Abbootiin keenya Bilisummaan dhiiga malee akka hin argamne hubatanii of laatan

By Getine Dinkayehu

Ani akkan hubadhutti, seenaan gabrummaa wal dhaalsiisuu kun dhaabbachuu kan dadhabeef, hanqina nuuti hubachuu dadhabne lama irraati natti fakkaata. Inni duraa waan habaabileen keenya Biyya walaboomte keessa isaan jiraachise san kan dhaallee nutti fakkaatu fi nu keessa jira jennu caalaa, waan diinni ittin nu cabsu qaama taasifachuu keenya hubachuu dhabuu yennaa ta’u, inni lammaaffaan, gootummaan habaabilee keenyaa innii haqaa nu keessa waan hin jirreefidha. Ni jenna malee, hojiin nu keessa hin jiru. Kun lameen sirritti nu keessa odoo jiraate, karaa dheeraa kana hin deemnu. Walis hin dhabnu. Walis hin danqinu.

Dhaalmaayaa seenaa wal irraa hin cinnee kana keessa, Ilmaan Oromoo addatti dhalooti har’aa waan of gaafachuu qabuutu jira. seenaan inni habaabilee isaa irraa dhufaa dabraan dhaale deebisuuf, tattaafachuun akka jirutti ta’ee, ani dhaloota itti aanuuf, Biyyaa fi Ummata gabrummaa keessa jiruun dhaalsiisamoo, Biyya Birmadummaan ishee kabachiifteen dhaalchisa? jedhanii of gaafachuu qaban. amma yoomitti Biyya gabrummaa fi seenaa gabrummaa dhaloota dhaalsiisaa jiraannaa? dhaalmaan akkasii yoom dhaabbata? eenyu irratti dhaabbata? maaf nu irratti akka dhaabbatuuf wareegama barbaachiftu kafallee seenaa haaraa, Biyya walboomte haaraa hin dhaalsiifnu? jedhanii of gaafachuu qofaa odoo hin taane, murteeffachuu qabu.

Habaabileen keenya akaakilee keenyaaf, Biyyaa fi ummata seenaa mataa isaa qabu dhiisanii dabran . akaakileen keenya ammoo, Biyya walabummaa qabdu dhaalee, Biyya gabrummaa jalaatti kufte Abbootii keenyaaf dhaalsise dabre . Abbootiin keenyaa fi dhalooti isaan harkaa fuudhes, waan Abbootii isaanii irraa dhaalan bakkatti deebisuuf qabsoo wal irraa hin cinne gaggeessaa haa jiraatan malee, seenaan waggaa 150 olii, gabrummaa waliif dabarsuudha. Qooqa, aadaa, dudhaa, seenaa gabrummaa jalatti sukkumamu walii dabarsaa har’a geenye jirra. Biyyaa fi Ummati kabajamaan kun garuu har’allee gabrummaa jala jira. Dhalooti har’as, imaanaa abbootii isaa fi akaakilee isaa bakkatti deebisuuf, lubbuu isaa bakka bu’aa hin qabne wareeguuf gama hundaan sochii taasisaa jira.

Qabsoon Oromoo adeemsa kanaatti jira miti? gaaffiin jedhu ka’uu ni mala. garuu akka amma jirruun odoo hin taane, wareegamni Bilisummaa keenyaaf nu barbaachisu salphaa akka hin taane hubatamee, dhalli Oromoo hundumtu bakka jirutti, gabrummaan ana irratti haa dhaabbatu! jedhee kutannoo seena qabeessa murteeffatee, gamtaan ykn tokkummaan diina irratti ka’uun ala furmaatii biro akka hin jirre, sagalee tokkon muteeffachuun murteessaa waan ta’eefidha. Diinni har’a nu dura dhaabbate jiru, kan afaan qawween qofaa nu dura dhaabbate odoo hin taane, baroota keessa eenyummaa fi maalummaa keenya dhabamsiisuuf kan deemu ta’u irraa, nuutis, diina kana dhaabuuf Qawwee baadhachuu qofaa osoo hin taane, sabummaan keenya akka dhabamuuf diinni waan nu irratti hojjatu maraa of irraa qolachuun barbaachisaa ta’uu nu feesisa.

