Mammaaksa Oromo

By Getinet Dinkayehu

Afaan Hamii Bare Utubaatti hasaasa !

Namichi Guyyaa Bofa arge halkan Gaaddidduu isaa dheesse!

Waan Dabruuf maqaa hin dabarre hin fuudhan !

Hin barihu Seetee Gorduubatti hadde !

Anatu Caalaan Ciinciraa haaduu afaan buute !

Gubattee hin beektuu ibiddatti gamti !

Laftis bahii jette jaartiin faeda irraa kuftee !

Jaartiin Bara Buttaa Duudde hoo Luboo Jechaa hafti !

Akka Durii fi Harka xuriitti hin hafan !

Ani hoo duruu gubattuu dha jette beddeen mana keessa gubattee !

Keessa namaa hin beektuu keessa qabattee namaa kenniti !

Sangaan bara qote hedata !

Waan uffattu hin qabduu aguuggattee haddi  !

Karaan Sobaan dabran galatti nama dhiba!

Hantuuti haadha jalatti gumbii uraa barti !

Namni dhukkubsataa manaa qabu du’a gahii namaa hin oolu !

Hojiin Waaqayyoo fi kolfi saree hin beekamu !

Haadhaa fi adurree hin dhaanan !

Warri guddaan aduurree wasaasaa baata !

Adurreen keessi bineensa !

Maraatuu keessi gamna !

Waaqayyo beekee bofa miila dhowwate !

Waan Waaqni qocaaf kaa’e illeettiin hin fudhattu!

Foon lafa jiru allaattiin muka irraa wal lolti !

Waraabessii biyya namni isa hin beekne dhaqee itillee naa hafaa jedhe !

Manni of – jajjuu karaa dura

Bor hin bekneen qoda- bukeen ishee lama!

Kan of jaju hin dogoggoru !

Haati mimmixaa kanuma kootu guba jetti !

Ija jabeessa irraa sirbi hin fokkisu !

Duulli amma oduu hin gahu !

Iyyaniif dhalcha hin ta’u jedhe korbeessi hoolaa korbeessa re’eetiin !

Mana aanu malee mana aaru bira hin dabran !

Ollaa fi Waaqatti gadi bahu !

Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka !

Itti qabataaf cidhi ollaa jira !

Garbittii lubbuuf fiigdu ollaan qophee dha jedha !

Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti jedhan!

