Bulchiinsi Yuuniversitii Adaamaa Barattoota Oromoo Dabarsee Akka Kennu Ajaji Wayyaanee Irraa Itti Kenname. Gaaffiin Barattootaas Sodaa Tookkoon Malee Itti Fufe!

Caamsaa 15, 2014 Gabaasa Adaamaa – Guyyaa irraa gara guyyaatti barattootni mana barumsaa garagaraa fi koollejjii akkasuma Yuuniversitiwaan keessatti dabarfamanii harka diinatti kennamuudhaan hidhamaa jiru,kun guyyuu kan itti fufaa jiruudha. FDG Ebla 2014 Oromiyaan bakka hundaatti wal qabatee itti fufuun isaa waan mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa alcheef jecha barattoota Oromoo sabboonoo tahan tikoota Wayyaaneen adamfamanii qabaman illee gaaffiin mirgaa daran jabaachuun itti fufe.

Har’a Caamsaa 15/2014 waaree booda mootummaan Wayyaanee Yuuniversitii Adaamaa keessaa barattooti Oromoo 15 ol akka barbaadamaa jiran beeksisa baasuun akka hordofamanii dhiyaatan bulchaan Yuuniversitii kanaa beeksisa baasee ture haala kanaan har’a barattootni 6 harka loltoota badii tokkoon malee loltoota Wayyaaneen qabaman.

1. Adam Goobaanaa-barataa waggaa 2ffaa
2. Eebbisaa Daallee
3. Liiban Tarreessaa
4. Walabummaa Dabalee
5. Booddanaa-barataa waggaa 5ffaa
6. Ganamoo Kurkee

Kanneen jedhaman yeroo tahu, hidhamuun ajjeefamuun barattoota Oromoo daran dachaan qabsoo keenya dabala malee duubatti nu deebisuu hin dandayu kan jedhu Qeerroon Yuuniversitii Adaamaa waraqaalee warraaqsaa galagala kana mooraa Yuuniversitii bakkoota adda addaatti facaasaa fi maxxansaa turaniiru.

About GETINET DINKAYEHU

Unity of Oromo Struggle is a priority The Oromo want dignity, self-expression, and self-governance. The Oromo want their voices to be heard. The Oromo want sovereignty They want to live together at peace with their neighbors, who themselves also live in freedom exercising their own sovereignty.The struggle for independence will continue until the Oromo question gets proper and just response. A well organized liberation struggle and the spirit of Oromummaa will save the nation’s unity and identity from later day detractors. Long Live Free Oromiyaa!!Down with Colonial forces and their lackeys!!

Posted on 17/05/2014, in Uncategorized. Bookmark the permalink. Leave a comment.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s