Baqattota Oromoo biyya amba kessatti darama jiran bira dhaabbachuu dirqama oromo maraati!

By Getinet Dinkayehu

Akkuma beekamu yeroo ammaa gochaan sukkannessaa motummaan saudi baqatotaa biyyaa itopiyaa    irrattii gaggessa jiru waan addunyaa hunda gaddisisaa jiruu ta’uun ni bekama.baqattotaa kana kessaa bay’een isaani ilmaan oromo ta’us qubaa ni qabnaa.sabaabni hedduun oromoon itti biyyaa baqatee biyya Saudi Arabiyatii gidiraa argaa jiruus akkaa yeeroo ammaa median wayyanee fi ilmaan habashotaa sabaaba jirenya foyaa’aa barbaachuu jedhani hololaa jiran osoo hin tanee,akkuma oromoota lakkofsaan hedduu ta’anii biyyota olla fi biyyota  biroo kessatti saba ilalcha siyasa isani irran kan ka’ee wayyaneen jirenya dhowwite gidiraan heddun itti hammaannaan  sodaa lubbu isaaniif biyya irra gara biyyota Olla akka Jibuutii,somaalee fi sudaanitti baqatanii isaan boda kara adda addaatin biyya Saudi seenuun  jireenyaa sukkanessa fi jirenya sodaan gutamen biyya ambaa Saudi  kessa kan jirachaa jiran dha.

 

Ilmaan oromoo biyya isaanii kessattii sababa rakkoo ilaalcha siyaasaa qaban irran kan ka’e  ogummaa qabaniin hojiitti bobba’anii of gargaaruuf maatii isaanii gargaaranii akkuma ilmoon namaa tookko jirattutti jirenyaa gaariif nagaa qabuu  akka hin jiraannef asinis achinis motummaan wayyaanee gufuu itti ta’ee jirachuun bekkama dha. Oromoon harka dhibba kessa 95 ol sababni guddaan ittin  biyya jallatan irra ba’ani gidiraa heddu  biyyota ambaa kessatti argaa jiraanif jireenyaa adda ta’ee jirachuuf filatanii osoo hin taanee sababa sodaa lubbuu isaaniif sirna ajjesaa wayyaanee jala jiraachuu hin dandenyeef qofa kan baqatani ba’ani dha.

Torban darbaan kessaas warren reebichaafi samicha ummata biyya arabaatiin irraa ga’ee irraan kan ka’ee osoo hin jaallatin dirqamaan gara biyyaatti kan deebi’aan kessaa ilmaan oromoo warren ta’an wayyaneen calalamani deggertota ABO dha jechuun akkaa ija adda ta’een ilalamu qabanfi namota kana duka bu’uu akka qaban  kadirota wayyaneef dirqamni itti kennamu isaa misensotni wayyanee ifa baasani jiru.

