Xalayaa seenaa dhugaa ibsu moo kan Oromummaa diiguuf qophaaye dha?

Abdii Boruutiin*

Mata duree kanaan barreeffama kana akkan dhiyeessu kan na taasise, akka tasaa xalayaa Afaan Amaaraatiin barreessame tokko argee dubbisuu kiyya dha. Xalayichi kun kan barreessame nama maqaan isaa Dr. Fiqree Tolasaa Jigsaa (Afaan Amaaraarraa qubeetti jijjiireen barreesse) jedhamuun yoo ta’u, kan itti ergamuuf qophaaye yookaanis itti ergame? ammoo hogganaa jaarmayaa dhiyoo kana dhalatee, Adda Diimookraatawa Oromoo (ADO) Dr. Bayyaan Asobaa ti. Xalayaa kana akka PDFtti barruu kana wajjin waanan dhiyeessef, warri Afaan Amaaraa dubbisuu danda’an qabiyyee xalayichaa gutuu isaa arguu ni danda’u. Akka naaf galetti, qabiyyee inni guddaan xalayichaa seenaa saba ykn uummata Oromoo haaraa, kan duraan dhagayamee hin beekne kan ibsu yoo ta’u, kaayyoon isaa garuu bu’aalee qabsoon bilisummaa Oromoo (QBOn) hanga har’aatti argamsiisee gaafii keessa galchuudhaan tarii akka diigaman waan mul’isu fakkaata.

 

Jalqaba xalayaa isaarratti, barreessaan yoo ibsu akkana jedha. Afaan Oromootti hiikuurratti yoon dogoggore dubbistootni akka na sirreessan dursee gaafachuun barbaada. “…Ana akka naaf galutti jaarmayaan keessan haaraan (ADOn) Itoophiyummaa keessanis ta’ee kan uummata Oromoo otuu asii fi achi hin jedhin amanee; biyyii Oromoos lafa ykn dachee dhiphoo Oromiyaa jedhamtu qofaa otuu hin taane Itoophiyaa guutuu akka ta’e fudhatee; hiree uummata Oromoo kan uummatoota Itoophiyaa hundaa wajjin walqabsiisee qabsaa’uuf uumame. Ejjannoon kunis uummata Oromootiif kaayyoo siyaasaa guddaa dha.” Ittifufuuudhaan, Addi bilisummaa Oromoo (ABOn) durumarraayuu, ganamumarraayuu, dhalootumarraayuu kaayyoo ykn ejjannoo qulqulluu ta’e kana qabatee otuu jiraate, tarii kan har’a Itoopiyaa bulchu ykn hogganu isa ta’uu danda’a ture. Yoo akkan ta’e, deeggarsa fi gargaarsa uummatoota Itoophiyaa hundaatuu waan argatuufi. Kana caalaa ammoo dhiigni sun hunduu otuu hin dhangala’in; namootni hunduu otuu lafarraa hin buqqa’an; otuu biyyaa hin baqatini fi hin hidhamin hafa ture.” jedha.

Barreessaan kun waayee seenaa haaraa yoo ibsu, ragaa qabatamaatu harka kiyya jira jedha. Haa ta’u, kana isumaafan dhiisa. Garuu, asirratti wanti nama dinqu, warri ADO ijaaran Itoophiyummaa amananii haa fudhatan malee, uummatni Oromoo Itoophiyummaatti amanee fudhachuudhaaf barreessaan kun ragaa qabaa laata? Uummatni Oromoo biyya ofiirratti abbaa biyyaa ta’uuf qabsaa’aa jira malee, daangaa dabree, dachee Oromiyaa dhiphoo baldhisuu fi Itoophiyaa dhuunfachuuf hawwii waan qabuu fi kanaafis waan qabsaa’u natti hin fakkaatu. Kaayyoon qabsoo saba Oromoo, bilisummaa fi abbaabiyyummaa uummata Oromoo, kan diinni humnaan irraa fudhate deebisee akka argatu taasisuuf malee, Oromiyaa dhiphoo bal’isee Itoophiyaa dhuunfachuufii miti. Namootni ykn gareeleen muraasni Impaayarittii tana bulchaa yoo turan, mataa fi dantaa ofiitiif ta’an malee uummata Oromootiif wanti bu’aa buusan hin jiru. Hanga sirni gabrummaa hundeedhaan buqqayee kufutti, ammas ta’ee gara fuulduraatti namootni muraasni aangoo qabataniif bu’aan uummat Oromootiif argamu hin jiraatu.

