Dhimmi Oromoo kan dursa argachuu qabu otuu jiruu maaliif dhimmoota biroorratti yeroo keenya fixna?

Abdii Boruutiin*

Yeroo ammaa, uummatni Oromoo biyya keessattis ta’ee biyya alaa tokko tokko keessatti rakkoolee hamaadhaan xaxamee otuu jiruu; lammiileen Oromoo manoota hidhaa Wayyaanee keessatti dararamaa otuu jiranuu; uummatni keenya qayee issaarraa buqqayee rakkoolee adda addaatiif saaxilamaa otuu jiruu; bahaa fi kibba bahaa Oromiyaa keessatti Sumaaleen uummata keenyarratti duultee lafa isaarraa ari’aa otuu jirtuu; lafti keenya Wayyaaneedhaan gurguramtee dhumaa otuu jirtuu; naannolee(environment) keenya badiin irra gahaa otuu jiruu;walumaagalatti gabrummaa yoomiyyuu caalaa hamaa ta’e keessa otuu jirruu; dhimmoota gurguddoo dursa argachuu qaban kana dhiisnee ykn dagannee, waan xixiqqoorratti yeroo, beekumsa, dandeettii fi humna keenya balleessuun bu’aan isaa eenyuuf ta’a jennee itti yaadnee jirraa? Rakkoolee jiranirratti rakkoolee biroo ofitti daballee sababa kanaan qabsoo bilisummaa keenyaa laaffisuuf yoo ta’e malee, waan dursa argachuu hin qabneef dursa kennuun Oromoof bu’aa hin fidu.

 

Mata duree kanaan barreeffama kana akkan dhiyeessu kan na taasisan dhimmoota adda addaatu jiru. Isaan kana keessaa tokko tokko tuttuquun yaala. Keessumaayuu ammoo akkan barruu kana qopheessu kan na kakaase waayee Oromummaa fi Islaamummaa ilaalchisee haasa’a dhiyoo kana Obboo Jawaar Mohammediin godhame fi sana boodas barreeffamoota adda addaa marsaalee intarneetaarratti mul’atanii dha. Namootni dhimma tokko karaalee adda addaatiin hubachuun; ilaalcha adda addaa irratti qabaachuun; hiika adda addaas kennuun waanuma jiru dha. Haa ta’u malee, namootni yaada ofii yoo dhiyeessan beekaniis ta’ee otuu hin beekin wanti isaan dhiyeessan kun dhimma guddaa Oromoorratti, keessumaayuu qabsoo bilisummaa keenyaarratti miidhaa fiduu danda’a. Isa kana hubachuu dhabuun keenya rakkoolee hin yaadamneef nu saaxiluu danda’a. Yaada keenya yoo ibsannu bilchinaa fi ofeeggannoo cimaadhaan itti yaadnee dhiyeessuu qabna jechuu kooti. Yoo akkana hin taane, diinnillee qaawwa argatetti fayyadamee, tokkummaa ilmaan Oromoo laaffisuuf carraa argachuu danda’a jechuu dha.

Haasa’a Obboo Jawaar godhe Oromoo TV irratti daawwadheen ture. Akkan ofii kiyyaa hubadhetti, akka naaf galetti, haasawni inni godhe hammeenya waan qabu natti hin fakkaatu. Ani Obboo Jawaar ittisuuf otuu hin taane, akka inni dubbatetti, ifattis ta’ee dhoksaadhaan; alattis ta’ee mana keessatti, sochii musiliimaa fi QBO ilaalchisee gama addaa addaaatiin waan jedhamu ibsuu yaalee; achumaanis Oromummaa fi Islaamummaan wal gargaaran malee wal dura hin dhaabbatan waan jedhe natti fakkaata. Dhugaa dha, waayeen qabsoo bilisummaa fi amantii yoo ka’u tilmaama gara garaa keessa akka nama galchu beekamaa dha. Otuu danda’ame, amantii fi siyaasaa addaan baasnee ilaaluun gaarii natti fakkaata. Haa ta’u malee, bakkee tokko tokkorratti dhimmootni kun lamaan walirratti rarra’uun isaanii hin oolu. Kan Obboo Jawaar ibsuu yaales waayeedhuma kana natti fakkaata. Waan inni dubbate sana hundaa tokko tokkoon asitti dhiyeessuun barbaachisaa ta’uu batullee, akka inni jedhetti Oromummaa fi Islaamummaan waan addaan bayuu hin dandeenye; isaan kun lamaan takka waliin kufan takka waliin ka’an kan jedhu dha.