Ilmaan oromoo ogummaaa qabaniin hojittii bobba’anii nagaan hojjetanii jiraachuuf yoo hin dandenyee,saba ilalcha siyaasa qaban irran kan ka’e carraa hojii argachuus yoo hin qabaanne ,hojii mataa isaanii umanii hojjechufis yoo hin dandenyee,lafti isaan qaban irra buqqisuun wayyaneen gaaffi tokko malee irra fudhamee abba qabenyaa habashotaaf kan biyya alaatti  yoo hiramu ,gaffii kaasaniif debiin isanii mana hidhaafi ajjechaa yoo ta’uu,ilaalcha siyaasa itti amanan qabaatani jirachuus yoo hin dandenyee,biyya dhalatani guddatan kessa akka hin jiraanne akkuma bineensaatti qawween yeroo adamsamani,biyyaarra baqataniis biyyaa amabaa kessatti nagaan jirachuu yoo hin dandenye,addunyaa kana irraa essa dhaqanii ha jiraataniree? waan nama ajaa’ibu kessaa yeroo amma finfinnee dabalatee magalota gurguddoo oromiya kessa ummatnii habashafi tigrotaa heddumminaan qubacha fi qabenyaa hedduu horachaa bakka jiranitti Ilmaan oromoo magalota oromiya irra sababota adda addaan dirqamaan akka godananfi biyya gadhisanii akka biyya ambaa kessatti dararaman  tasisaama jiraachuun hojii wayyaneen biyya oromoo gutumma gututti dhunfachuuf gochaa jirtuu ta’un waan hubatamu qabu dha . yeroo amma magaalota oromiya kessatti ijaarsaa manafii fooqii adda addaa kan ijaaraa jiruu hedduminaan ummata habasha fi tigrota dha,afaan hedduminaan dubbatama jiruus afaan oromoo osoo hin taane afaan  habashotaa akka ta’ee heddun kenyaa waan ifatti argaa  jirru dha,lafa oromoo kessaattii maannen barumsaa afaan amharaan banamee jiru lakkosaan heddu ta’ee jira. akka wali galaattii wayyaaneen ilmaan oromoo dirqamaan akka biyya isaanii gadi lakkisanii baqatan sababa adda addaa itti funaanaa biyya oromoo ammoo ummata habashaaf tigree itti naquun hojii wayyaaneen fulduratti oromoo biyya dhabsisuu dhaf irraatti hejjechaa jirtu ta’uun waan dagatamuu hin qabne dha . Motummaan wayyanee har’as ummata oromoo godaa hangaa gubbaattii siyaasa isaa akka deggeran YKN miseensaa akka ta’uu qaban dirqisisaa jira .warren didan garuu jireenya  akka hin jiraanne ifatti rakko irraan ga’aa jira.Dirqisisuu irra darbee warreen miseensa ta’uu didaniif warren ilalacha siyaasa wayyanee mormaan sababa adda addaa itti barbaaduun ABO dha jedhee mana hidhatti tortorsaa jira.warreen kaan ammoo sababa adda adda itti barbaaduun gufuu itti ta’uun hojii isanii irraa akkaa dhaabbatan fi carraa hojii biyyitti kessattii akka hin arganne taasisuun abdii murannaadhaan biyyaa isanii irraa gadhisanii godaansaa akka filataan dirqamsisa jira.Warreen dirqamaan godansa filataan kun egaa bakka godaansaattii kessattu biyyota Olla fi biyya akka Saudi Arabiyatti dararamni hedduun akka irra ga’uu danda’uu utuu hubatanii maaliif  godanuu jenne gaffii waan kasnu miti.Sababni isaas harkaa motumma wayyaneen du’uu irra jedhanii carraa biroo waan dhabaniifi yoon du’es yoon jiradhess carraa kiyya yaluun qabaa jechuun murtee ofirratti murtessuun godaansaa filatanii waan demaniif. Hala kanaan lammiwwan Oromoo hedduun yeroo dhihoo kessaa biyya isaniin gadhisanii bakkaa godaananitti rakkoon sukkannessa kana hin jedhamnee irraa ga’aa yeroo jirutti,ajjefamaa,rebamaa,mana hidhaatti ugguramaa yeroo jiran kanatti qaamni bira dhabbate falmuuf tasa dhabamun isaa waan bayyeee nama gaddisuufi haamilee ilmaan oromoota hedduu kan tuqu ta’ee jira.Akkuuma yeroo ammaa kana argaa jirruttis Motummaan wayyanee sababa siyaasa mata isaaf jecha godantota kana akka lammitti ilaalee qaama rakkoo sukkanessa kana hin jedhamne irraan gessisaa jiruu balaleffachuu dhisuu irra darbee bakka godananii jiraan kanattii qaamaa rakkoo irran ga’aa jiruu waliin tahee isan deggeruun daranuu lammiwwan kenyaa rakko sukkannessa adda addaaf akka saxilaman tasisuun isaa dinumma hangaam akka nuuf qaban nutti agarsisaa .Haa ta’u malee garuu gochaan wayyanee kun waan nama dinqisisuus miti sababin isaas gochaa sukkanessa hedduu waggota 21 darbaan kessattii  ilaam oromoorrattis ta’ee sabota cunqurfamo biraaratti gaggessa turaan waan argaa turre dha .kanaaf Motummaan ajjesaa wayyanee dhimma siyasa isaa irra darbee lubbuu ilmoo namaaf lubbu lammiwan isaaf ni yada jedhanii yaaduun gowwumma dha.