Seenaa uummata Oromuu ilaalchisee, waan haaraadhaan gadi bayuu fi nu barsiisuu kan barbaadu yoo ta’e, barreessaan kun akkuma innuu jedhe ragaa qabatamaa wajjin yoo dhiyeesse ani kanarraa akka nama tokkootti, akka ilma Oromoo tokkootti rakkoo hin qabu. Waan inni xalayaa kana keessatti bal’inaan ibses warra beekumsa, barumsa fi ogummaa seenaa qabaniif dhiisuun barbaada. Haa ta’u malee, dhugaas ta’ee dhara, seenaan inni asitti ibse kun waa hunda gaafii keessa galcha. Kaayyoon xalayaa kanaa seenaa ibsuuf qofa waan dhiyaate hin fakkaatu. Seenaa kana wajjin walqabsiisee, bu’aalee QBOn argamsiise balleessuuf waan karoorfate fakkaata. Barreessaan xalayichaa, qubee Afaan Oromoo ilaalchisee, akkana jedha: “…Kabajamaa Dr Bayyaan Asobaa, gara dhimma guddaatti deebi’uudhaaf, wanti amma murteeffattan kun gaarii yoo ta’u, wanti hin hafne waan guddaa tokkotu jira…. Qubee amma Oromootni itti fayyadaman kana qubee biyyatti margeen bakka buusuuf irratti mari’attanii jirtuu? Deebiin isin gaafii kanaaf kennitan lakkii kan jedhamu yoo ta’e, irratti yoo mar’iattan gaarii dha…”  jechuudhaan fedhii isaallee ibsuu yaalee jira. Wanti ifa ta’ee mul’atu, dhimmi guddaan inni jedhus qubee balleessuu dha jechuu dha. Oromoon qubee Afaan Oromootti fayyadamuu hin qabu; kun siriidhaa mallattoo gabrummaa ti; warra kanaan dura kolonii faranjii jala turantu qubee kanatti fayyadamu malee uummata Oromootiif kun barbaachisaa miti jechuun isaatuu kaayyoo maal akka duubaa qabu mul’isa.

Barreessan kun, waayee seenaa, biyyaa fi qubee erga ibsuu yaale booda waayee alaabaas ibsuu yaalee jira. Ibsuu qofaa otuu hin taane, hogganaa ADO kanatti adaraa waan dhaammatu fakkaata. Dhimma kanas ilaalchisee akkan jedha: “…Kanaafuu, nuti warri sanyii Oromoo taane hunduu alaabaan Itoophiyaas alaabaa teenya akka taate beeknee fannisnee ittiin boonuu qabna. Adaraa keessan! Isini fi deeggartootni keessan (ADO)waayee alaabaa kana itti yaadaa. Alaabaan Itoophiyaa tun ol fagaattee qilleensarratti akka mul’atu goototni Oromoo baay’een waggoota 3400 dura itti wareegamanii jiru….” jechuudhaan dhaamsa cimaa dabarfatee jira. Alaabaa Oromoo mallattoo bilisummaa kan taateef, lubbuun ilmaan Oromoo meeqa itti galaafatmee otuu jiruu; lafeen meeqa itti caccabee fi dhiigni meeqa itti dhangalayee otuu jiru, isa kana dagachuudhaan yookaanis tuffachuudhaan; goototni Oromoo baay’een alaabaa Itoophiyaa kanaaf wareegamanii jiru jechuun isaa waan nama dinqu qofaa otuu hin taane waan nama gaddisiisuu dha. Namni kun dhuguma ilma Oromoo yoo ta’e, waan inni jechaa jiru kun anaaf qaanii guddaa dha.