bba hin qabdu akaakyuuf boochi

Abbaa iyyu malee ollaan namaa hin birmatu

Abbaan damma nyaateef ilma hafaan hin mi’aaw

Abbaatu of mara jedhe bofti hantuuta liqimse

Abjuun bara beelaa buddeena abjoota

Addaggeen hamma lafa irra ejjettu nama irra ejjetti

Afaan dubbii bare bulluqa alanfata

Afaan gaariin afaa gaarii caala

Afaanii bahee gooftaa namaa ta’a

Akka madaa qubaa, yaadni garaa guba

Akka abalun sirbaan boquu nama jallisa

Akkuma cabannitti okkoluAkukkuun yeroo argate dhakaa cabsa

Alanfadhuuti gara fira keetti garagalii liqimsi

ama of komatu namni hin komatuAmartiin namaa hin taane quba namaa hin uriin

Ana haa nyaatuun beela hin baasu

Ani hin hanbifne, ati hin qalbifnearrabni lafee hin qabdu lafee nama cabsiti

Asiin dhihoon karaa nama busha

Bakkka oolan irra bakka bulan wayya

Bakka kufte osoo hin taane, bakka mucucaatte bari

Balaliitee balaliite allaattiin lafa hin hanqattu

Bara dhibee bishaan muka namatti yaaba

Bara fuggisoo harreen gara mana, sareen gara margaa

Barri gangalata fardaati

Beekaan namaa afaan cufata malee hulaa hin cufatu

Biddeena nama quubsu eelee irratti beeku

Billaachi otoo ofii hin uffatiin dhakaatti uffisti

Bishaan gu’a gahe nama hin nyaatiin, namni du’a gahe si hin abaariin

Bishaan maaltu goosa jennaan waan achi keessa jiru gaafadhu jedhe

Bishingaan otoo gubattuu kofalti

Boru hin beekneen qad-bukoon ishee lama

Boftii fi raachi hanga ganni darbutti wal faana jiraattu

Bulbuluma bulbuli hangan dhugu anuu beeka

Buna lubbuuf xaaxa’u warri naa tolii kadhatu

Cabsituun tulluu amaaraatiin giraancee jetti

Citaan tokko luqqaasaniif manni hin dhimmisu

Dabeessa uleen (jirmi) shani

Daddaftee na dhungateef dhirsa naa hin taatu jette sanyoon

Dawaa ofii beekan namaa kudhaamu

Deegan malee waqayyo hin beekani

dhalli namaa otoo nyaattu diida laalti

Dhirsi hamaan maaf hin nyaatiin jedha niitii dhaan

Dhirsaa fi niitiin muka tokko irraa muramu

Dugda hin dhungatan, hunda hin dubbatani

Durbaa fi jiboota garaa gogaa lenjisu

Iyyuuf bakkeen naguma, dhiisuuf laphee na guba

Dhuufuun waliin mari’atanii dhuufan hin ajooftu

Diimina haaduun nyaatani,diimaa arrabaan nyaatu

Dinnichi bakka gobbitetti hordaa cabsiti

Doqnaa fi garbuu sukkuumanii nyaatu

Du’aan dhuufaa jennaan kan bokoke dhiisaa jedhe

Dubbii baha hin dhorkani galma malee

Dubbii jaarsaa ganama didanii galgala itti deebi’ani

Duulli biyya wajjinii godaansa

Eeboo darbatanii jinfuu hin qabatani

Edda waraabessi darbee sareen dutti

Fagaatan malee mi’aa biyyaa hin beekani

Farda kophaa fiiguu fi nama kophaa himatu hin amaniin

Firri gara firaa jennaan kal’een gara loonii jette

Foon lafa jira allaatti samii irraa wal lolti

foon lakkayi jennaan rajijjin tokko jedhe

fokkisaan nama qabata malee nama hin kadhatu

Fuula na tolchi beekumsi ollaa irraa argamaa jette intalli

Gaangeen abbaan kee eenyu jennaan eessumni koo farda jette

Gaangoonn haada kutte jennaan oftti jabeessite jedhani

Gabaan fira dhaba malee namadhabinsa hin iyyitu

Galaanni bakka bulu hin beekne dhakaa gangalchee deema

Gaalli yoom bade jennaan, gaafa morma dheeratu bade

Gamna gowomsuun jibba dabalachuu dha

Ganaman bahani waaqa jalaahin bahani

Gara barii ni dukkanaa’a

Garaa dhiibuu irra miila dhiibuu wayya

Garbittii lubbuuf walii gadi kaattu, warri qophinaafi se’u

Jaalalli allaatti gara raqaatti nama geessa

Gaashatti dhuufuun daalattii dha

Gogaa duugduun yoo dadhabdu saree arisaa kaati

Gola waaqayyoo itti nama hidhe lookoo malee ijaajju

Goomattuuf goommanni hin margu

Goondaan walqabattee laga ceeti

Gowwaa wajjin hin haasa’iin bakka maleetti sitti odeessa, karaa jaldeesaa hin hordofiin halayyaa nama geessa