 

Dabalataan ammoo wayyannetti dabalamee Oromoon dina malee fira tokkolle akka hin qabnee media habshotaa irras hubachaa jirra.maqaan oromoo gafaa ka’u kan mataa isaan dhukkubufi kan  iji dhiga uffatu heddu ta’ee jira. oromoon qofatti ba’ee sagalee isaa addunyatti maalif dhagessisaa jedhanii dhugaa jiru dhoksuun akkuma abbotii isaanii afaan ilmaan oromoo ukkamsuuf hamilee kenya cabsuuf dulli karaa ilmaan Nafxanyotaa kessattu (ESAT fi saroota G7) tiin nurratti banamee jiru cimaa demee jira .Ha ta’uu malee garuu kunille daranuu waan haamilee fi tokkumma  oromoo jabessu malee kan laaffisuu waan hin taaneef duddubattii otoo hin jedhiin oromoon tokkummaan dhaabbachuun dinotatti karaa cufuun barbaachisaa dha. Ilmaan Oromoo bakka godaansaatti rakko heddu jala jiran kanaaf kan addunyaatti iyyee sagalee isaanii dhagessisufi qabuu  ilmaan oromoo  qofa malee qaama kan bira abdannu hin jiru.Furmaatni fuldurattis ilmaan oromoo gabrummafi dararama kana jalaa basuu danda’u motummaa ajjesaa kana irraa callisanii taa’ani waan biraa foyya’aa eguu osoo hin taanee yeroo kamiyyuu caalaa sagalee tokkumma fi  qabsoo cimaa  barbaachisa.

 

Biyyii Akka Saudi Arabiya seraa Addunyatiin bula jettuu oromoos dabalatee lammiwwan kamirrattiyyu yoo ta’ee gochaaa rawaatamuu hin qabnee raawwachuun ishee dhugumattuu biyya mirgii ilmoo nama kessatti kabajamuu hin dandenyee ta’u addunyaatti agarsisee jira .Namni kamiyyuu seraan alaa ille  yoo ta’ee sababa mataa isaa  kan  ittiin dirqamee biyya isaa gadhisee ba’eefi ni qaba,sababa dinagdee fi jirenya foyya’aa ta’uu danda’aa kallattidhanis ta’ee al-kallattidhaan sababa siyasaa ta’uu ni mala. Kanaaf biyyi kamiiyyuu kan seera addunyatiin bulaa jettee mallatteessite tokko godantota kanaa sababa isaan itti biyya isaanii gadi lakkisanii godanuuf dirqaman addaa baafachuun rakko isanii hubachuun dirqama isanii ture.Godantotni kun seraan ala waan ta’niif  biyya kenyaa ba’uu qabu jedhanii yoo murtessanille halaa  ilmoo namaa tokkoof maluun biyya isanii akka gad lakkisee ba’uu gochuun fi warreen rakko siyaasaa qabaan ammoo hala itti gaffi hirkattuummaa argatan mijjessufiin dirqama biyya seraa Adunyatinin bula jettu tokko ta’uu qaba ture.  Gidduu darbe hiriyotakoo warren Oromoo ta’ani biyya saud arabiyaa  kessa jiraachaa  jiraan kara emailtin qunnamee akkan hubadhettii heddumminni oromoota biyya Saudi kessa jiraan rakkoo siyaasaa fi hiraramaa motummaan wayyanee irraa gessiserraan kan ka’ee baqatanii karaa adda aadaatiin galanaa fi gammojji kessa lubbuu isaanii wareganii beelaaf dheebuu kanaa hin jedhamnen jala darbuun hanga fincaan isaanii dhuguttille ga’ani hiriyota isaani heddu ammo du’aan of biraa dhabuun kan achi ga’an ta’uu fi achittis rakkoo sukkanessaa kana hin jedhamee hin tilmaamamnef saxilamaa kan jiran ta’u na hubachisaniruu.Haaluma kanan yeroo ammaas sodaa kanarraan kan ka’ee ilmaan oromoo heddun of dhoksanii rakkoo heddu jalaa akka jiraan ibsaaniru.akka odeffannon jiruttis oromotni torban darbe biyyatti humnaan galan kessas tokko tokko wayyaanotan  kessa kessaa filatamani fudhamani gara hin beekamne akka gessama jirani dha.dabalataan odeffannoon hiriyotakoo kana irraa akkan argadhettiis ilmaan Oromoo heddun motummaa ajjessa Saudi Arabiya fi ummataa ajjestuu saudi Arabiyaatiin kan ajjefaaman,kan abdii kutanna fi aridhaan of fannisani lubbu isaani dhaban,kan mana hidhaa kessattii rebamaa jiraan ,dhiraafi dubartiin Oromoo kan mana hidhaa kessatti gudedamaa jiranille heddu akkaa ta’ani fi kan midiatti gadi hin banee ba’yeen akka jiruu haala sammu nama tuquun naaf ibsaniru.Egaa kana nutii ilmaan oromoo kan biyya kessafi biyyaa alaa jirru maal jennaa? Maalii mallisaa akkamiin obbolota kenya bira dhaabbannaa lubbu isaani baraaruu dandenyaa?

