MANNI GOGAA HARREEN IJAARAME, GAAFA WARAABEESSI YUUSU DIIGAMA !!

Y.G(2005) Kutaa 2ffaa  | Waxabajjii 11, 2013

Addunyaan har’a keessa jirru kun , tokko isa tokko liqimsee, bakka bal’ifatee kan itti jiraachuu barbaadudha yoo jenne, dhugaa irraa fagaachuu hin ta’u. haqi addunyaa kana irraa eegaa jirru , dantaan takaalamtee afuura baafachuu isheen qofaa jirtii jennee dubbachuu dandeenya. Adeemsa hannaa kana hubatanii fi addunyaa dantaa ishee waliin arreedaa jirtu kana waliin harka keessa naqatanii hegaree isaanii kanneen dagatan “wayyaanoonni” , guyyaan isaa haa dheeratu malee, addunyaa kana keessaa adda durummaan , kan harka isaanii akka argatan hin shakkisiisu. Wayyaaneen har’a humnaan jiraachuuf waraana ijaarrachuu fi Dinagdee biyyaa tu’attee isa kaan harkattoota ishee qofa taasisuu qofaa odoo hin taane, kan na dura dhaabbata jettu hundumaa dhabamsiisuu, dadhabdu ammo, diiguu akka qabdu beektiif, karaa gara garaa duula gara garaa gaggeeffataa jirti. Kan ishee dura dhaabbate kaasuuf , hidhaa fi godaansiisu irra dabranii, akka nama rashanuu danda’an, Addunyaan dantaan takaalaman hayyamuufii ragaa hedduu tarrisuun ni danda’ama.

Adeemsa addunyaa hannaan guutame kana keessatti addu durummaan miidhamuun keenya waan hin hafneedha. Kan miidhamne ammoo , waanuma sirnoonni hundi ittiin nu miidhaniin yennaa ta’u , kan wayyaanee garuu ija kan baaseedha. Qabsoo Oromoo diiguuf bara wayyaanee kana yaaliin taasifame waan ifa jiru. Yaalii wayyaanee fi dadhabiina keenyaan waan nu irra ga’e , waan keessa jirru irraa herreeggachuun hin ulfaatu. Irra jireessi isaa garuu , kan kaleessaa irraa barachuu dhabuu keenya irraa kan maddaniidha yoo jedhame, dhugaa irraa fagaachu hin ta’u. kanaafidha, akkuma mammaaksa Oromoo “ MANNI GOGAA HARREEN IJAARAMEE , GAAFA WARAABEESSI YUUSU DIIGAMAA ” san, hundumtuu of labsee deebisee yeroo gabaabaa keessatti bakka itti of yaadu irraa kan of dhabe.

KUTAA 1ffaa barreeffama  dabree keessatti , kan dabre irraa barachuuf waan sirreeffachuu qabnu, qabxiilee 3n tokko kaaseera. Namoonni hedduunis yaada hedduu irratti gumaachitanii jirtani, GALATOOMAA ! Warra har’allee qalbii arrabsoo “Ganda marqaa jennaan, ijoolleen boojitoo qabattee yaate ” san keessa warra gangalataniif, kan jedhu hin qabu. Sababaan waa sadiif.

  1. Halagaa Afaan Oromoo katabanii dubbisan heddummaachuu irraa ,
  2. Qalbiin isaanii obboloota isaanitti waan hin kalaa’iniif,
  3. Kaayyoo halgaan oofamuun waggaa 150 booda illee waan hin galiiniif.

Garuu adeemsi itti jiran waanuma waggaa 150 oliif keessa gangalannu waan ta’eef, isaanu kana keessaa of baasanii ilaa fi ilaameef of qopheessuu qabuun jedha.qabxiileen ka’an:-

=WAAN FOOYYEEFFACHUUN NU IRRAA EEGAMU:-

1. FEDHII UMMATAA GADI FAGEESSANII BEEKU :
2. ABOn, KUDHAAMA UMMATA OROMOOTI !
3. ILAALCHAAN ADDA TA’UUN, OROMUMMAAN ADDA TA’UU MITI !
4. TOKKUMMAA HOJIIN ARGISIISUU:

Tokkummaan hiikkaa biro fi ulfaataa hin qabu. Barbaachisummaa isaatti amanuun , tarkaanfii jalqabaatii. Tokkummaa wayita jennu waan qorannoon addunyaa biraa irraa ergifannee odoo hin taane, waan nu keessa ture haa deeffannudha. Osoo bakka ofii laannee ofiis yaannee, tokkummaa ummachuun kun nuuf waan hunda irra salphaa ture. Waan salphaa kana hojii irra oolchuuf kan nu gufachiise inni duraa laafina dhuunfaa kaafnee qabnuudha. “Oromoon tokko” wayita jennu , Addunyaa biraa irraa finnee walitti baqsina odoo hin taane, Dhiigni keenya tokko jechuu keenyadha. Gama biraan addunyaa akkas wal hirtee mataa cabdu keessatti , Ummati Oromoo miliyoon 45 ol ta’u tokko ta’a jennee eeguun rakkisaadha. Hubadhaa gama ilaalchaan malee dhiigaan jechuu kiyya miti. Ani hanga har’aatti, Oromoo , Oromoo dhiigaan tokko miti jedhee dubbate dhaga’ee hin beeku. kana jechuun ammo, hundeen rakkoo keenyaa kan ta’een waliif gallee, isa nu rakkisuu hin qabneen dhama’aa jirra jechuudha. Ani Oromoon ilaalchaan adda ba’uun yakkaa hin jedhu. Yakkaa kanan jedhuu fi ummata kanaaf balaadha jedhu, kan GANDAA FI AMANTIIN, wal qoodee diinaaf humna ta’u qofaadha. Ilaalcha diinaaf huna ta’aa jiru kana of keessaa baasuun murtee guutooti. Waan kana ga;ga;a tokkotti of keessaa baafna jennee yaannaanis yaadaan gabaabbachuu ta’a. of irraa eegalanii dhaloota itti aanu baruutu furmaata guddaadha !

Ilaalchi akkasii kun irra jireessa halagaan nu keessa haa facaasu malee, nuutis ilaalcha gadi aantummaa kana keessaa ba’uu dadhabuun keenya qaaniidha. Waan akaakilee keenya irraa eegalee nu miidhaa jiru irraa fayyuu dadhabuun keenya nu hin taajjabsiisu ?. ilaalchi kun addatti warra waa hubatan biratti itti fufun isaa nama hin gaddisisuu ? kun nu keessaa buqqa’uu qaba. TOKKUMMAAN dhaadanno irra dabree hojiin mul’achuu qaba. Sammuun kana keessa marqamus akka godhachuu qaba. Dhaloota itti aanu haala kana keessaa baraaruun barbaachisaadha. Tokkummaa hojii irra oolchuu jechuun, sadarkaa dhunfaa fi olmaa keenya irraa eegala. Hojii guyyuu gaggeessinu irraa eegala. Dubbiin sadarkaa dhuunfaa fi maatii ofii irraa eegaluu gaafata. Kana jechuun ammo, sadarkaa dhunfaa eegallee , diina keenya dura dhaabbachaa jiraachuu keenya mirkaneessa. Qooda gumaachuun jechuun kanuma. Mee ijoollee keenya ykn maatii keenyaaf kana ibsinee beeknaa ? laafinni asi eegala.

Waa’ee tokkummaa bara baraan dhaabbileen siyaasa Oromoo nutti himaa jiraachuu hin qaban. Kun hojii hawaasummaan dhaabbachuu danda’uudha. Waan salphaa hubannoo dhabuu irraa waggaa amma kana nu jilbeenfachiisee jiraachuun isaa hedduu nu qaanfachiisuu qaba. Keessattu Diyaaspooraan dhukkuba kana keessaa ba’ee sochii jiru jabeessu qaba. Oromoo ta’uu keenyatti ni amanna ega ta’ee, maaf Gandummaan nu mo’a ? maqaa gandummaan maaliif Oromoo wal caalchifna ? loqoda dhageenye amma yoomitti wal foona. ? amma yoomitti Amantiin wal foonee waan keessa ofii walii ibsuuf ulaagaa godhanna ? kan hedduu nama gaddisiisu, halagaan nu gabroomsuuf warra fagoon wal ta’uuf daboo waammata. Nuuti ammo gabrummaa sana jalaa ba’uuf , wal fo’uu keenyadha. Adeemsa kana keessaan salphina meeqa arginee jirra. Kana keessaa of baafnee qabsoo furgaasuuf, diinni ,qabxiilee bara baraaf dhiiga keenyaan wal makee akka jiraatu barbaadu kana of keesaa dhabamsiisuuf hojjachuudha.

