Jaarraan maalif qabsoo hidhannootti cich’e?

– Haasawa walgahii  Yaadannoo Jaarraa Abbaa Gadaa tan Altanta, USA irraatti  dhihaate
Jawaar Muhammad

Bu’ureessitota qabsoo Oromoo  kanneen tarree duraarratti maqaan isaanii dhawamu keessaa, tokko, Jaarraa Abbaa Gadaati. Wanni Jaarraan  qabsoo tanaaf addatti gumaache maali?  jennee yoo of gaafanne  adeemsa dheeraa  Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jaaruuf godhame  keessatti carraaqqii godhamteefi milkii argamteef shoora sadarkaa duraa tapahcuu isaati hubanna. Roorroo Oromoorra gahuuf joollumamaadhaan laalachuu isaatiin ganamaan qabsoof bobbahe; bara 1966 Asabootirraa Minishir bitatatee qabsaa’ota barbaadee dirree falmii Baaleetitti makamee lolee lolchiise. Qabsoodhaaf meshaafi leenjii lolaa garayyuun ammayyee taate  qabaachuun akka barbaachisu waan hubateef  gargaarsa barbaacha gama Somaaliyaa, boodas Bahar Diimaa ceehee Adan, Baagdaadifi Damaasqoo  dhaqe. Achirraahis akeeka tokkooni qasaawoota leenji’amaniifi meeshaalee lolaa ammayyee tahan waliin deebi’uuf karaa bu’e.   Akeekni sunis Qeeyroo Ganamaatiin Qabsoo Hidhannoo Eegaluudha.  Wanni argame ammoo, milkii osoo hin tahin harka mootummaa Soomalee bu’anii hidhamuu tahe.  Mudannoon hamtuun waggaa shaniitiis  murannoo diina Oromoo qabsoo hidhannootin cabsuuf qabu isa keessatti hin laaffifne. Bara 1976-tti yeroo haalli Warraaysaa biyyattii jijjiiree hamilee qabsoo hidhannootiif jirtu laamshesse sanitti, sirni jiru hiddaan buqqa’u malee Oromoof furmaanni hin jiru jechuudhaan, qawwee lameen Elemoo Qilxuufaarraa gaafa lola Xirroo  hafte bakka itti awwaalamanirraa baafatee daggalatti galee WBO humnaafi caasaadhaan ijaarutti seene. Jaarraan gaafa yeroo duraatiif Asabootitti Minishir bitaterraa eegalee hamma guyyaa du’aan addunyaarraa galetti goota dawaan cunqursaa qawweedha jedhee amanu ture;  saba isaatinis hidhadhaa “ qarshiin jahaannam haa dhayxuu qawwee bitadhaa daggala seenaa” jedhee dawwaaqaati jiraate.

Akeekni barruu tanaa seenaa Jaarraa Abbaa Gadaa (Abdukariim Ibraahim Haamid) barreessuu miti. Gumaacha inni qabsoo Oromootif godhes guututti keessa deemuu hin hedu.  Barruun tuni waa tokko qofarratti  fuulleeffatti: Jaarraa Abbaa Gadaatiifi Qabsoo Hidhannoo bifa waliigalaatin mil’achuudhaan sababoota gootichi kuni maloota qabsoo keessaa kan hidhannootitti akka gamuufi ittiis cichu isa godhan maal akka tahan xiinxaluudha.

Kanatti aansinee sababoonni  Jaarraa Abbaagadaa  qabsoo hidhannoo akka  fardeeyfatu goadhan maal fa’a akka ta’an  xiinxaluuf yaalla.  Sababoonni wahitti nama kaasan hedduudha. Kan wahitti akka cichan nama godhanis akkasuma.   Akka hubannaa  kiyyaatti waa afuriitu ilaalcha Jaarraan qabsoo hidhannootiif qabu qare. Afranis:

  1. Seenaa abbootii saa (seenaa warraa): seenaa qaccee irraa dhalateetifi kan Oromoo naannawa sanii tan inni joolummaarraa dhagayaa guddate
  2. Argaa-dhageettii  gocha gootummaa ilmaan Oromoo kanneen diinni ‘shiftaa’ jedhuun   kanneen akka Habiibifi Haamidoo faan nafxanyaarraan gayaa turanii
  3. Roorroo Oromorra geessu heeraafi sirna jiru keessaan furuuf yaalii godheerra  waan hubate.
  4. Hirmaannaa sossoha  Baalee keessatti godhe.

Sababoota afran kana armaan gaditti takka takkaan gabaabsinee haa laallu.

      I.          Seenaa abbootii

Jaarraan nama “ani qaccee abaluuti ykn hortee shanyii abaluuti” jedhee dhaloota isaatiin dhaadatu hin turre. Kanaafuu hamma dhihoo tanaatitti waa’ee dhaloota isaa wanni beeynu waa xiqqo ture. Waan kana ta’eefis  seenaan inni abbootii isaatirraa dhaale ilaalcha isaatirratti dhiibbaa akkam akka qabaate dilas hin xiinxalamne. Fooddaan garasitti fuulleeyachuuf hiree nuu laatte banamuun dhimma dhiheenya kanaati. Barruuleefi haasawa Jaafar Aliitifi  kitaaba “Raammisoo” Abdurashid Abdurahmaan nuuf dhiheesseetu fooddaa sun nutti mul’ise.  Abbaa  Urjii (Abdurashiid Abdurahmaan )  kitaaba isaa “Raammisoo” keessatti seenaa abbootii Jaarraa akka kanatti aanu kanaan kaaye.