 

Ummatni oromoo ummata nagaafi bilisummaan jirachuu qofa fedhuufi ummata lafaa ka’ee nama hin tuqnee fi ummata hojii qofa jaallatuu ta’ee otoo jiruu garuu rakkoo wayyaneefi motummota biyya ambatiin nurra ga’aa jiruu irran kan ka’e Ilmaan oromoo yeeroo kamiyyuu caalaa ummata biyya isaa kessattis ta’ee biyya ambaa kessattille nagaan jiraachuu kan hin dandenyeefi ummataa dararamni kallatti hundaan irratti dagaagaa jiruu ta’un isaa waan nama gaddisisufi abdi nama murachisu ta’aa jira.

 

Motummaan wayyanee dula biyyaa kessatti ilmaan oromoo irratti banee jirutti dabalalee bakka baqaattille wajjin ce’uun basaastota itti ergee hiraarsaa heddu nurratti gaggessun isaa hangaam garaa jabumma oromorratti akka qabuu nutti ibsa.ilmaan oromoo maatii fi ijollee isanii dirree irrattii gatanii osoo baqatanillee heddun isaanii galaanaa fi warabessaan nyatamani jiruu,shamarraan oromoo heddun jirenya sukkannessaa biyyaa Olla fi biyyoota Araba dura dhaabbachuu(resist gochuu) dadhabudhaan sammu isaani dhabuun huccuu isaanii gatanii maraachuun qullaa isaanii biyya araba kessa yero figaan media irrattii kan argee bay’ee kenya.yeroo dhihotti Lebanon kessatti  obolettii kenyaa Alam Dachaasaa irraatti gochaa sukkanessa ga’efii lubbu ishee haala sukkanessan akka darbu kan taasisee ille seenaa sammuu ilmaan oromoo kessa yomiyyu hin baane dha kan dhohoo kana argine dha .Ilmaan oromoo heduun yeroo amma  biyyaa Saudi dabalatee biyyota Olla Keniya,somalee,Jibuti fi biyyota biroo kessaa jiraan irratti gochaan badaa ilmoo namaaf hin mallee iratti raawwatamaa jiru kana kan jedhane hin tilmamamne ta’uu irra darbee rakkoo kana  jalaa kan isaan baraaruu danda’uu qaamaa itti iyyannoo isaanii dhiheffattanii dhageetti irraa argatan kan hin qabaane ta’uun daranuu waan abdi nama murachisuu ta’aa jira. Dabalatan Ergamtotni wayyanee biyya Saudi kessa jiran Bondi wayyaneen maqaa abbayin gurguraa turtee fi Misoomaa biyyaaf qarshii fidaa jette yeroo gaafattu kan harkaa hin fudhanne waan ta’aniif dorsisni adda adda basaastotaa wayyaaneen irra ga’aa kan tureefi akka dinaatti waan ilaalamaniif rakkoo dabalataa  guddaa jala jiru.akkuma bakka hundatti bekamus Ergaamtotni fi basastotnii  wayyanee bay’inaan Tigrota ta’aan Visa wayyaneen keennisisteen biyyota Arabaa ,biyyota olla,Awuropa fi America kessa kan jiraatanifi kan hojii basasummaa wayyanee hojjetaan waan jiraniif sochiifi enyummaa baqattota oromoo yeroo yeroon hordofuun Embasi wayyaaneef gabaasaa dhihessaa akka turanif ammas akkaa irra jiraan bekkama dha.akka namota oromoo tokko tokkorra dhagahamettis biyyota akka saudifi biyyota ollaa kessattis  ergamtootni wayyanee kun hojiin isaani basasuu qofalle osoo hin tanee garee umudhaan meshaa addaa addaa kan akka Cubee fi gajaraa fayyadamuun haala irratti hin beekamneen  ilmaan oromoo bakkaa adda addatti akka ajjeesaa turani  dha.Kanaaf Biyyaa Saud Arabiya kessattii karaa motummaa biyyota kanaafi ummattota isaanitiin ilmaan Oromoo kessattuu rakko siyaasaa qabaan irra gochii sukkanessaa Rebicha, Hidhaa fi ajjeechaa irra ga’aa turee fi ammas irra ga’aa jiru akka daranuu caalatti cima demuu akkasumas dhagettii akka hin aganne fi qamnii rakko irran ga’aa jiruu akka itti hin gaafatamne dawoo  kan tasisaa jiru motummaa wayyane dha. Kanaaf biyya  amba kana kessatti rakkoon heddun utuu irra ga’aa jiru garuu qaamaa bira demmani dhibee isaanii himatan waan hin qabaanneef yeroo amma mirgaa tokkolle dhabanii gidiraan jiraachaa jiru