Barreessan xalayaa kanaa, dhuma xalayaa isaarratti erga waayee uummata Oromoo fi uummata Amaaraa ibsuu yaale booda, hogganaa ADO kanaa fi jaarmayichaaf gorsa kennuudhaan xalayaa isaa xumura. Isa kanas akkana jechuu dhaan ibsa: “…Dhumarratti, isini (Dr. Bayyaan) fi jaarmayaa keessan (ADO) wantan gorsuu barbaadu, seenaan Oromoo kan dhugaa ta’e, dameen sanyii fi aadaa isaa irradeebi’amee akka qoratamu dhaaba qorannoo tokko akka ijaartanii dha….. hojiin dhaaba qorannoo kanaa inni tokko Oromoota eenyummaa isaaniitiin afaanfaajja’an; eenyummaa dhugaa jechuun Itoopiyummaa isaanii akka hubatan godhuu dha…” jechuudhaan kaayyoo fi fedhii ofiif qabu ifa godhee hogganticha ADOtti barreessa. Oromoon eenyummaa ofii waan wallaalu natti hin fakkaatu. Eenyummaa ofii abbaan fedhee bituus gurguruus hin danda’u kun uumaadhaan argama. Kan afaanfaajjii eenyummaa qabu (identity crises) isuma barreessaa kana malee uummata Oromootii miti. Namni kun yookaan Oromoo ta’ee nama rakkoo eenyummaa qabu yookaanis ammoo nama maqaa Oromootti fayyadamee tooftaa haaraadhaan gadi bayuudhaan daldala siyaasaa godhuu barbadu dha jedheen yaada.

Asirratti, dhaaba qorannoo seenaa ijaaruun yaada gaarii dha. Seenaa dhugaa fi dharaa addaan baafachuuf nama gargaara. Haa ta’u malee, dhaabni qorannoo akkkanaa kun walaba ta’ee hojjechuu qaba malee kan jaarmayaa tokkoon ijaaramu fi kaayyoo tokko bakkaan gayuuf gara tokkoon qorannoo gaggeessu ta’uu hin qabu. Barreessaan xalayichaa garuu, ADOdhaaf hojii manaa (home work) waan kennuu barbaade fakkaata. Dhaabni qorannoo tokko yoo garee tokkoon qofa kan ijaaramu ykn uumamu ta’e, kun ittibahinsa quubsaa fiduu waan danda’u natti hin fakkaatu. Yoo walaba ta’ee kan ijaaramu fi walbaanis hojii isaa gaggeessu ta’e, kun bu’aa tokko fiduu danda’a. Kanaaf, kun akka waliigalaatti yaada badaa miti. Afaanfaajjii seenaa dhabamsiisuuf qaamni qorannoo walabaa tokko murteessaa dha.

Dhumarratti, ani akka hubannoo kiyaatti, akka yaada fi ilaalcha kiyyaatti, xalayaan kun xalayaa seenaa dhugaa ibsuuf qophaaye otuu hin taane, xalayaa Oromummaa balleessuuf; qabsoo bilisummaa uummata Oromoo dhabamsiisuuf; bu’aalee hanga har’aatti argamanillee diiguuf, kan tooftaadhaan itti yaadame fi barreeffame dha jedheen amana. Immiyyee Itoophiyaa lubbuu itti horanii jiraachisuuf, kun tooftaa bar-dhibbee diigdamii tokkoffaa ti. Kana bakkaan gayuuf ammoo meeshaa itti fayyadaman argatanii waan jiraniif kana hojiirra oolchuuf tattaaffatu. Shirri fi dabni qabsoo bilisummaa Oromoorratti hojjetamu daangaa hin qabu. Akkuma diinni QBO halkanii fi guyyaa hojjechaa jiru Sabboontotni Oromoos yoomiyyuu caalaa kan halkanii fi guyyaa hojjetan yeroon isaa amma ta’uu qaba.

Galatoomaa!

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 26/05/2013, in Uncategorized. Bookmark the permalink. 1 Comment.

  1. Kuniin warraa lammaata oroomo gabroomsuf demuudha.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s