“Walakkaa bara 1876, gaafa Ibroo Shaxaa, abaabayyuun  Jaarraa Abbaa Gadaa, lola Cirrachaatti waraana Misraa kan Ra’uuf Baashaa tiin hoogganamuun odoo loluu wareegame, ilmi isaa, Haamid, dardara ture. Lola Calanqoo booda, bara 1889 keessa, gaafa Minilik, summii buna keessatti naqeen, Haamid Ibroo galaafatu, ilmi isaa, Ibraahim, joolle. San booda, bara 1936 keessa, gaafa Ibraahim Haamid, nafxanyoota hawaasa Baha Oromiyaa sirna gabrummaa hoonga hin-qabneen araraasaa bahan, adamuun, hijaa irraa bahaa ture, ilmi isaa, Abdukariim hoggaas dhalata.”

Wanni kanarraa  hubannu abaaboo, akaakoofi abbaan Jaarraa weerara ummanni Oromoo  dhuma bardhibbee 19fatifi jalqaba bardhibbee 20fa keessa  mudate, kan boodas alagaa jalatti isa oggolchiise keessatti warra diina faccisuuf suduudaan hirmaatan tahuudha. Jaarraanis akkuma guddattuu kamiitittuu seenaa abbootii isaa kana dagaayaatiifi qomattiis galfachaa guddachuun  akka malu tilmaanmna.  Kanafis ragaan keenya  waa’ee qabsoo Oromoo hoggaa haasayu Jaarraan yeroo hedduu seenaa lola calanqoo, gootummaa Murti Guutootifi jabeeenya Raabaa Doorii akka fakkeenyaatti dhiheessa. Seenaa akaakayyuu isaa kan  Ibroo Shaxaatifi  kan akaakoo isaa Haamid Ibrootrraa garaagarummaa qawweee qabaachuufi dhabuu, akkasumattis ammayyummaan hidhannootiifi gurmuu waraanaa  shooraafi sadarkaa lola keessatti qabaatan waan hubate natti fakkata.

Warraani Misraa kan Ra’uuf Paashaatiin ajajamu baha Oromiyaatin osoo hin bayin dura Oromoon naannawa sunii heeraafi seera sirna Gadaatin walbulchaa, waraana ofii Raabaa Doorii jalatti jaarratanii biyya ofii diinarraa eeggachaati turan.  Weerara kamuu ofirraa faccisuudhaan, daangaa ofii kabajsiisanii  olloota waliin qajeellotti wal beekanii kabajaadhaan waliin  jiraachaa turan. Waraanni Misraa kan gaafasii waraana cimaa Ingilizoonni  jalaa-guubbatti meeshaa ammayyee hidhachiiftee bobbaafte ture. Waraanni Raabaa-Doorii, jechuunis waraanni Oromoo seera Raabaa Dooriitiin ijaarame, diina akkasii achiin dura takkaatuu argee hin beeku.  Akkasiinuu waraanni  Orfoo Jilootin hogganamu sun, gootummaan isaa hanqattee, aadaa luynaa ladda’atee dirree lolaatii hin dheessine;  tokkummaa sirni Gadaa isa badhaafte jabeeffatee qabatee hidhannoo qabuun:  eeboo, mancaa, wantaafi xiyya isaatin diina dura dhaabbate.  Madaafa ibidda tufuus jalatti siqanii afriidhaan afaan danqaranii  cal’isiisuudhaan gootummaa seenaan dinqifatte galmeessuu dandayanii jiru. Haala sun keessatti tooftaan waraana Ra’uuf Paashaa hulluuqqoo marsaa keessaa ittiin bahu argachuu qofa tahe. Akkasiin  raphaasa rasaasa itti roobsee hulluuqqoo xiqqoo takka banatee magaalaa Adaree Biyyoo dhuunfate. Akkasiinuu  ganna kudhaniif darbii magaalaa Adaree keessaa gadi bahuu  kutanii, biyya Oromoo kolonii Ingilizii jalatti galchuu hoongessanii, bara 1885-tti injifannoo goonfatanii waraana diinaa biyya ofii keessaa baasanii jiru.

Pirofesor Mohammed Haasaniifi Jilchaa Hamid akka katabanitti lolli waraana Misraa waliin godhame kun injifannoo Oromootiin  goolabamus, humna waraanaa Oromoo akka maleedha laafffise. Tokkoffaa, waraana Raabaa Dooriitirraa nama 20,000-30,000 ta’utu dhume. Lammaffaa  qondaalonni Raabaa Doorii mooyxaa waraanaa qaban  heeduun, abaabayyuu Jaarraa, Ibroo Shaxaa dabalatee,  ni wareegaman. Sadaffaa, lola dheeraa kanarraa kan ka’een faradoon hedduun rasaasaan, beelaafi dhukkubaan waan dhumaniif  cibirraaleen faradoo (cavalry) guututti diigaman. Afraffaa,  lolli dheeraan kun leeccalloo  ummataa  xuuxeeti humna diinaggee biyyaa laaffise.