Gama kaaniin, dhalooti jiru hundumtu amma yoomitti seenaa fi qaba ture jennee dubbanna? jechuun, waan furmaata jedhamee akeekame irratti xiyyeeffannee hojjachuun barbaachisaadha. Aadaan, seenaan, safuun, Afoolli, Maammaaksi kkf, kan abbootii fi akaakilee keenyaa kan dubbannu malee, dhalooti isaan booda jiru, dhaloota boriif maal kaa’ee jira? jennee of gaaffannee seenaa hojjachuuf ka’uun murteessaadha. Aadaa fi seenaa Ummata kanaan sadarkaa barnootaa addunyaan itti jirtu geenyeerra. Eebbifamnee mindaa fufurdaa arganneerra. garuu waan Ummati kabajamaan kun qabu bakkatti deebisuuf sochiin taasifnu hanqachuu irraa, Biyyuma gabroomte, seenaama gabrummaa dhaalsiisaa jirra. Kun yoom dhaabbata? eenyutu dhaaba? gaaffiilee jedhan ofitti fudhannee mooraa qabsoo jabeessinee salphina keessaa ba’uuf hojjachuun barbaachisaadha.

Sabni gabrummaa jala turee fi gabrummaa jibbe, wareegama barbaachisu kafalanii Bilisoomanii, dhaadannoo, gabrummaan nu irratti haa ga’u! jedhu dhugeessanii, dhaloota itti aanutti seenaa gabrummaa dhaalsisu irraa baraaramanii, Biyya Bilisoomte itti kennanii, seenaa haaraa dhaloota jiru ilaallatu hojjatanii dabran. kun gootummaadha. Nuutiwoo?seenaa gabrummaa dubbachuu qofa odoo hin taane, dhaabuuf hojiin haa mul’ifnu. Wareegama malee bilisummaan akka hin jirre dhaloota jiru barsiisuu qofaa odoo hin taane, wareegama ba’u sun firii akka argatuf irratti haa hojjannu. nama wareegamaan seenaa jijjiru ta’uuf of haa qopheessinu.

Dhaloota itti aanu seenaa gabrummaa odoo hin taane, ykn gabroomu itti himuu osoo hin taane, akka itti bilisoomu itti himnee fi waliin dhaabbannee, seenaa haaraa hojjannee, Biyya bilisoomte ijoollee keenyaa dhaalsiisuuf haa hojjannu. Oromoon akkas tureen dhaabbate, Oromoon akkasii jechuutti ce’uu qabna. Hojiin siyaasaa dhimma Oromoo ilaallatu irratti hojjatamu qofaa miti, waggoota 50n dhufaniif gaaffiin Oromoo dhaabbachuu akka hin dandeenye ifadha. Gootummaan abbootii keenyaa seenaa qofaa ta’ee himamu hin qabu. Nu keessas seenee hojjachuu qaba. Onnee seenaa fi gootummaa Ummata keenyaa dubbatu qofa odoo hin taane, kan itti seenee seenaa hojjatu fi dhaloota itti aanuuf seenaa haaraa dhaalsiisu ta’uuf dirqama lammummaa haa gumaachinu.

Seenaan Oromiyaa fi Oromoo seenaa addunyaa keessatti akka hin haqamnetti katabameedha. Waggoota 22 dura seenaan Oromiyaa fi Oromoo beeksiisuu wareegama kafalameen lafa qabatee jira. Amma irra deebinee kan dubbannu hin jiru. Akka haaraattis wanni dhalootaaf himnu hin jiru. Biyyaa fi Ummata wareegamaan beekame kanatti iggitii gochuuf, marxifatanii hojjachuu qofaatu nurraa eegama. Seenaan Abbootii keenyaa har’a akka haaraatti dhaloota kanatti himnu kan jiru hin fakkaatu. Waan waltajjiif qofaa itti fayyadamnus miti. Seenaa saba kanaa bakkatti deebisuuf socha’uu qofaatu nurraa eegama. Seenaa dubbachuuf yoo ta’e, jala deemtoonni wayyaanee iyyuu guyyu lallaban.

Amma Bilisummaa Ummata kanaa kabachiisanii dhaloota itti aanu daandii mataa isaa irra akka imalu taasisuuf, hojii qabatamaatu barbaachisa. Dhaloota of gurmeessee lubbuu isaa diina duratti of kennaa jiru kana dhaqqabnee, akka wareegamni isaa firii malee hin hafneef cinaa isaa hiriiru qofaatu, seenaa durii qofaa haasa’aa akka hin hafne nu taasisa. Kana jechuun, seenaa dabre kaasuun hin barbaachisu odoo hin taane, seenaa haaraa galmeesisuutti haa fulleeffanuu jechuufidha. Dhalooti sadii seenaa wal fakkaataa hojjatee dabreera. Gabrummaa wal dhaalsisuu. Dhaloota amma jiru ammo seenaa haaraa hojiin argamu danda’u, harka keenya keessa jiru, hojitti jijjiiruuf haa hojjannu.carraan hegaree keenyaa nu harka jiraachuu eenyullee ragaaf hin waammannu.