Obboo Jawaar waayee kana ibsuuf akka ragaatti seenaa dhiyeessee ture. Yaaliin inni godhe walumaagalatti akka namootni yaadanii fi/ykn diinni olola oofutti otuu hin taane dhugaan jiru sochiin musliimaa qabsoo bilisummaa Oromoo ni gargaara kan jedhu dha. Akkuma mata dureen haasawa sanaa ibsuttis, “Mormii Muslimoota Itoophiyaatifi Qabsoo Oromoo: Walfaalleessan Moo waliiff tumsan?” kan jedhu yoo ta’u, asirratti wanti hubatamuu qabu waayee tumsaa ti malee waayee dursa argachuu Islaamummaa ykn Oromoummaa natti hin fakkaatu. Akka yaada fi ilaalcha kiyyaatitti garuu, yaadni sabummaa dura amantiitu dhufa ykn amantiitu dursa jedhu dogoggora dha. Amantii fi eenyummaa walbira qaqbnee yoo ilaalle, eenyummaatu dursa. Oromummaan ammoo eenyummaa Oromoo ti kanaaf waa hundaa dursuu qaba. Amantii kamiiyyuu haa ta’u: Islaamas ta’ee kiristaana ykn waaqeffannaan Oromummaa (eenyummaa) booda dhufu. Amantiin kan dhuunfaa ti; Oromummaan kan waloo ti. Amantii qabnu ykn hordofnu yoo barbaadne yeroo feene jijjiiruu dandeenya. Eeenyummaa keenya garuu, jaalannus jibbinus, jijjiiruu hin dandeenyu.

Kan biraa, carraa kanaan wantin jechuu barbaadu, warri “sabummaa dura amantiitu dursa” jedhan, kun dogoggora guddaa akka ta’e hubachuu qabu. Sabni tokko yoo hin jiraatne, amantiin isaa jiraachuu hin danda’u. Sabni ykn uummatni tokko bilisummaa yoo hin qabaanne, amantiin isaaas bilisummaa qabaachuu hin danda’u. Bilisummaan sabaa bilisummaa amantii isaa mirkaneessa jechuu dha. Islaamummaa, kiristaanummaa fi waaqeffannaan hundi isaaniituu qaama (subset) Oromoo ti; Oromoon ykn Oromummaan garuu hunda kanaa hammataa (set) dha. Kan hundaa hammatu kun ammoo hunda dura dhufa; dursa argachuus qaba. Asirratti mormiin yoo jiraatellee, kun dhugaarraa fagaachuu ta’a. Akkuma Obboo Jawaar ibsuu yaale, otuu Oromoon dursee jiraachuu baatee, otuu Oromummaan dursuu baatee, kan isa booda dhufe Islaamummaan hin jiraatu jechuu dha. Karaa biraatiin yoo hubatamus, akkuma Jawaar jedhe, Islaamummaatu Oromummaatti dhufee, akka keessummaattillee ilaalamaa ture malee Oromummaan booda hin dhufne jechuu dha. Raabaa Dooriitu Islaamummaa ittise yoo jedhus, Oromummaan dursee jiraachuu fi humna cimaa qabaachaa akka ture agarsiisa.

Egaa, waayee sochii musilimaa fi QBO ilaalchisee waan Obboo Jawaar dubbate xumuruuf, sochiin musilimaa QBOtiif tumsa ta’uu danda’a jedheen yaada. Sochiin kun lamaan waan waldura dhaabbatan natti hin fakkaatu jechuu kooti. Sochiin musiliimaa yoo milkiidhaan xumurame, xinnaatullee QBOtiif karaa gaarii saaquu danda’a. QBOn galii hawwamu yoo gaye garuu, mirgi amantii kamiiyyuu akka kabajamu mamiin ykn shakkiin waan jiru natti hin fakkaatu. Olola karaalee adda addaatiin godhamu dhiisnee, waayee kana akkanatti hubachuun nagaa fi tasgabbii mooraa keenyaatiif murteessaa dha. Asirratti wanti ciminaan hubatamuu qabu, hammuma nuti waayee amantii fi QBO walittifidnee dubbannu; kanas ajandaa godhannu, diinaaf karaa baasuu ykn qaawwa uumuu akka dandeenyua dha. Har’a diinni fi alagaan, karaan isaan tokkummaa ilmaan Oromoo ittiin laaffisan hedduu waan ta’eef, kanarraa ofeeguun baay’ee murteessaa dha. Dubbii afaanii ykn harkaa walfuunee, micciirree hiika hin taane kennuun, rakkoolee jiranirratti rakkoo biraa dabaluun, qabsoo keenyas gara fulduraatti oofuu hin danda’u.