Oromoon osoo daadarkaa tanarraa dandamachaa jirtu weerarri haarayni gara kaabaatin eegalame. Waraanni Misraa darsa saa guurratee bahee  waggaa sadihiitti, bara 1887,  waraanni nafxanyaa Calanqoon as bahe. Warraanni Minilik kuni Oromoo naannawa biraa cabsee injifannoodhaan machaawee, waan saameen diinaggeedhaan of cimsee, qawweelee ammayyee  garii shammadatee gariihis kennaadhaan argatee, ogeeyyii  waraana warra faranjiitin gargaaramee tarsiimoo lolaa baafatee waraana Afran Qalloo (Murti Guutorratti)  lola  bane. Oromoon immoo, qawwee dudullatti lakkooysaan dhibba tokko hin geenye kan waraana Paashaarraa buufatan, rasaasni waa xiqqo qoftiin keessa jiruun  diina dura dhaabbatan. Cibirraaleen  fardoo  waan laamshayeef mancaa, eeboofi wantaa isaa qabateeti lafoo dura dhaabbachuuf dirqame. Akkasumaanuu waraanni Murti Guutoo,  waraana Minilik kan  lafootiin (infantry)  qaawwedhaan caalamuus bobbaa diinaa  hedduu ofirra faccisuu dandayeeti ture. Booda garuu madaafa yuusaa ibidda tufu, bakka fagoo  eeboofi mancaan hin dhaqqabne  dhaabaniin duubbee Raabaa Dooriin  loltuu irraa bobbasuufi madoo itti wal’aanatu ibidda itti roobsan. Bifa saniin qawween sodaattuun hidhatte habalee gootaa moohattee, nafxanyaan akkuma kutaalee Oromiyaa kanneen birootti gootetti dachii Humbannatis qabate. Qondaalota Raabaa Doorii kanneen gaafa Calanqoo Calii baraaran, kanneen akka Hamid Ibroo (akaakoo Jaarraa)  kopha kophatti galaafatanii ummatas hoggana silaa bakka caphanii isaan kaasu dhabsiisan.

Gaaga’amni weerarri Misraatifi  kan Minilik Oromootarraan gahe biyya teenya qofatti osoo hin tahin addunya guututti, gaafni  injifannoon lolaa gootummaa loltootaatifi qaruutummaa tarsiimootiin  walcaaluun murtaawu sun akka dabarte dhawwaaqe. Fakkeenyaaf lola waraana  Sudan kan Darbuush jedhamuuf, kan   Abdullaa Al-Taashitin hogganamuufi waraana Ingilizi jiddutti, bara 1898, dirree lolaa Umdurmaanitti godhamerratti  waanuma Calanqotti ta’etu raawwatame. Winston Charchil, kan booda muumicha ministeera Ingiliz ta’ee, warrana san keessatti akka loltuufi gabaafutti hirmaate, gama isaa jajuun   akka gabaasetti; lola  gaafasii keessatti warraana Darbuush 52,000 ta’utu kan Inglizi 8,200 aan moo’ame. Iccitiin injifannoo tanaa garuu akkana. Warri Suudan qawwee dullattii takka nyaatteefi meshaa harkaa kanuma akka Oromoon qabuu saniin itti baye. Warri Ingiliiz ammoo madaafa ammayaa gurguddaa, qawwee otomaatikaa,  akkasumattis loltuu uffata raasaasafi eeboon  laaftutti hin dirre ( body armour)  uffateen dhihaate. Yeroo lolli ganama subii banamu, osoo lultuun Suudan meetira 2750 bira as hin dhihaatin muraasni madaafaa (artillery brigade) kurkurruu ibiddaa itti gadi roobse. Qawwee warri Suudan hidhatee keessaa tan akkam jabduu rubuu fageenya kanaa deemuu hin dandesssu ture. Waraanni Darbuush gootummadhaan reeffarra waltarkaanfataa mukatti dahataa ori’us osoo meetira 50 wuu dahoo  Ingilizitti hin dhihaatin dhukkaawan. Lola sa’aa jaha qofa ture kana keessatti, Darbushoota nama 10,000 du’aan, 13,000 modoon, kuun ammo qabamuun moo’amuu  mudatan. Gama Ingiliziin garuu nama 47 qofatu du’e, madoon 382 ture. Darbushoonni Suudaan, akkuma Raabaa Doorii Oromoo, guutummaafi tarsiimoo lolaatiin diina caalanis, qawwee ammayyaatin moo’amanii bittaa alagaatiif oggoluu dirqaman.

Abdukariim Ibraahim (Jaarraa Abbaa Gadaa) abbaa isaatifi manguddoota  biyyaatirraa  seenaa gootummaa Murti Guutoo kana dhagayaa guddachuun isaa, murni akkasitti gootaa akkamiin cabee alagaaf jilbiiffate?  gaffiin  jettuus mataa saa  keessatti uumamuun kan hin hafin  natti fakkata.  Seenaa abaaboofi akaakoo isaatti dabaltee kanummaan abbaa isaatuu yaada kana cimsuu mala. Abbaan isaa Ibraahim Haamid, nama hayyummaa isaatitti fayyadamuuf mootummaan Haylasilassee ofitti dhiheessee aangoo keennef ture. Garuu beekkomsi isaatiifi aangoon alagaan kenniteef kuni saba saatiif hamma fedhe laalatuus roorroo ummata isaaairra gayaa ture irraa ittiisuuf isa hin dandeessifne. Kanaaf ammo deebiin isii;  luynaafi  goota onneedhaan , hayyuufi doofaa harsamni  qaruutaadhaan gargar tahuun isaanii hafee, qawween luyna goota gootee  doofaas hayyuu akka gootu waan hubate fakkata. Hanquun Oromoo diinaaf cabsite maal akka taate waan hubateef  Oromoon deebi’ee mirgaafi kabajaa isaa goonfachuuf malli tokkichi  ‘ibidda alagaan ittiin  nu gubu san nutis horachuudha’  yaanni jedhu  ganamumaan sammuu isaa keessatti habaqaalame. Bifa waliigalaatiin  hubannoon seenaarraa goonfate sababoota Jaarraan umrii saa guutuu qabsoo hidhannootitti akka cichu godhan keessaa tokko jechuu  nu dandeessisuuf ragaa jabaadha.