Gowwaan ballessaa isaa irraa barat, gamni balleessaa gowwaa irraa barata

Gowwaan bishaan keessa ijaajjee dheebota

Gowwaan gaafa deege nagada

Gubattee hin agarre ibiddatti gamti

Guulaa hin bitiin jiilaa biti

Gowwaa kofalchiisanii, ilkee lakawu

Gowwaa fi bishaan gara itti jallisan deemu

Haadha gabaabduu ijoolleen hiriyaa seeti

haadha laalii intala fuudhi

Haadha yoo garaa beekan ilmoo jalaa qabani

Halagaa ilkaan adii, halangaan isaa sadi

Hanqaaquu keessa huuba barbaada

Haati ballaa (suuloo) ya bakkalcha koo jetti

Haa hafuun biyya abbaa ofiitti nama hanbisa

Haati hattuun intala hin amantu

Haati hattuun intala hin amantu

Haati kee bareeddi jennaan, karaa kana dhufti eegi jedhe

Habbuuqqaa guddinaaf hin quufani

Hagu dhiba jette sareen foksoo nyaatte

Hagu dhiba jette sareen foksoo nyaattee

Halagaa gaafa kolfaa fira gaafa golfaa

Hantuunni haadha jalatti adurree qabaa barti

Harka namaatiin ibidda qabaa hin sodaatani

Harki dabaruu wal dhiqxi

Harkaan Gudunfanii, Ilkaaniin Hiikkaa Dhaqu

Harree ganama badee, galgala kur-kuriin hin argitu

Harree hin qabnu, waraabessa wajjin wal hin lollu

Kan harree hin qabne farda tuffata

Harreen nyaattu na nyaadhu malee bishaan ol hin yaa’u jette waraabessaan

Harreen yoo alaaktu malee yoo dhuuftu hin beektu

Hidda malee xannachi hin dhiigu

Hidda mukaa lolaan baaseetu, hidda dubbii farshoo (jimaa)n baase

Hidhaa yoo tolcha, gadi garagalchanii baatu

hin guddattuu jennaan baratu dhumee jedhe

Hiriyaa malee dhaqanii gaggeessaa malee galu

hiyyeessaf hin qalani kan qalame nyaata

Hoodhu jennaan diddeetu lafa keenyaan hatte

Hoolaan abbaa abdatte, diboo duuba bulchiti

Hoolaan gaafa morma kutan samii(waaqa) arkiti

Ija laafettiin durbaa obboleessaf dhalti

Ijoollee bara quufaa munneen ibidda afuufa

Ijoollee hamtuun yoo nyaataaf waaman ergaaf na waamu jettee diddi

Ijoolleen  abaa ishee  dabeessa hin seetu

Ijoolleen quufne hin jett, garaatu na dhukube jetti malee

Ijoolleen quufne hin jettu beerri fayyaa bulle hin jettu

Ijoolleen niitii fuute gaafa quuftu galchiti

Ijoollee qananii fi farshoo qomocoraa warratu leellisa

Ijoollee soressaa dhungachuun gabbarsuu fakkaatti

Ilkaan waraabessaa lafee irratti sodaatu

Ilmi akkoon guddiftu dudda duubaan laga ce’a

Intalli bareedduun koomee milaatiin beekamti

Intallii haati jajju hin heerumtu

Itti hirkisaan kabaa hin ta’u

Ittiin bulinnaa sareen udaan namaa nyaatti

Jaamaan boru ijji keen ni banamti jennaan, edana akkamitin arka jedhe

Jaarsi dhukuba qofaa hin aaduu, waan achisutu garaa jira

Jaarsii fi qalqalloon guutuu malee hin dhaabatu

Jabbiin hootu hin mar’attu

Jaalalli jaldeessa yeroo fixeensaa garaa jalatti, yeroo bokkaa dugda irratti nama baatti

Jaalala keessa adurreen ilmoo nyaatti

Jaalalli allaatti gara raqaatti nama geessa

Jarjaraan re’ee hin horu

Jarjaraan waraabessaa gaafa ciniina

Jibicha korma ta’u elmaa irratti beeku

Jiraa ajjeesuun jalaa callisuu dha

Kadhatanii galanii weddisaa hin  daakani

Kan abbaan gaafa cabse halagaan gatii cabsa

Itti fufa ….

  1. it is great indeed bayyee n amatti tola jabadha kana caalaa itti dabalu yaala!

  2. Sammuun keessan haa yaadatu,Harka keessan mirmi hin ynaatin…

  3. dhugumaati baayee namatti tolaa kanaf guddaa galatoomma.

  4. Baay’ee natti tole jira . Bula horaa!

  5. Abraham Asefa

    Makmaassi naamusa jireenya koof baay’ee na gargaara galatoomaa!

Leave a comment