Karaa biraatiin ammoo, “…kan dursa argachuu qabu otuu jiruu maaliif dhimmoota biroorratti yeroo keenya fixna?” kan na jechisiise ammas barreeffamoota marsaalee intarneetaa irratti mul’atan tokko tokko dha. Kunis waayee maqaa Impaayara Itoophiyaa ti. Har’a nuti kan hubachuu qabnu, kan dursas argachuu qabu, qabsoo jalaqabame kana galii hawwamutti geessuuf; Wayyaanee nama-nyaataa kana barbadeessanii uummata Oromoo gabrummaa hamaa keessaa baasuu; Impaayarittii tanas sirna ishii wajjin hundeedhaan diiguurratti xiyyeeffachuu dha malee, waayee maqaatii miti. Maqaa ilaalchisee, Oromiyaa xinnoo ykn dhiphoos jennu, Oromiyaa guddoo ykn bal’oos jennu; akka dubbatamutti ykn barreessamutti maqaa Itoophiyaa tana jijjiirree Oromiyaa haa goonu jennus, kun amma barbaachisaa miti. Dura rakkoon jiru furmaata argachuu qaba. Rakkoo hatattamaatiifuu furmaatni otuu hin argamin achi fagaannee waan hin taane yaaduun ykn dubbachuun uummata afaanfaajjessuu natti fakkaata. Asirratti makmaaksa Habashaa tokkon yaadadha. Innis Afaan Amaaraatiin “Yammi labbas yeellaat, makkanaanab amaaraati” kan jedhu dha. Hiikni isaas Afaan keenyaan “Waan uffattuu hin qabduu, kan ittin ofmartu hawwiti” kan jedhu natti fakkaata.

Egaa, akkuman keeyyata duraa barreeffama kanaa keessatti tuttuqee dabre, rakkoolee hamaa fi gaafii bilbiltuu yeroo otuu qabnuu waan boru ta’uu danda’u ykn hin dandeenye har’a kaasnee afaanfaajjii uumuun ammaaf bu’aa waan qabu natti hin fakkaatu. Mee dhugaa haa dubbannu, waayee kana yoo kaasnu, Habashootumtuu nutti kofluu danda’u jennee yaadnee jirraa? Maqaa isaan har’a halkanii fi guyyaa kaasanii faarsaa jiran maqaa “Itoophiyaa” tana Oromiyaatti jijjiira jechuun dhiibboo hin ta’uu? Har’a Oromiyyaan dhiiga fi lafee ilmaan Oromootiin ijaaramate tunuu cicciramte dhiphachaa otuu jirtuu; tanaa bilisoomsuu dadhabnee; kan achi nurraa fagoo jiru yaaduun tapha natti fakkaata. Kun haala keessa jirru akka hubannuf malee, warra yaada akkanaa qaban xiqqeessuu fi tuffachuufii miti. Beekumsa fi dandeettii isaaniis gaafii keessa galchuu kiyyas miti. Wantin jechuu babaade, haala keessa jirru dagachuu hin qabnu; kan dursutu dursa jechuu kooti. Har’a wanti dursa argachuu qabu, akkamitti tokkummaa keenya cimsinee; humna Oromoo jabeessina kan jedhu dha. Yoo humna jabaa, cimaa fi abdachiisaa qabaanne qofa waan barbaadnu argachu dandeenya. Yoo kun hin jiraatne garuu, wanti hunduu abjuu ta’ee hafa.

Dhumarratti, wantin dubbistoota barreeffama kanaa beeksisuu barbaadu, haasawa Obboo Jawaar godhe keessatti qabxiileen qalbii kiyya harkisan tokko tokko waan jiraniif, isaan kana bali’inaan asitti dhiyeessuun ammoo waan barreeffama kana dheeressuuf, yeroo biraa itti deebi’uun barbaada. Keessumaayuu, wanti bakka adda addaatti jedhamu, “…amma yeroon tan islaamaa ti, tan musilimaa ti; waan Oromoo jettu tana ofirraa dhiisuu qabnaa…. qabsoon sabaa kuftee jirtii; ABOn kuftee jirtii…” kan jedhamu baay’ee diigaa fi yaaddessaa waan ta’eef, dhimma kana itti deebi’ee, kanarratti yaada koo ibsuun fedha. Hammasitti garuu dubbistoota barruu kiyyaattif gaafii cimaa tokko dhiyeessuun barbaada. Innis, “Qabsoon saba Oromoo dhuguma kuftee? ABOnis dhuguma kufee? kan jedhu dha. Gaafiin kun asitti salphaa haa fakkaatu malee, akka haala keenya gamaaggamnu kan nu taasisuu dha. Oromoon gaafii kana ofis walis gaafachuu qaba?

Galatoomaa!

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 17/06/2013, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s