 

    II.          Fakkeenyummaa “Shiftoota” Oromoo

Oromoon diina hidhannoodhaan ol’aantummaa qabuun caalamee cabuus  gadi aantummaa fudhatee roorroo amanfatee  bilisummaa irraanfatee akka  hin  jiraatin ragaan hedduudha. Bakka takka takkatti hogganoonni hawaasaa hambaalee sirna Gadaatifi tan Raabaa Doorititti fayyadamanii  ummata gurmeessanii finciluudhaan yeroo gabaabduufilleev taatu nafxanyaa offiraa buqqaasuu yaalaati turan. Bakkoota biraatti ammoo, matayyoonni Oromoo kanneen addatti roorroo, gidiraafi miidhaan itti hammaattetti  haluu baafachuuf hawaasa keessaa bahanii gaaratti gaman. Akka moggaasa sirna nafxanyaatti “Shiftaa”  tahan jechuudha.  Oromoota bifa kanaan fincilanii maqaa horatan keessaa Salaaletti kan akka Hagarii Tulluuti, Muluu Wasanuutifi Asaffaa Shaaroo Lammii, Arbaa Guugutti Tuntunaa fa’aa maqaa dhawuun ni dandayama. Baha Oromiyaatti ammoo Hamidoo Ibroofi Habiib gootoota  fincilli isaanii hidda nafxanyaa raase keessaa warra hangafaati. Gootoonni kun maqaa ‘shiftaa’ jedhuun haa beekkaman malee, shiftoota Habashaatirraa adda akka ta’an hubachuu feesisa.  Shiftoonni Habashaa sababni gaaratti galaniif ummata saamuu dalagaa godhachuufi. Seenaa ‘shiftoota’ Oromoo bebbeekkamoo  yoo qorannu ammoo, wanni manaa isaan baase roorroofi saaminsa  nafxanyoonni irraan gayan hifachuudhaan akka fincilan agarra. Hedduun isaanii nafxanyoota biyya bulchan ajjeesuudhaan qawwee irraa fudhatanii gaaratti galan. Nafxanyoota midhaan ummataa saamanii fe’atan reebanii buufatan malee kan ummata nagayaa hin tuqan.  Fakkeenyaaf waan  Haamido fincilsiise Abdurashiid kitaaba saa‘Raammisoo’ keessatti  bifa armaan gadii kanaan kaaye:

“Haalli Haamidoo fincilaan gaye roorroo nafxanyaan Weeyzaro Kaasaye ja’amtu,  obboleessa isaatirraan geesse. Gaafa tokko sababa saffarrii irbootiin itti dallantee, qaallitti obboleessa irra guddaa Dashoo Ibroo, xilaan garaftu Haamidoon arke. Intalti dhalaa ilma dhiiraa tokko warra isaa duratti harka itti laachuun onneen  Hamidoo fudhachuu didde. Coraan suukannaawe. Gocha qaallitti tuffii tuffii olitti fudhate. “haalli kun narra numa hin geenye” ifiin je’ee bara 1942 keessa umrii diiydamii shaniitti, Albeen “caphaa tokkoon gara gaara seene.  Odoo hin bubbulin , Xuullo keessa idoo Khadee Ashee ja’amutti nafxanyaa ganda hiraarsu tokko galaafate. Itti aansee Aanaa Masalaa, naanno laga Xuuxxootti kan biraa tokko dhabamsiise. Oduun tuniis nafxanyoota baadiyyaa keessa aka fedhanitti sossohaa turan ni bir’atan.  Kanaaf ashkaroonni mootummaa gaaraafi dakatti isaan barbaaduu jalqaban. Gaafa kaan, Haamidoofi waraanni isa barbaada deddeemu  Eeldhaaye gama dhihaa, irkata Boortee Dhuuggootii’ol, iddoo qalaya jedhamutti wal afaan dufan. Haamidoon, Shaalaqaa waraana if duuba tarrisee boonaa dura deemu halaalaa adda keessa dhawee gaangeerraa lafatti darbe. Qaallichi lafa dhooynaan waraanni isaa dheeyfa dhukkee kaase. Mootummaan haala ashkaroonni isii mudate raadiyootti ibsullee baattu gurra ummataa seenuu dhoorkuu hin dandeenye. Ummanni biyyaa gama isaanitiin akkana jechuudhaan gooticha saa faarfate:

“Haamidoo Ibroo dhaa leenca haati deeyse
Mataa malee hin dhawuu mangistiin dhageeyse

Shiftaa gaara Guuguu hunda qaqqabanii
Kan Laga Dabbasoo Haamid dadhabnii
Gabbatee Kharra hin seenu,qarmaammee diigan malee
Beelawee shaashoo hin quufu, mirgoo gorro’an malee” jedhanii ilma isaanii kanaan boonan

Tarkaanfiilee gootummaa Haamidoon fudhate nafxanyoota dhiiga ummataa xuuxan  bahaa-gala dhoorkiteeti  Oromoota onnachiiftee gara gaaraa qaceelchite,

“…cifroonni isaa yeroo gabaabaa keessatti dhibba caalan.  Kun nafxanyaa gibira guurtu bira dabree mootummaa guddittiihuu baarayse. Haala  kanaan “Ilmi Ibroo Haamidoon, waggaa diigdamii afuriif mootummaa Habashaaa  lubbuu itti guraaraa bahee , bara 1966 keessa, seenaa dhaloonni naannoo sanii ittin boonuu qaban dhiisee, umrii 49tti kute. Seenaan Haamidoo, haawsni keenya yoo akka isaatti ifirratti lolan bulchiinsa Habashaa jalaa walaboomuuf yaroo dheertuu akka irraa hin fuune hubachiise,” (Raammisoo, f. 296)

Jedha Abdurashiid seenaa Haamidoo  bifa gabaabduun dhiheesse yoo goolabu.