 

Sababni wayyaneen biyya amba kessatti motummota biyyota kanaa waliin ta’ee basaastota isaas duka busee ilman oromoo irratti rakko adda adda gessisaa jirus bekama dha. Ajjefamuu,hidhamuu,qaama hira’chuu,abdii jirenyaa murachuun ilmaan oromootaa siyasa gabroomfataa kan wayyaneen biyya kessatti gaggessaa jiruu waan jabessaa demu ta’uu fi akkasumas  qabsoo Oromoo karaa adda addan fininaa jiruu dadhabsisuf hala mija’aa wayyaneef kan umuu akka ta’ee hundi kenya waan hubachuu dandenyu  dha.Dhugaan lafa jiruu kana osoo ta’ee jiruu  garuu yeroo amma motummaan wayyanee carraa amma banamee kana fayyadamuun bu’uu siyasa ishee dabalachuuf akka waan Baqattota hundaa gargaraa jirtuu fakkessun holola sobaa Kara ETVtiin ofaa jirachuun waanuma guyya guyyan dhagaha jirru dha .Yeroo amma Oromotni hedduun biyya saudi kessa jiraan  rakkoo siyaasaa akka qabaan  bakka ibsaa jiranitti hololli amma motummaa wayyaneen gaggefama jiruu fi karaa Motumma Sauditiin ammoo namoota rakkoo siyasaa qabaan adda basuu dhisuun walummatti qabanii diinota isaanitti dabarsanii kennun kuni waan callisamee akkanumatti ilaalamuu ta’uu hin qabuu.Dhimmi kun yoo callisamee ilalamee fuldurattii qabsoo oromoo irrattis ta’ee hamilee qabsaa’ota oromoo hunda irrattii rakkoo cimaa fiduun isaa waan nama shakkisisu hin ta’u.warreen amma biyyatti galani wayyaneen biyya kessattii ABO dha jettee rakkoo irraan ga’uu dema jirtuus duka bunee hordofuun saaxiluun hunda Kenya irraa waan egamu qabu dha.

 

Kanaaf egaa Qabsa’otni fi hawasni oromoo biyyota ambaa addaa addaa kessa jirachaa jirruu fi dhabotni oromoo hundi wamichaa waliif dabarsuun bakka jirru hundattii hiriraa nagaa taasisuun Gochaa sukkanessan baqattota oromoo irra ga’aa  jiruu akka dhaabbatu cimsinee balaleffachufi ilmaan oromoo rakkoo siyasaa qabaanif addunyaan gurra akka laatu dhagessisuufi haala kara UNHCRtin galmaa’ani  biyya sadaffatti qubataniif iyyanno dhagessisuun waan hatattamaan nurraa egamu dha. Dhumarratti ummatni oromoo martii mirgaa isaa gongachuf bakka jiruu hundattii xiyyeffannoo kennee akka socho’ufii qabsoo irra egamu  hunda tasisuun sirna wayyanee  kana ofirra Garagalchuuf akka waliin dhabbatu dhamsakoon dabarsa.

 

VICTORY FOR OROMO PEOPLE!

getinetdinkayehu@gmail.com

Advertisements

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 22/11/2013, in Uncategorized. Bookmark the permalink. 2 Comments.

  1. Dhugaan Jiru kana galatomi Getinet nuti yeroo Amma rakkoo kana hin jedhamne jala jirra yoo biyyatti deebinee galle wayyaneen nu fixuun ishee waan hin olledha kanaaf yeroo Amma dholanne jirra adaraa ilmaan oromoo biyyota adda adda kessa jirtan addunyatti nuu iyyadhaa galatni kessan bilisummaa dha

  2. Galatomi obolessoo barreffama garifi hundi oromoo kan dubbisuu qabuu dha.oromoo biyya ormaatti dhumaa jira ilman habashaa biyya kenya qircachaa jira mali malli maliif calluma jenne tenyaa? Kun qaanidha ummata mikiyona 40 ol taanee yeroo ummata xiqishuu kanan ajefamafi biyyarra ari’ma jirannu .qabsoon waregama barbaaddi egaa jabannee waregama kaffalu qabnu hunda kaffalun oromoofi oromiya gabrumma irraa ha dhabnu.ka’i qeerro

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s