Tokkummaan nuuf hiikkaan isaa , Oromoo ta’uu keenya fudhachuudha. Waan kana booda jiru hundaan wal dhabuu hin qabnu. Oromoonni Biyya keessaa yennaa hidhaman ykn hiriira gara garaa yennaa yamamu, eenyutu waameen odoo hin taane, dhimma Oromoo ilaallatuudhaa jedhanii waliin dhaabbachuutu diina mogolee jalatti cabsa. Hundi namaa waan nu mudatu hundaa irratti yaadi fi fedhiin keenya hundi bu’aa OROMOO FO OROMIYAA irratti yoo hundaa’e, yeroo gabaabaa keessatti humna taana. Wal irraa qollifachuun gonkumaa tokkummaatti amanu keenya hin argisiisu. Hojiin dhaabaa kan biraati. Hojiin ummataa waan biraati . miseensummaan waan biraati . dhimma ummataaf wal tumsuun waan biraati. YOO DUUNE BANNE ILLEE, DHIMMA OROMOO FI OROMIYAA irratti eenyufu garaa laafuu hin qabnu . bu’ura keenyas haa godhannu. kun kakuu keenya taanaan, waan kana booda umaman hundi nu diigu hin danda’an.Kanaaf yaada keenya bal’ifachuu qabna. Addunyaa hannaa maqaa ummata biraan wal ijaaranii nu dhabamsiisuuf kanneen deeman keessatti akkamiin haala jiruun of baraaruu dandeenya. Haxxummaa fi shira galma keenyaatti nu geessan barachuu qabna. Waan galii keenyatti nu geessu hundaa keessaan dhimma ba’uuf Oromoo ta’uu qofa irratti wal hubachuun ga’aadha.bara baraan diigamuu qofaa odoo hin taane, diigus barachuu qabna. Kana hundatti kan nu geessu garuu , tokkummaa hojiin mul’atu qofaadha. Kan sadarkaa dhuunfaa irraa eegalu. Namni dhunfaa isaatti hiikkaa tokkummaatti hin amaniin , bakka jamaan baayyatutti akkamitti amanu danda’a. tokkummaa kan fidu, tokkummaatti kan amanan qofaadha.

Yaadi gabaabaa dhuma irratti qabuu , Ummata Oromoo hundaa tokkomsinee Bilisummaatti deemna yoo jenne bara baraanu gabrummaan nu irraa hin ka’u. garuu ammi qalbii qabu yoo walii galee beekumsaa fi dandeetti isaa humnatti geeddaree yeroo gabaabaa keessatti Bilisummaa bira ga’uun ni danda’ama. Waan hundaan humna ta’ee kan of ijaare , ummata cinaa isaa hirirsuun mamii hin qabu. Kun mataan isaa Bilisummaa lubbu itti horee nu keessa akka burraaqu taasisuu danda’a jedheen amana.seenaa addunyaas yoo ilaallee amma walii galeetu humna ta’ee ummata isaa BILISA BAASE .

5 .MATA DUREE ADDUNYAAN NU UMTUUN WAL TAKAALUU DHAABUU :

Addunyaan keessa jirru kan warra humnaati. Haqi bakka dhabdeetti . kanaaf, humna addunyaa kana irra jiru hundumaa , warri humna qaban akka ofii barbaadanitti sochoosuu barbaadan. Kaan, har’ayyuu lubbuun jiraachuutu isa rakkisa. Isaan ammoo,dhaloota isaanii waggaa 100 fi 200 boodaaf dhiphatu. Garaagarummaan addunyaa keessa jirutu hangana bal’ata.

Kana keessatti of ilaaluun egaa waan hin hafne. Addunyaan qabsoo keenya ega hubattee bubbultee jirti. Ega qabsoon keenya eegalee miti , ega Oromoon abbaa biyyummaa isaa sarbamee kaasanii rakkoo itoophiyaa keessa jiru ni beekan. Garuu dantaa isaaf jecha waan lama nu dura qabanii jiru. Immiyyee Itoophiyaa isaanii tikifachuuf jecha, kaayyoo keenya akka jijjiirru ni fedhan. Kaayyoo keenya geeddarrus ammoo , Ummati  Oromoo gabrummaa diduu irraa , minilikiin jibbee , Islaamummaa fudhachuu irraa, hordoftoonni Amantii islaamaa baayyachuu keenyaanis nu sodaatan. Kana malees Oromoon Biyya isaa dhunfachuus ta’ee, Itoophiyaama iyyuu bulchuutti ce’uu fi waan Afriikaa keessatti raawwataniin wal bira qabanii , hegaree AFRIIKAA saamuu keessattis shakkii ni qaban. Kanaan alas beektoonni keenyaa fi qabsaa’oonni waan isaan mudate irraa dubbatan hedduudha.