Oromoota dalagaa Haamidoo tanarraa waa hubatanii booda faana isaa dhahanii  qabsoo bilisummaa saba Oromoo hidda gadi dhaaban keessaa tokko Jaarraa Abbaa Gadaati.  Gaafa Haamidoon gaaratti galu Jaarraan daa’ima waggaa jahaati, gaafa inni wareegamu ammo, dargaggeessa waggaa soddomaati. Kanaafuu umrii sammuun isaa waa qabattu (formative years) keessatti dalagaa gootummaa Haamidoo dhagayaatifi argaati guddate.  Moyxannoon fincila matayyoota akka Haamidoo fa’arraa argame hubannoo ilaalchaafi tarkaanfii booda fudhateef bu’ura jabaa gaafas horate jechuun ni dandayama. Hubannooleen kunis;

Kan duraa, garaagarummaa nama qawwee qabuufi hin qabne jidduu jirtu. Namni qawwee qabuufi itti fayyadamee alagaa rukute, mirga ifiitifi kan fira isaa kabachiisuu akka dandayu. Kan lammataa matayyaan tokko onnatee hidhatee  yoo fincile nafxanyoota  injifachuu isaaniitiin of tuulanii waaqaan if qixxeessan wareerarsee  mootummaa   isaanii tan ‘waaqarraa kennamteef’ sun daddaaysuu ni dandaya. Akkasumattis, kan sadaffaa,  namni qawweedhaan  diina hangas raase, ummata isaa kan hamileen caphxee,  jiruun itti jallattee gabrummaa qaama godhate yeroo  gabaabduu keessatti a dammaqsee qalbii caphxees akka kabsachiisu hubate.

 

  III.          Yaaliin sirnaafi heera jiru keessaan qabsaa’uf godhe fashaluu

Jaarraan seenaa finciltoota Oromootirraa hubannoon  joollummaadhaan  qomatti qabate kun   moyxannoo sirna nafaxanyaa keessatti matuma isaatiifu isa mudataniin daran jajjabaatan. Seenaan Jaarraa kan    hedduminaan   beekamu kanuma warraaysa keessaati. Haa ta’aa ammoo Jaarraan Abbaa Gadaa akkuma Oromoota hedduu, osoo warraaysatti hin seeninin dura mootummaa jirtu keessaan dantaafi mirga saba isaa kabachiisuu yaalee ture. Asabootitti manguddoon biyyaa paarlaamaa Itoophiyaatti filamee  akka dantaa isaanii mootummaa biratti eegsisuuf itti waywaannaan, nafaxanyaa tokkoon waliin dorgome. Filannoo paarlaamaa tab bara 1965tiif ummanni naannawa suniitis buqqa’ee  baheeti Abdukariim (Jaarraa)  file. Sagaleen isaanii  garuu, bakki buute dhabamtee namichi kuun moohate  jedhaniiti deebisanii irratti shuuman. Kanarraahis Jaarraan  filannoon mootummaa sanii tan dharaatifi nafxanyoota ummata xuuxaa jiran waarsuufi  ‘halaal’/tan heeraa  (legitimize)  fakkeessuuf godhamtu tahuu ni hubate. Namni haqaan ummata isaatif falmuu barbaadu filamuu akka hin dandeenyeefi ummanniis hamma fedhe bahee yoo filate nama ifii barbaadan  bakka buufachuu akka hin dandeenye ragaa harkatti qabate.

Moxannon xumuraa tan Jaarraa qabsoo hidhannootif garaa murachiifte yaalii haqa intala Oromoo takkaa gara mana murtiitin argamsiisuuf godhe. Mudannoo  jireenya Jaarraatiifi seenaa Oromoo jijjiiruuf teeysu  tana Abdurashiid bifa armaan gadiitiin kaaye.

“…Guyyaa tokko , niitii jaarsi mana hidhaa Asaboot keessatti irraa ajjeefame , tan hulaa foolis xaabiyaa duraa boochu takkaan walitti dhufe. Kan warri arkan marti bira kutan, Jaarraan, nahuufii bira dabree, akkuma amala isaatti, gargaarutti seene. Tattaafanni niitii bira dhaabbachuu kun Jaarraafi ajajaa foolis xaabiyaa, Shaambala, tooyanna isaa jalatti namichi du’e, wal afaan buuse. Jaarraan dhiiga namichaa baasuuf Shaambalticha  mana heeraatiif dhiheeysuu murteeffate. Haa ta’uu malee , Jaarraan Adareefi Asaboot jidduu deddeebi’ee, Amaarticharraa wahuu siiysuu dadhabe. Waraqaa yaamicha mana heeraa tan Adaree itti fidu , Shaambaltichi, ija isaa duratti cicciruu bira dabree “ aante Gaallaa aselechihaallehu” ( yaa Gaallicha siin hifachiisa) jechuuniin heeraa ol tahuu isaa irra deddeebi’ee mirkaneesseef. Gama biraatiinis , doginyoota haala kanarratti gargaarsa gaafatu keessaa, “dubbii tana yoo dhiifte irra siif wayya,”  warra ja’uun malee kan tin’isa laatuuf dhabe. Ijibbaanni Shaambalticha mana heeraa dhiheessuuf godhu , guyyuma guyyaan Jaarraa rakkaa dhufe. Dubbii if dura dhiibuu dadhabuun , guyyaa bira taree, halkan hiiriba isa dhoorke. Kana keessa seenaan Haamidoofi Habiib sammuu boo jihan.”( Raammiso, f. 327 )

Moyxannoon tun  yaada Jaarraan joollummaarraa eegalee surrii keessatti baadhatee dhawaataan bilchaachaa ture gadi jabeessiteef. Kunis warri qawweedhaan aangoo yaabe hammamuu ummataan jibbamuus dadaan sireerraa bu’uuf akka  hin teenya qajeellotti ifa taateef. Sirni qawweedhaan jaaramee qawweedhaan tikfamaa jiru qawweedhaan diigamu malee mirgaafi dantaan sabaa walarkuuf akka hin teenye mamii takkallee garatti hin hambifne.  Gaafasii kaasee Jaarraan qabsoo hidhannootin sirna sun hiddaan buqqisuuf tarkaanfii fudhatu mara itti fufe.

