti, namootni nuti Oromoo dha ofiin jedhan; kan dhalootaan dhugumatti Oromoos ta’an, gama tokkoon nuti Oromoo dha jechaa; kana birallee dabranii nuti Sabboontota ofiin jechaa; gama biraatiin garuu, Afaan ofii kana dagatanii yookaanis lagatanii? Afaan Amaaraatti fayyadamanii yoo dubbatan argamu. Asirratti, wanti hubatamuu qabu, Afaan biraatti fayyadamuu hin qaban jechuu kiyyaa miti. Nuti hundi keenyaa bakka barbaachisaa ta’etti, Afaan biraatti (Afaan alagaatti) fayyadamaa waan jirruuf kun cubbuu miti jechuu kooti. Haa ta’u malee, kan nama dinqu Afaan dhalootaa, Afaan waloo otuu qabanuu maaliif isa dagatanii kan ormaatti, keessumaayuu Afaan gabroonfataa kanatti fayyadamu kan jedhutu gaafii kaasa. Namootni akkanaa kun, hiika Sabboonummaa Oromoo gara maleetti hubatan moo waanuma akkas jedhamuuf isa kana akka muuziqaa godhanii weellisuu?

Kan baay’ee nama dinqu ammoo, namootni fakkeessitootni kun, warra Sabboontota ta’anii fi ijoollee isaaniitiif maqaa Oromoo baasan, kan ijoollee isaaniis Afaan Oromoo barsiisan qeequu isaanii ti. Fakkeenyaaf, Afaanuma arrabni isaanii bare kanatti fiiguudhaan akkana jedhu: “Lijoochuu Amaarinyaa ayichiluum indee? La mindinnawu Amaarinyaa yamaataastamiruuti?” … Afaan Oromootti yoo hiikamu: Ijoolleen Afaan Amaaraa hin danda’aniiyii? Maaliif ijoollee Afaan Amaaraa hinbarsiisne? jechuudhaan akka waan Sabboonummaan Oromoo walcaalchisa sanyii (racism) ykn dhiphina ta’eetti ilaalanii Sabboontota qeequ. Akka yaada fi ilaalcha isaaniitti tarii Afaan Amaaraa dubbachuun hamayyummaa waan ta’e isaanitti fakkaata jedheen yaada. Kun fakkeenyota baay’ee keessaa isa tokko dha. Namootni akkanaa kun eenyummaa isaanii (Oromoo ta’uu isaanii) jaalatani jibbanis ofirraa dhiquu hin danda’an. Oromoo ta’anii dhalatani, Oromoo ta’anii du’u. Hiikni Sabboonummaa Oromoo sirriitti isaaniif otuu hin galin garuu jecha kanaan of yaamuun isaanii hojii isaanii faallessa.

Waayee dhimma Sabboonummaa kanarratti waa baa’yeetu jedhamuu fi fakkeenyota hedduutu dhiyaachuus danda’u. Namootni nuti Sabboontota ofiin jechaa; karaa biraatiin garuu faallaa kanaa dalagan, tarii dammaqinsi (consciousness) isaanii guutuu hin ta’u ta’a. Isaan kun hafanii warruma dammaqinsa guutuu qaban, kan beekumsa fi dandeettiis  qaban, kan waayee saba Oromoo sirriitti beekan, kan ulaagaa Sabboonummaa guutuu danda’an yoo ilaalle, isaanumti kunuu hiika Sabboonummaa Oromoo akka armaan olitti kennametti waan hubatan hin fakkaatan. Shakkii kana ibsuuf mee hiika Sabboonummaa isa 3ffaa irratti kenname haa fudhannu. 3) Jajjabeessuu kaayyoo walabummaa sabaa, kan gabroonfataa alaatiin weeraraman ykn qabaman (Aspirations for national independence in a country under foreign domination).

Sabni ykn uummatni Orommoo qawweedhaan injifatamee, gabrummaa Habashaa jalatti akka kufe fi ergasii kaase hanga har’aattis gabrummaa kana keessa akka jiru, dhugaan kun Orommoo dhiisii alagaa fi diina jalaayuu waan dhokatuu miti. Kun seenaa saba Oromoo ti. Warri seenaa kana hin beekne yookaanis isa kanaan morman ejjannoon isaanii kan biraa ti. Waayee kana amma kaasuu hin barbaadu. Egaa dubbii gabaabsuuf, sabni Oromoo saba gabroonfataa alaa itti dhufeen qabame; saba kolonii jala jiru dha. Sabni kolonii keessa jiru ammoo sirna kolonii kana caccabsee fi diigee; hundeedhaan buqqisee, biyya walaba taate ijaarrachuuf mirga qaba; ijaarrachuu qabas. Humna biyaa isaa weeraree fi weeraraa jirus ofirraa kaasee abbaabiyyummaa isaa deebisee argachuu qaba jechuu dha. Akka hiika Sabboonummaa kanaatti, silaa Oromoo waayee kana hubatuu fi kaayyoo kanatti amanutu ani Sabboonaa dha ofiin jechuu danda’a.

Maarree, humnootni Oromoo kan impaayara Itoophiyaa diimookraatessina jedhanii garee dhaabbatan, nutis Sabboontota yoo ofiin jedhan hiika kana akkamitti ilaalu? Wantin hubachiisuu barbaadu, ejjannoo kana waan hin qabneef yookaanis kaayyoo walabummaa kanatti waan hin amanneef jecha, ani gama kiyyaan akka ilma Oromoo tokkootti, jara (garee) kanaan isin Sabboontotaa mit jechuun na rakkisa. Haa ta’u malee, ammas gaafiin kiyya: Jarri kun hiika Sabboonummaa Oromoo kan akkanatti ibsame kana akkamitti ilaalu, akkamitti fudhatus? kan jedhu ta’a. Jarri kun ofiisaaniitiif dammaqinsa guutuu akka qaban; uummata keenyallee barsiisaa fi dammaqsaa akka turan waan dhara hin taaneef, otuu beekumsa kana qabanuu; otuu hiika Sabboonummaas sirriitti beekanuu garuu faallaa hiika kanaa agarsiisaa waan jiraniif isaan kanaan Sabboontota jechuun dhugumatti nama hin rakkisuu? Waayee kana fi kan kana fakkaatutu gaafiilee mata duree barreeffama kanaa akkan kaasu na taasisan.

Gootonni keenya kan qabsoo kana keessatti wareegaman garuu guutumaa guututti hiika Sabboonummaa waan hubataniif, isa kana hojiin agarsiisuuf jedhanii lubbuu isaanii dhaban. Isaan dhugumatti Sabboontota Sabboontotaa olii ti. Kanaaf bara baraaan isaan yaadanna. Haa turu yookaanis yeroonis achi haa dheeratu malee, kaayyoon isaan wareegamaniif galii hawwame otuu hin gayin hin hafu. Uummatni Oromoos sirna koloneeffataa Habashaa caccabsee fi diigee abbaabiyummaa isaa deebisee akka argatu mamiin hin jiru. Injifannoon xumuraa kan uummata keenyaa ti jechuu dha. Oromiyaan ni bilisoomti!!

Galatoomaa!

Advertisements

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 19/04/2013, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s