Amma nuuti asi keessaa kaasuu kan dandeenyu, ykn akka gaariitti qalbeefachuu kan nu barbaachisu, walii galteef illee bu’uura kan ta’uu, yeroo gabaabaa keessattis ta’uu yeroo dheeraa keessatti, bu’aa har’aa fi dhaloota borii kamtu nu qajeelacha isa jedhu gadi fageessanii hubatanii waliin deemuudha. Warri dhihaa dantaa isaaniif jedhanii wayyaanee yakkamaa jiraachisaa jiran. Kana ofitti deeffachuuf, waan jedhamne guunnee harka laachuu nu wayya ? moo jabaannee humna keenya argisifnee qalbii ADDUNYAA humnatti amantuu hawwachuu qabna ? kan jedhu irratti marii gochuu nu barbaachisa. Marii akkasii kanaaf dhaabni qooda mataa isaa qabaatuyyuu , beektoonni dhiibanii waan ta’uu qabu kennuu fi akeeku qaban. Dhimmi , dhimma Oromooti.

Egaa addunyaan dantaa isheef arreedduu akka adeemsa ishee keessa galluuf gargaarsa fakkeessaa laachuun akkuma jirutti ta’ee, nu diiguu irratti akka hojjatanis beekuun dansaadha. Warri addunyaan nu harka jirti jedhan faashinni har’a hordofaa jiran, mootummaa tokko kaasanii , lammiilee Biyya sanaa garuu Iyidolojii isaaniin guddatan angoomsuu akka ta’e argaa jirra. Nuus kana keessaa qabna. Oromoon Bilisummaa gaafachuu isaatti gammachuu qabu jechuun rakkisaadha. Kunis gaaffii jiru irraa rakkoo qabaatanii odooo hin taane, dantaa isaanii hegaree keessatti ilaallatanitu. Kanaaf , ilmaan Oromoo Biyya ambaa jiran irratti duulli qor-qalbii Oromummaa dhabamsiisuu akka irratti gaggeeffamu danda’u hubachuu barbaachisa. Maaf dhaabaa kana dhiftanii , gurmooftanii Ummata keessan hin bulchitan ? jedhamuun akka jiru beeku barbaachisa. Kana kan wallaalu hin jiru.

Inni guddaan hubachuu qabnu, waan fedhe jedhamu waan gurmuu keenya laaffisu keessa seenu miti. Akka wal nyaanuuf waan nu qopheeffamu keessa seennee joonja’uu hin qabnu. Obsuma biyya keessaa sanaan jiraannee wal gorfachuu qabna. Akka faranjootaa kaanee xarapheezzaa tumuun umama keenya miti. Daandii fi waltajjii irratti akka farnjoota salphoo ta’anii san , wal salphisuun gonkumaa beekumsas ta’ee qaroomiin ta’uu hin danda’u. Angafummaa fi maanguddummaan wal salphisuun aadaa isaanii yoo ta’ee, kan keenya garuu miti. Namni biyya alaa ba’eef keessii isaa hundi jijjiiramee qilleensa irra of kaa’ee yoo ta’ee , namni akka isaa salphatee qilleesa irra ba’ee waliin dubbatu hin jiru.

Waan hundaafuu, meeshummaan yoo qalbiii nu mootee, Ummata keenyaaf meeshaa haa taanu. Humna alaa wayita isiniin jedhu , warra faranjii qofaa miti. Warra nu waliin dhalatee guddates ta’uu mala. Humni kamuu waan isaaf jedhee nuun nu micciiree , obbolaa keenyaan akkamiin walitti nu dira ? waan hundaa Dantaa Ummata keenyaa fi Oromiyaa irratti hundoofnee gulaallee waliin haa mari’annu . yoo akkas goone, MANNI GOGAA HARREEN IJAARAME,…… kan jedhu mammaaksa qofaa ta’a.

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 12/06/2013, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s