  IV.          Sossoha  Baaletti Hirmaachuu

Wanni Jaarraan finciltoota akka Haamidootirraa hubate bu’aa isii qofa osoo hin tahin hanquu isiitisi. Finncilli matayyoonni hiraar jalaa bahuuf kophaatti yookin nama muraasaan godhan nafxanyoota naannawa sanii agabsee mootummaa san shoorarkeessus  sirna cunqursaa hiddaan buqqaasee ummata bilisummaa goonfachiisuu akka hin dandeenye ni arge. Wal simannoon qawweefi gootaa  jijjirama waaraa fiduu kan danda’u ummata gurmeessee fincila walootiif  yoo bobbaase qofa  yaanni jedhu mataa isaa seenuun tarkaanfi kanatti aansee fudhaterraa hubachuu dandeenya.  Kunis qawwee bitate baadhatee kophaa  gaaratti galurra, ilmaan Oromoo bifa gurmaayeen fincila geggeessaa jiran iyyaafatee, bara 1966  gara Baalee qajeele. Gaafa Oromoon malkaa xiqqaa gamattuu walwallaalchisame san keessatti, gosaafi naannawa isaa keessaa bayee, Waabee gamatti, warra arraanni ( dialect) isaanituu qaceellotti hin galleef waliin duulee wareegummaaf of qopheessuun isaa  qabsoon hidhannoo bifa gurmaaween godhamtu hangam takka barbaachiftuu tahuu hubachuu isaatiif  ragaadha.

Sossoha Baalee keessatti hirmaachuun hubannoo biraatis  ni kenneef. Kunis  fincilaaf umna gaaratti galurra ummata dammaysanii loluun irra wayya tahuus,  leenjiifi hidhannoo ammayyee qabaatee caasaa sirna qabuun jaaramuu baannan lafa garaa sun gahuu akka hin dandeenyee arguu isaati. Fnficilli Baalee ummata guutuu sochoosee, nafxanyota dachiirraa buqqasee naannawa san dhuunfatuus, jaarmaya waraanaa ititaafi tarsiimoo yeroo dheeraa  dhabuurraa sadarkaa sirna mootummaa sun fonqolchuurra gayuu hin dandeenye. Kanaaf, Jaarraan  waraana bifa ammayyaatiin leenjifameefi caasaa turuu danda’u waaraa ( sustainable) jaaruuf gara  biyya Yaman magaalaa Adanitti  qajeele. Akkuma yaadettis qabsaa’ota akka isaa walitti qabuudhaan Qeeyroo Ganamaa, nama 36  of keessaa qabdu, kan leenjii gahaan qaramteefi bifa ammayyaatiin jalaa-olitti jaaramteen Oromiyaatti as qajeele.  Dogongora addeela imalaatirraa dhalatteen mootummaa Soomalee harka bu’uun akeekni Qeeyroo Ganamaa akka yaadametti fiixa bahuu baatus, hidhaa waggaa shanii booda hubannoo seenaa abbootii isaa, mooyxannoo finciltoota Oromootiifi sossoha Baaletirraa argate osoo hin dagatin, bara 1976tti Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gadi dhaabuu dandayeeti jira..

 

Goolabbii

Barruu tana keessatti moyxannoon Jaarraan joollummaadhaan keessa dabre qabsoo hidhannoo Oromoo jaarufi boodas itti cichuuf murteessaa akka tahan agarsiisuun yaalameeti jira. Jaarraadhaaf Oromoon qawweedaan caalameeti caphe,  qawwee dhabaaf oggolee jiraate; furmaanni kanaatis qawwee barbaaddatanii diina ibiddaan namatti roorrisu ibiddaan dura dhaabbachuudha.

Sabboontonni qabsoo Oromoo bu’eerressan Oromoo sirna cunqursaa jalaa baasurratti akeeka tokkicha qabaachaa turan. Akeeka kana galmaan gayuuf ammoo, tarsiimoo, tooftaafi bifa jaaramayaa akkamiitu irra faaydaa qabaata yaada jedhurratti garaagarummaa ilaalchaa qabaataa turuun isaanii beekkamaadha. Sababoota garaagarummaa fidan keessaa, tokko,  akkaataa ormi  kun itti dammaqanii qabsoo Oromootif itti lafaa ka’ani jedheen yaada.  Akkaataa dammaqiinsa bu’ureessitoota qabsoo Oromoo bifa waliigalaatti  bakka lamatti qooduu ni dandeenya. Murni  tokko warra mudannoo roorroon mataa saaniitiif  saba isaaniitirraan geessen dallananii qabsoof ka’ani taha. Murni lammataa warra hubannoo xiinxallii siyaasaa:  akkaataa Oromoon bittaa alagaa jalatti itti kufte, waan irra gahe, akkasumattis siyaasaa addunyaa,  manneen barnootaatiifi  kitaabota dubbisaniifi dhagayanirraa kanneen dammaqan of keessaa qabaata. Garaagarummaan tuniis akkaataa sabboontonni kun gara qabsoo itti seenanii qabsoo bilisummaa Oromoo ijaaruu keessati wanni durfama qabu  (priority) maali? waan jedhurratti ilaalcha adda addaa akka qabaatan isaan godhe.