Qabsoon walii galaa Oromoon bakka jiru maratti gaggeeffachuu danda’u baafannee tarkaanfachuun barbaachisaadha. Addunyaa kana irratti wanni diinaaf dhiifne teenye ilaallu tokkollee jiraachuu hin qabu. Bilisummaa barbaanna taanaan, Bilisummaan akka itti argamu danda’u  irratti hojjachuutu qoricha. Bilisummaan, Ummata Bilisummaa qabaachaa ture jennee waan dubbanneef jijjiiramu hin danda’u. akka gootoonni keenya, waggoota 150 oliif lubbuu isaanii bakka bu’aa hin qabne akkuma kafalanii dabran nuutis, murtee akkasiin of kakaasu qabna. Seenaan wal fakkaataan yeroo daddabalamu, umama keenya irraa rakkoo qabnaa? jechuutti nu geessa malee, furmaata biro nu argamsiisuu hin danda’u.seenaan gootummaa abbootii keenya maaliif yeroo keenyatti hankaake hafa?

Dhuguma Oromummaa habaabilee keenyaa dhaallerraa? aadaa, qooqa, safuu dhaalle ykn dhaloota itti aanutti dabree jennawoo, waan dhaalle kun waan nurraa eegu maaf hin gumaachinu? Oromummaa dhaallee ittin boonaa jirra yoo ta’e, Gootummaa Oromummaa kabachiisu maaf hin dhaalle? Gootummaan abbootii keenya dhugumatti nu keessa jiraa? yoo jiraate, diina golatti nu seene huunee waliin kan hin duuneef maali? mallattoon gootummaa kanawoo? ijoollee ofii mana hidhaa keessaa reeffa guuruun gootummaa ta’u hin danda’u. salphina malee.

Dhalli Oromoo hundumtu seenaa gabrummaa fi Biyya gabrummaa jala jirtu hin dhaalsifnu jedhee bakka jirutti socha’uu qaba. Seenaa keenya keessatti akaakilee keenya gootummaan kan dhaadheessinu ta’uun qofti bu’aa hin qabu. Nuuti akka isaanii ta’uu hafuun keenya, hanqina ykn qaawwaa seenaa uumaa jiraachuu keenya beeku nu barbaachisa. Gootummaan sun maaf akaakilee keenya qofa irratti dhaabbata? maaf natti hin ceene? dhiiga hankaakeen dhaladhee? jedhanii of gafachuun dansaadha.

Abbootiin keenya, gabrummaa dhaabuuf wareegaman malee, seenaa gabrummaa dubbachuuf hin wareegamne. Warri har’a cichoominaan itii jiranis kanuma. Kanaaf, seenaa gootummaa abbootii keenyaa bakkatti deebisuuf haa hojjannu. gootummaan saba keenyaa nu irra ga’ee maaliif dhaabbate? mammaaksaa fi afolli akaakilee keenyaa qofaa dubbachuun dhaabbatee, dhalooti har’as mammaaksa bara kana keessaa uumee dhalota boriif dabarsuu qaba. Dandeettin isaanii sun  maaf nutti hin ceene? maaf seenaa isaanii qofaa kan dubbannu taane hafne? hundu of gaafate gaaffii seenaa jalaa of baasuuf haa hojjatu.

Abbootiin keenya Bilisummaan dhiiga malee akka hin argamne hubatanii of laatan. Nuutiwoo? mammaaksa isaanii fi dhaadannoo isaanii qofaa katabnee ykn dubbannee Bilisummaa argachuu dandeenyaa? kun mataan isaa seenaa hanqina qalbii keessatti galmaa’a. kanaaf Bilisummaa qofa dubbanne eessallee akka hin geenye hubannee, Bilisummaan waan nu gaaffattu keessaa amma tokko gumaachuuf haa murannu. Seenaa haaraa haa hojjannu. amma yoomitti abbootiin keenya jennee hafna? seenaan qabsoo Oromoo gootummaan beekamu, gootummaan isaa dhaloota kanaan mirkanaa’ee Biyya walaboomtee fi ummata bilisoome dhaloota haaraa haa dhaalsifnu.dhalootii kun seenaa haaraaf haa socha’u. Biyyoonni ykn saboonni seenaa isaanii waggoota 400 fi 150 deeffatanii nu irratti dhaadachaa fi burraaqaa jiran. Nuuti woo? isaan seenaa abbootii isaanii dubbachuun qofa  hin hafne. hojiin argisiisanii, seenaa abbootii isaanii gabrummaa nu irratti gadi jabeessan. Nuutiwoo? gabroomu qofaaf umamne? moo abbooti keenyatti ba’uu dhabnee, gabrummaa of irratti kunuunsina? gootummaan isaanii, maaf bara keenya hankaake? of haa gaafannu.

Advertisements

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 09/10/2013, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s