Warri mana barnootaatitti dammaqe xiin-laalcha saatteeysuufi bilcheessuuf durfama kennan. Qabsoo jabduu milkiidhaan xumuramtu gaggeessuuf dhaadannoon jalatti hiriiran “ummanni dummaqee, gurmaawee, hidhatee qabsoof bobbohe ni injifata” kan jedhu taha.  Akka ilaalcha kanaatti sababni guddaan Oromoon cunqursaa jala akka jiraatu godhe wallaala  ykn doofummaadha jedhan.  Sabni diinaafi fira ofii adda baafatee hin beekne, wal hin beeku; waliinis qabsaawuu hin dandayu. Mirgaafi dirqama isaa adda baafatee hubachuu baannaan mirga isaa falmatee dirqama saa hobbaafachuu hindandayu.  Kanaafuu  saba tokko cunqursaa jalaa baasuuf seenaa isaa, haala jireenya isaa, firaafi diina isaa, barbaachisummaa qabsootifi tarsiimoo qabsoo sunii barsiisuun dirqama taha. Nama akkanaan dammaqe jaaruun ykn gurmeessuun  laaftuudha;  hidhatee hoggaa bobbahees goobaan galeeti bu’aa buusa.Warri ilaalcha akkanaa leellisan  “Namni hin dammaqin hidhatus bu’aa hin buusu” yaada jedhu waan qabaniif  qabsoo hidhannoo labsuu dura, qabsoo siyaasaa gaggeessuun dirqama   jedhan.

Warri moyaxannoo ofiitirraa dammaqee qabsoo eegale yaada ummata dammaqsuufi ijaaruu jedhu kana  jibbuu baatanis akkaataa qabsoon ittiin eegalamtuufi ittiin guddachuu qabdurratti ilaalcha biraati qaban. Moyxannoo isaaniitirraa wanni hubatan humnaaf maddi guddaan qawwee tahuu itti mul’ata. Jaarraan murna kana jalatti ramadama. Ilaalcha dammaquu, jaaramuu, hidhachuu jedhu kana jibbuullee baatu, hidhatanii falmuuf haal duree kaayuun hin barbaachisu nama jedhu ture. Akka ilaalcha isaatti hidhannoon jiraannaan saffisaan galma gayuun ni dandayama. Sababni isaatis wanni ummata tokko oggolchiisee  akka cal’isan godhe,  sodaafi abdi kutannaa   humnaan caalamuun fidde tahuudha. Ummata onneen keessatti darrattee abdii kutate tokko hanga fedhe itti lallaabaa oolan kan keessaa dammaqu nama muraasa qofa. Hangi xiqqaan kunis kan wallaalarraa oggole osoo hin tahin kan  qawwee dhabarraa  osoo keessi isaa gubatuu diina jalatti buluuf dirqame.  Irra jireessi ammoo, humna bilisummaa ittiin horatan  hin arkannu jedhee waan amanuuf gorsaafi barnoonni kennamuuf gurra tokkoon seenee kaaniin yaa’a. Kanaafuu ummata akkasii dammaqsuuf, qawwee diinni qabu sun horachuu  akka danda’u,  hidhateetis diina dura dhaabbachuu akka dandayu, haala  qabatamaan agarsiisuun barbaachisaadha. Humna hidhateetu ummata dammaqsa, ummata dammaqe sunis of jalatti hiriirsee diinarratti bobboosuuf dandeettiifi qophii qaba jedheetin yaada.  Yaann kuniis  kaka’uumsa ummataa dabballee takkaan maletti  gaafa Haamidoon faan nafxanyaa karaa dabruu dhoorkan saniifi , akkasumas sossoha Baalee kan   sagantaa siyaasaa takkaan maleetti ummanni guutuu biyyaa diinarratti bobba’e sanirraa ragaa qaba.

Ilaalchi addaa kan Jaarraan Abbaa Gadaa horate kuni hoggaa bara 1976-tti  inni Finfinnee dhufe waan ta’erraa ifatti mul’ata. Gaafas sabboontonni jaarmaya qabsoo jaarurratti bobbahan,  hiree  kufiinsa mootummaa H/ Sillaasee booda argamtetti fayyadamanii, mootummaa harayatti jaaramaa jirtu keessatti hirmaachuun,  Oromoof waa buusuudha yaalaa turan. Kanaafuu  yaanni qabsoon hidhannoo haa eegalamtu jedhu hangas mara dhageettiis fudhatamas akka  hin argatin ifa jira. Akka Jaarraan jedhetti namoonni hidduun yaada inni ammuma qabsoo hidhannoo haa eegallu jedhu saniin mormuu baatanis hamilee guddaa hin qaban ture. Irra hedduun isaanii ummanni sirritti waan hin dammaqiniif,  leenjiifi hidhannoo gahaan waan hin turiniif qabsoo hidhannoo eegaluuf yeroon hin daraarre  yaada jedhu qabaachaa turan. Gariin isaanii  inumaatuu mootumma haaraya jaaramtu tana keessa harka naqannee tooftaadhaan angoo harka Oromootti galchina jedhanii abdachaa akka turanis ni himama.

Jaarraan garuu osoo oollee hin bulle humna waraanaa jaaruu qabna ejjannoo jettuutti ciche. Sababni inni dhiheessuus, kan duraa, mootiin dullachi kufus humni qawwee ammas harkuma alagaati  jira;  madaalliin humnaa osoo hin jijjiramin, sirni cunqursaa  hiddaan buqqa’e jechuun hin dandayamu.  Kanaafuu  roorroon Oromorra geessu yeroof laaffattus ijaaramnee humna  horree ofirraa ittisuu dandeenyu malee, bakkatti  deebi’uun  isii  waan hin oolle. Kan lammataa ammoo, qabsoo hidhannoo eegaluuf hanga ummanni guututti dammaquufi hidhannoo gahaa qabaatu eeguun barbaachisaa miti;  namaafi meeshaa waa ittiin jalqabnu qabaannaan waan hafe dhawaataan  jabeeffachaa deemuudha dandayama yaada jedhu dhiheesse.  Ejjannoo tanaan Harargetti deebi’ee qawwee lameen Elemo faarraa hafte bakka itti dhooyfamterraa baasee Mul’is Abbaa Gadaa faa wajjiin Gobeelle bu’ee qabsoo hidhannootiif xurree saaqe.

Akkuma yaada isaattis tooftaa qawwee takka nama lamatti hidhuu jedhuun eegale; waraanni isaatis hidhannoo loltoota mootummaatif  nafxanyootarraa booji’uun   sagliirraa buttaatti, buttarraa muraasatti guddatan. Lolli  gaafas Soomaleefi Itoophiyaa jiddutti eegalamees madda qawwee ni bal’ise. Waraanni Bilisummaa Oromoo qawwee matamatatti hidhatee ummataafuu raabsuu eegale. Gaafa Darguun barattootaafi barsiiftota duguguutti ka’u, WBOn humna magaalatti namaa dirmatu, dahoo ilmaan Oromoo itti baqatanii afaan bineensaatirraa itti eewalaman  abdii jabaa taate. Qabsoon Oromootis ilmaan goota tahaniifi qarayyoo waa baratan dabalatte.

Cichi cimaan Jaarraan qabsoo hidhannootiif qabu bu’aa yeroo muraasa keessatti argamsiifteen dhugaan galteef. Silaa hanga sirritti qopheeyfamutti waraana jaaruun tursiifamee, hiree lolli Soomaleefi Itoophiyaa uumtetti fayyadamuun hin dandayamu ture. Ummanni kumaatamaan lakkaawamu gara Soomaaliyaa daqee hidhatee biyyatti hoggaa deebi’u,  jaarmaya isa simatee gurmeessee bobbaasu shoora hoggansaa taphatu tahe.

Haala qabsoo Oromoo gaafa Jaarraan WBO itti ijaareefi isa  ammaa jidduu walfakkeenya hedduutu jira. Gaafas  qabsoon hidhannoo hin barbaachiftu, qawwee hin argannu, qawwee yoo kaafne diinaatu nutti baay’ata, qophii gahaa hin qabnu, dirreen qabsoo mijjooytuun hin jirtu, ummanni sirritti hin dammayne, dura jaarmayoonni jiran tokko ta’uu qabaniifi yaada kana fafakkaataniin qabsaa’onni Oromoo wal atakaaraa turan. Haala sun keessatti Jaarraan kutannoodhaan qabsoo hidhannoo eegaluun, sabboontonni Oromoo atakaaroo hinjirreen mataa waldhukkuubsuurra  gara hojii qabatamaatti  akka tarkaanfatanii seenan carraa bane. Jaarraan akkuma yaadettis ummanni Oromoo humna waraanaa diinni ittiin isa cabsee ittiinis isa bitaa jiru sun inninis akka horatu  ni godhe. Har’as  yeroo  maraamartoon gaafasii itti deebitee Oromoota atakaaraan dhuunfatte keessa jirra. Yeroo kanatti dhaloonni ar’aa atakaaroo dhiisanii gara tarkaanfii Oromoo humna  horachiiftu,  tan   akka Jaarraan fudhate sunitti, fuula deeffachuudhan  qabsoo tana sadarkaa itti aantu ceesisuu qabna.

Ummanni cunqurfame tokko bilisa bahuuf akkaataa mootummaan isaan bulchitu aangoo isii itti fayyadamtu eemaruu dandahuu barbaachisa. Sun ta’uuf ammoo aangoon sunuu tan fedheefi hayyama ummata saniitin jaaramte ta’uu qaba. Ummanni aangoo harkatti hin galfatin, mirgaafi kabajaa namummaa isaa eegsifachuu hin dandayu. Maddi aangoo guddaan ammoo humna. Maddi humnaa guddaan waraana.  Humni waraanaa, lafee dugugguruu qabsoo sabaati. Sabni bilisummaaf falmatu, kana waraana hin qabne, akka foon lafee maleeti. Yoomuu of danda’ee hin dhabbatu, alagatti irkatu malee. Waldanda’ees waliin hin dhaabatu, garuma garatti jiga. Jaarraan tana hubate. Nutis waan irraa barannu hedduu qabna.
 


Maddeen

Hassen, Mohammed  “The Egyptian Occupation of Harer and Its Impact on the Oromo in Harerge,” The Journal of Oromo Studies, Volume 15, Number 2 (July 2008): 33-60.

 Hamid, Jilcha. “The Ten Year War: Egypt’s Attempted Colonization of Eastern Oromia (1875-1885)

Leencoo, Libah. “The Man Who Lived His Dream- An Assessment of Jaarraa Abbaa Gadaa’s Life Journey | The Gulele Post.” The Gulele Post. N.p., n.d. Web. 06 June 2013.

 Abdurashiid Abdurahmaan. “Seenaa Jaarraa Abbaa Gadaa Bifa Gabaabaan.” Bitootessa, 2013

Abdurashiid Abdurahmaan . “ Raammiso” Maxxansa lammataa, Bitootessa 2013

Jaafar Ali “ Gaafiifi Deebii Jaarraa Abbaa Gadaa waliin” 2008, Sanaa, Yamanhttp://www.youtube.com/watch?v=Yypfx6H-I-M

Advertisements

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 06/06/2013, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s